Qonna Oromiyaa ceesisuuf kallattiin xiyyeeffannaa kaa’ame

Finfinnee: Misooma qonnaa bu’uura dinagdee biyya keenyaa ta’e ceesisuuf kallattii kaa’ameen hojiitti seenamuu Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise. Waltajjii marii qonnarratti jijjiirama fiduu kaayyeffatee waajjira Pirezidaantii BMNOtti kaleessa gaggeeffamerratti Hogganaan biirichaa... Read more »

Marii hariiroo obbolummaa cimsuu Oromiyaatti

Mariin hariiroo obbolummaa cimsu Kibxata darberraa eegalee sadarkaa godinaafi maagaalota guguddooti jalqabe guyyaa dheengadda sadarkaa aanaaleetti itti ittifufuun kaleessa ammoo gandoota naannichaatti gegeeffameera. Marichaan duudhaa gaggaarii waliin jireenyaa ummattoota walitti hidheefi tokkoomsee... Read more »

Buqqaatonni kuma 875 qe’eesaaniitti deebi’an

Finfinnee: Rakkoo nageenyaa bakkeewwan garagaraatti mudateen lammiilee qe’eefi qabeenyasaaniirra buqqa’an keessaa kumni 875 gara q’eesaaniitti deebi’uu Ministeerri Nageenyaa ibse. Ministirri ministeerichaa Aadde Mufriyaat Kaamil gabaasa raawwii hojii ji’oota sagalii Kibxata darbe miseensota... Read more »

“Malaammaltummaa ittisuuf qindoominni dhaabbilee dimokraasii bittinnaa’aadha” -Qorannoo

Finfinnee: Akka biyyaalessaatti rakkoolee guguddoo Itoophiyaa mudachaa jiran keessaa malaammaltummaan isa ijoo yoo ta’u, kutaalee hawaasaa hunda miidhuun namootni muraasni qofti qabeenyi ummataatti seeraan ala akka fayyadaman kan taasisu ta’uu hayyoonni ni... Read more »

Leegaasii Doktar Nagaasoon labataaf dabarsan

Finfinnee: “Doktar Nagaasoo Gidaadaa Soolan waliin bultii dhaabbannee waggoota 35f jiraanneerra. Waggoota kanneen keessatti akka abbaa warraatti qofa osoo hintaane akka obboleessaafi hiriyaa gaariitti waliin yeroo dheeraa dabarsine.” “Doktar Nagaasoon, hayyuu siyaasa... Read more »

Hariiroo obbolummaa dhiigaan walitti hidhame

Adaamaa: Ummatni Oromoofi Somaalee durirraa kaasee akka ummata tokkootti nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa kan turan yoo ta’u, har’as taanaan gammachuufi gadda qaban walumaan qooddachaa ummata jiraataniidha. Waggoota muraasa darban asitti garuu shira... Read more »

Doktar Abiyyi badhaasa nageenyaa ‘UNESCO’ injifatan

Finfinnee: Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad badhaasa nageenyaa Dhaabbanni Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (‘UNESCO’) qopheessu injifatan. Badhaasni nageenyaa Doktar Abiyyi injifatan; nageenya fiduu, kabachiisuufi tursiisuuf gumaacha taasisaniini. Badhaasni injifatanis kan... Read more »

Doktar Nagaasoo Gidaadaa afaan firootaafi waa’illansaaniitiin

-Obbo Elsaayi Gidaadaa (Obboleessa quxisuu) “Doktar Nagaasoon akkuma obboleessi kamuu obbalaasaafi maatiisaa jaalatutti maatiifi firootasaatiif jaalala guddaa qaba. Nama hundaa walqixa jaalata. Walbirattis nu jaalata. Hamma danda’etti bakka gaddaattis gammachuutti nu biratti... Read more »

Aadde Loomii Badhoo du’a Dr. Nagaasoorratti waan jedhan

“Doktar Nagaasoon ummata Oromoo biratti hayyuu seenaa iddoo olaanaafi murteessaa qabaniidha. Yeroo dhimmi Oromummaa kaasuun akka yakkaa guddaatti lakkaa’amaa turetti baratanii barnootasaaniitiin jireenya dhuunfaasaanii fooyyeffachuuf otoo hintaane gidiraafi cunqursaa ummata Oromoorra gahaa... Read more »

buufataaleen Televiziiyoonaafi raadiyoo 16 hayyama fudhatan

Finfinnee: Waggaa tokko keessatti dhuunfaadhaan buufataaleen televiziiyoonaa 13fi raadiyoo sadii hayyama fudhatanii tamsaasa eegaluuf qophiirra akka jiran Abbaan Taayitaa Birodikaastii Itoophiyaa beeksise. Daayirektarri abbaa taayitichaa, Doktar Geetaachoo Dinquu Gaafdeebii Guyyaa Pireesii Addunyaa... Read more »