Maniin anga’oota muudamanii tajaajiluu malee tajaajilamuu ta’uu hinqabu

Finfinnee: Maniin anga’oota muudamanii hawaasa tajaajiluu malee hawaasarraa tajaajilamuu ta’uu hinqabu jechuun hayyuun hoggansaa Doktar Zarihuun Gabree dubbatan. Doktar Zarihuun ibsa addatti dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin seenaawwan rakkoo gaggeessummaa ardii Afrikaa darbanii... Read more »

“Rakkoon Sudaan kibbaa mudate Itoophiyaa mudachuu hinqabu” – Salvaakiira Mayardiiti

Wixata darbe sirna simannaa mootummaa haaraa jiraatota Finfinneefi naannawashii akkasumas pirezidaantota biyyoota ollaafi ardii Afrikaa hirmaachise haala ho’aadhaa Adababa’ii Masqalaatti adeemsifameera Sirnicharratti anga’oonni biyyoota Afrikaa hawwii Itoophiyaafi ummatashiitiif qaban haala daran hawataa... Read more »

“Namni darara kaleessaa hinbeekne jijjiirama har’aa hinhubatu” -Ustaaz Kaamiil Shamsuu

Finfinnee: Gaaffii mirgaa kaasaaniif mana hidhaa Maa’ikalaawiitti darara guddaa isaanirra ga’een dhibee diiskiif saaxilamanis, haalli kaleessaa sun har’a jijjiiramuusaatti kan gammadan ta’uu miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ustaaz Kaamiil Shamsuu ibsan.... Read more »

“Siyaasarraa moggaatti of dhiibuurra gara wiirtuutti hiiquutu furmaata” – Jaal Qajeelaa Mardaasaa

Finfinnee: Siyaasas ta’e dhimma biyyaarraa moggaatti of dhiibuurra gara wiirtuutti hiiquun egeree biyyattiif furmaata waaraadha amantaa jedhu akka qaban Hayyuu Duree Ittaanaan ABOfi Ministirri Aadaafi Ispoortii Jaal Qajeelaa Mardaasaa dubbatan. Jaal Qajeelaan... Read more »

“Boqonnaa haaraan dawaa siyaasaa haaraa fida” -Doktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee: Itoophiyaatti dimokraasii sirriifi fedhii ummataa bu’ureeffate diriirsuun boqqonnaa haaraa, dawaa siyaasaa haaraa fiduudha jedhan ittigaafatamaan Qunnamtii Ummataafi Biyyoolessaa Paartii Badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa. Ittigaafatamtichi ibsa dheengadda addatti Gaazeexaa Bariisaatiif kennaniin, seenaa... Read more »

“Paarlamaan darbe hayyoota hirmaachisuu dhabuusaatti biyyattii gatii kanfalchiiseera” -Pirofeesar Birhaanuu Borjee

Hawaasaa: Hayyoota manneen marii ummataa sadarkaadhaan jiranitti hirmaachisuun hafee dhimmuma biyya fayyadurratti hayyoota mariisisuun sirna darbe keessatti dhabamuusaatiin biyyattiin hayyootashee irraa akka hinfayyadamne taasisuu barsiisaan Yunvarsiitii hawaasaa Piofeesar Birhaanuu Borjee isban. Akka... Read more »

“Oromiyatti manneen barnootaa bu’uura borii 1,038 hojiif qophaa’an” -Biiroo Barnoota Oromiyaa

Barnootni Onkoloolessa 3 eegalama” Finfinnee: Guyyaan galmeessa bara barnootaa baranaa kan xumuramu Onkololeessa lama 2 bara 2014 ta’uufi hojiin baruu barsiisuu immoo Onkololeessa 3 kan eegalamu ta’uu Hoogganaa Ittaanaa Biiroo Barnoota Oromiyaa... Read more »

“Biyya kana ceesisuu keessatti diyaaspooraan ga’eesaa ba’achuu qaba” -Diyaaspooraa Oromoo keessaa

Finfinnee: Doktar Jamaal Hasan Ameerikaa Omaahaa, Nebraskaadhaa (Omaha, Nebraska) sirna hundeeffama mootummaa haaraa Itoophiyaarratti akka argamaniif affeeramanii dhufan. Isaanis waa’ee mootummaa haaraa hundeeffameefi dhimma waliigalaarratti yaada kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti,... Read more »

“Miseensonni kaabinee haaraa hattummaa kan faccisan, kadhattummaa kan balleessan ta’uu qabu” -Doktar Abiyyi Ahimad

Finfinnee: Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa Mootummaa RFDI marsaa jahaffaan Wixata darbe (Fulbaana 24 bara 2014) Ministira Muummee, Afyaa’otaafi Afyaa’ota Ittaanii Mannneen Marii Bakka Bu’oota Ummataafi Federeeshii muuduufi filachuunsaa ni yaadatama. Ministirri... Read more »

“Ayyaanni Irreechaa nagaan akka kabajamuuf Qeerroon ga’ee dursummaa fudhachuu qaba” -Eebbifamtoota Yunvarsiitii Jimmaa

Jimmaa: Haalli kabaja ayyaana irreechaa bara darbee komiifi hamii hedduu keessummeessee akka ture namuu waan dagatuu miti. Ayyaanni waaqaa bacaqii gannaa keessaa baasee gara birraatti nama dabarseef kabajniifi galateeffannaan itti kennamu kun... Read more »