“Nummoo bosona ijoollee abbaa Gadaa qabaachuuf biqiltuu ni dhaabna” -Artiistoota Oromoo

Finfinnee: Roobii darbee abbootiin Gadaa, abbootiin amantii, artiistoonni, daldaltoonniifi hoggantoonni miidiyaa Waajjira Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kaayyoo waloo tokkoof hanga galmi isaan hanqatutti walitti qabamaniiru. Kaayyoonsaaniis waamicha ilma abbaa Gadaa, Abbichuuf awwaachuufi.... Read more »

“Barnootni Afaan Oromoo kan eegalame, Amaariffa dura” -Hayyoota

Jimma: Biyya sabaafi sablammoota hedduu taate keessatti olaantummaan afaan tokkoo qofti akka uumamu ta’e jedhamee sirnoota darbaniin hojjatamaa turuusaatiin godaannisni seenaa uumameera. Sirni bulchiinsaa sabootaafi ummattoota hundaa fedhaanis ta’ee humnaan bulchaa ture... Read more »

Gaazexaan Bariisaa torbanitti al sadii maxxanfamuufi

Finfinnee: Waggoota 42 darbaniif torbanitti al tokko maxxanfamaa kan turte Gaazexaan Bariisaa torbanitti al sadii maxxansiisuuf karoorfamuu walittiqabaan Boordii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa ibsan. Walittiqabaan boordichaa, Obbo Kaasaahun Goofee, sirna eebba gaazexoota jijjiirama... Read more »

Adooleessa 22: Waamicha Abbichuu ooluun booreedha

Guyyicha Oromiyaa qofatti biqiltuu mil. 300 dhaabuuf qophiin xumurameera Finfinnee: Iftaan, Adoolessa 22 akka guutuu biyyaatti biqiltuu miliyoona 200 dhaabuuf karoorri kan qabame yoo ta’u, Oromiyaa qofatti miliyoona 300 dhaabuuf qophiin hundi... Read more »

“Sirni Gadaa rakkoo har’a Itoophiyaas ta’e gaanfa Afrikaa mudachaa jiruuf furmaata” -Hayyoota

Jimma:  Seenaan abbaa wallaaltee dharri dharaan abbaa hinmallettti maxxante. Dhugaan wallaalaan bakka buutee ragaa sobaatiin haqa moote. Haqni dabdee kijibni qajeelte. Abbaa haqaa qaanfachiiftee isa dharaa afuuffee kijibaatiin boonsite. Oromoon gaafa diinaan... Read more »

“Oromiyaatti kennamaa kan jiru tajaajila lammummaa malee lammummaa miti” -Obbo Iisaa Boruu

Finfinnee: Caffeen Oromiyaa walga’iisaa torban kana taa’een labsii Kenna Tajaajila Lammummaa Naannoo Oromiyaa murteessuuf ba’e sagalee guutuudhaan mirkaneesseera. Kenni tajaajila lammummaa kaayyoowwan, dhaloonni akkaataa duudhaan sirna Gadaa barsiisuun naannoo isaaf ga’ee lammummaa... Read more »

Ummanni miliyoona 16 keemikaala filoraayidiitin miidhamaa jira

Finfinnee: “Bareedduu ilkaan aannanii” inni jedhu shamarran sulula qiinxamaa (riftivaalii)tiif faarsuu osoo hintaane arrabsuu fakkaata.  Dubartii martii gaaddisaa, tan fuulli daaw’itii, tan ijji ji’a goobane fakkaatutu diimina ilkaaniitiin bareeda afaan ajaa’e ta’aa... Read more »

Daandii Qiilleensa Itoophiyaa gurguruuf ariifachuun sirrii miti jedhame

Finfinnee: Karoorri mootummaan Daandii Qilleensa Itoophiyaa gara dhuunfaatti naannessuuf qabate bu’aa qabeessummaa ammaan tana dhaabbatichi irra jiruun sirrii akka hintaane Obbo Girmaa Waaqee ibsan. Adeemsisaan hojii duraaniifi miseensi Boordii Daandii Qilleensa Itoophiyaa,... Read more »

Irreechi birraa dhufu walargaan handhuura Oromiyaa, Hora Finfinneetti

Finfinnee: Oromoon sirna Gadaatiin bula. Duudhaalee sirna Gadaa keessaammoo Irreechi isa tokko. Irreessi galateeffannaadha. Waaqa isa seeroota hintuqamne ja’aan, lafa, samii, tulluu, malkaa, abbaafi haadha uume galateeffata. Kanas yoo dhuunfaan ta’e yeroo... Read more »

Oromiyaa waa hundaan ijaaruuf xiiqiin hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee: Mootummaafi ummanni, Oromiyaa waa hundaan misoomteefi guddatte ijaaruufi jijjiirama biyyattiitti eegalame ceessisuuf xiiqiin hojjetamaa akka jiru Biiroon Dhimmoota Komunikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa (BDhKMNO) beeksise. Hogganaan biirichaa, Obbo Admaasuu Daamxoo ibsa kaleessa... Read more »