Labsiin kaffaltii beenyaa 455/1997 fooyya’e

Finfinnee: Magaalota biyyattii addaddaatti lammiilee sababa misoomaan qabiyyee lafasaaniirraa buqqa’an haala fulla’aa ta’een utubuuf labsiin kaffaltii beenyaa 455/1997 irra deebiin akka fooyyeffamu taasifameera. Kanaanis qabiyyeen lafaa misooma ummataatiif wayita barbaadamutti beekamtiifi eeyyama... Read more »

Miidhaa lolaa dandamachuuf qophiin duraa taasifamus jiraattonni Tajiifi Asgorii yaaddoo keessa jiru

Finfinnee: Lagni Awaash Shawaa Lixaatii ka’ee hanga Arsii qaqqabutti godinaalee shaniifi aanaalee 15 qaxxaamuree gara Naannoo Affaaritti darba . Lagni kun akkuma ummata biyyattiitiif faayidaa guddaa kennu gaafa guute balaa guddaa qaqqabsiisa.... Read more »

“Bosonni Oromiyaa dinagdee Oromiyaa utubuu qaba” -Doktar Girmaa Amantee

Finfinnee: Obbo Muktaar Yaasiin Godina Jimmaatti jiraataa Magaalaa Aggaaroo yoo ta’an hojii misooma biqiltuurratti bobba’aniiru. Akaakuuwwan mukaa kanneen akka garaaveeliyaa, gaattiraafi kkf lafa heektaara sagal caalurratti dhaabanii kunuunsaa jiru. Hojii kanatti erga... Read more »

Miixannaa Korporeeshinii Sibiilotaafi Injinariingii

Finfinnee: Korporeeshiniin Sibiilotaafi Injinariingii bara 2002tti erga hundeeffamee kaasee indastiriiwwan addaddaa keessatti misooma teknolojii babal’isuufi carraa hojii uumuun guddina dinagdee Itoophiyaa hanga tokko si’eessaa tureera. Waggoota shanii as garuu hojmaatni korporeeshinichaa adeemsa... Read more »

“ Ilaalcha hooggantoota Itoophiyaatiif qabnu haqneerra” -Gaazexeessaa Abduljaliil Abdallaa

Finfinnee: Abduljaliil AbdallaaAmeerkaatti, gaazexeessaa Televizhinii Oromooti (bardheengaddaa gaafa Doktar Abiyyi Magaalaa Minisotaa daaw’atan waltajjicha Afaan Oromootiin geggeessaa ture). Namoota miidiyaa kana hundeessan keessaa tokko akka ta’eefi ALA bara 1997 irraa eegalee hanga... Read more »

Biqiltuu dhaabuun sirba guyyaa tokkoo ta’uu hinqabu

Finfinnee: Doktar Girmaa Mokonnin miseensa Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataati. Akka isaan jedhanitti, duulli dhaabbii biqiltuu Adoolessa 22 bara 2011 sadarkaa biyyaatti adeemsifame mootummaan biyyattii haalaafi dhugaadhaan ummata dura bu’ee hojjetuufi karaa... Read more »

“Dirree Dhawaan haadha ummataati” -Doktar Artisti Alii Birraa

Finfinnee: Magaalota guguddoo Itoophiyaa Bahaatti argaman keessaa Dirree Dhawaan adda durummaan waamamti. Sababnisaas wiirtuu sirna daldala biyyattii ta’uusheerra darbee magaalaa jaalalaa, tokkummaafi walgargaarsi sabootaa, sablammootaafi ummattootaa fakkeenyummaan eeramuudha. Waggoota shanii as garuu... Read more »

“Mootummaan tajaajila intarneetii addaan kutuuf karoora hinqabu; garuu biyya diiga taanaan hinoolu” -Doktar Abiyyi Ahmad

Finfinnee: Ministirri Muummee Mootummaa Rippabilikii Federaalawaa Dimokiraatawaa Itoophiyaa (RFDI),  Doktar Abiyyi Ahmad dhimmoota wayitawaa eegumsa mirga namoomaa, olaantummaa seeraa, akkasumas nagaafi tasgabbii biyyattiirratti dheengadda  waajjirasaaniitti gaazexeessitoota biyya keessaafi alaaf ibsa kennaniiru. Wayita... Read more »

Carraan tiraaktarootaafi paampiiwwan Adaamaatti daggalaaan nyaatamaa jiranii akkam ta’a laata?

Adaamaa: IndastiriiwwanKorporeeshinii Sibiilotaafi Injinariingii saddeet keessaa Indastiriin Meeshaalee Qonnaa Adaamaa isa tokko. Kaayyoon hundeeffamasaas bu’uura dinagdee biyyattii kan ta’e sektara qonnaatiif meeshaalee ammayyaawaa ta’an dhiyeessuutiin misooma dinagdee biyyattii utubuudha. Waggoota shanii asitti... Read more »

Waldaan Qorannoo Oromoo yaa’iisaa waggaa Finfinneetti geggeeffataa jira

Finfinnee: Waldaan Qorannoo Oromoo (Oromo Studies Association -OSAn) yaa’iisaa 33fa kaleessarraa eegalee guyyoota sadiif turu handhuura Oromiyaa, Finfinneetti taa’aa jira. Pirezdaantiin waldichaa Aadde Kuulanii Jaalataa baniinsa yaa’ichaarratti haasawa taasisaniin waldichi aadaa, eenyummaafi... Read more »