“Harcaatii malee callaa kuntaala miiliyoona sagal walitti qabuuf hojjetemaa jira” -Bulchaa Godina Baalee

Finfinnee: Harcaatii malee omisha qamadii kuntaala miiliyoona sagal walitti qabuuf qophaa’aa jiraachuu Bulchaan Godina Baalee Obbo Abdulhakiim Aliyyii ibsan. Obbo Abdulhakiim ibsa torban darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, akka godinichaatti omishni... Read more »

Aanaa Dandiitti qonnaan bulaan omishtummaasaa guddisaa jira

Ambo: Bulchiinsaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Dandiitti qonnaan bultoota ganda Awaash Baldhoo fayyadamtoota teknolojii qonna ammayyaa ta’aniiru. Qonnaan bulaan ganda Awaash Baldhoo Obbo Batiruu Waaqtolees omisha kanaan dura ture... Read more »

Wancii: Mandara turizimii filatamtuu addunyaa

Finfinnee: Maqaan Wancii jedhamu jecha waciitii jedhamurraa akka dhufe maanguddoonni naannawichaa ni dubbatu. Kunis gaafa haricha gubbaarraa ilaalan waan danaa waciitii qabuufi jedhu. Haroon Wancii kan argamu Godina Shawaa Kibba Lixaatti yoo... Read more »

Itoophiyaatti hojiirra oolmaan sirna federaalizimii bara ABUT tureefi isa booda jiru maal fakkaata?

Finfinnee: Sirni Federaalizimii Itoophiyaatti hojiirra ooluu kan jalqabe bara 1983 as erga mootummaan Dargii qabsoo sabootaafi sablammoota biyyattiitiin kufee booda. Sirnichi yoo xiqqaate bulchiinsa caasaa mootummaa lamaa ol (federaalaa fi naannolee) kan... Read more »

“Gootummaan Doktar Abiyyi Ahmad adda waraanaatti galmeessisaa jiran sirnaan barreeffamee seenaaf darbuu qaba” -Doktor Taaddasaa Leencoo

Finfinnee: Har’as miirri seenaa hatuu kaleessaa akka irra hindeebi’amneef gootummaa dirree waraanaatti mul’achaa jiru seenaaf olkaa’uuf hayyoonni seenaa hojjechuu akka qaban Doktor Taaddasaa Leencoo ibsan. Yunivarsiitii Finfinneetti Barsiisaa Seeraa kan ta’an Doktar... Read more »

Gochi shaneen raawwataa jiru seenaa qabsaa’ota Oromoo kan xureessuudha

Finfinnee: Gochi shororkeessaa Shaneen Oromiyaa iddoowwan tokko tokkotti keessumaa Godina Shawaa Kaabaatti raawwataa ture seenaa qabsaa’ota Oromoo sabasaaniif aarsaa ta’anii kan xureessu ta’uu bulchaan godinichaa ibsan. Bulchichi Obbo Abrahaam Gaaddisaa ibsa dheengadda... Read more »

“Hubannaan Oromoon akka sabaatti siyaasarratti qabu kaan bilisoomsee, kaan tufee saaxileera” -Obbo Leeniin Quutoo

Rakkoon ummata bira hinjiru. Kan ummata walitti buusaa jiru warra baranne ofiin jedhaniifi murnoota aangoofi faayidaa dhuunfaa argachuuf jecha maqaa ummataatiin daldalaniidha. Summii murnoonni kunneen facaasantu nageenya biyyattii booressaa jira. Fakkeenyaaf Oromoo... Read more »

Duulli qindaa’aan taasifame Itoophiyaa ol qabeera

Finfinnee: Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad duula adda waraanaa marsaa jalqabaa ‘’Injifannoon xumuranii’’ waajjirasaaniitti deebi’uu ilaalchisee ibsa kennaniin “Diina yeroo muraasa dura Itoophiyaa waraanuuf ka’e qolachuuf hojiin qindoominaa hojjetame Itoophiyaa ol... Read more »

Qaamni hidhatee bosona jiru waamicha abbootii Gadaa kabajee hawaasatti deebi’uu qaba jedhame

Finfinnee: Abbootiin Gadaa Sikkoo- Mandoo dargaggoota Godina Arsii miseensa Shanee ta’anii bosonatti galuun diina waliin turan dhiifama gaafachuun hawaasatti makamuu akka qaban Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa ibsan. Abbaa Gadaa Goobana ibsa... Read more »

Komishinichi miidhaa jijjiirama qilleensaatiin dhufu hir’isuuf hojjetaa jira

Finfinnee: Ongeefi weerara hawaannisaa sababa jijjiirama qilleensaatiin naannolee Itoophiyaa mudataa jiru hir’isuuf seektaroota dhimmichi ilaallatu wajjin hojjechaa jiraachuu Komishiniin Eegumsa Naannoo, Bosonaafi Jijjiirama Qilleensaa ibse. Komishinarri komishinichaa Pirofesar Fiqaaduu Bayyanaa ibsa Gaazexaa... Read more »