Oromiyaatti bara barnootaa ittaanuuf kitaabileen miliyoona lamaa ol maxxanfaman

– Boorana Bahaatti hojii baruu barsiisuu bara 2017f qophii gahaan taasifame Finfinnee: Naannichatti bara barnootaa ittaanuuf ji’oota lamaan darbanitti kitaabileen miliyoona lamaa ol maxxanfamuu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise. Boorana Bahaatti hojii baruu... Read more »

 Humnoonni qilleensaa du’aatii haadholiifi daa’immanii hir’isuuf duuluu qabu

Rakkoo ilaalchaa talaallii dhibeewwan garagaraaf kennamurra tureen talaallii fudhachuu dhabuun haadholiifi daa’imman lubbuunsaanii sadarkaa addunyaatti darbaa ture olaanaadha. Gara Afrikaatti deebinee yoo ilaallus sababoota gara garaa saayinsiirraa fagoo ta’aniin walqabsiisuun talaallii fudhachuu... Read more »

 Qooda konkolaataa elektirikii milkaa’ina imala dinagdee magariisaa keessatti

Finfinnee: Tajaajila konkolaattota elektirikii babal’isanii faalama qilleensaa hir’isuun sagantaa dinagdee magariisaa milkeessuu keessatti gahee guddaa qaba. Mariin walitti hidhamiinsa konkolaattota elektirikiin socho’aniifi dinagdee magariisaarratti xiyyeeffate Kibxata darbe qaamolee dhimmichi ilaallatu hirmaachisuun Finfinnee,... Read more »

 “Rakkoo dhiyeessii bishaan dhugaatii Harar furuuf hanqinni tajaajila ibsaa danqaa ta’e” -Abbaa Taayitaa Bishaaniifi Dhangala’aa Hararii

“Rakkoo mudateef humni dabalataa gaafatamuu baatus rakkinicha furuuf hojjetaa jirra” – Tajaajila Humna Ibsaa Naannawa Dirree Dhawaa Finfinnee: Rakkoo dhiyeessii bishaan dhugaatii Harar furuuf hanqinaafi addaan ciccitiinsi humna ibsaa danqaa ta’uu Abbaan... Read more »

 Milkaa’inni hidha laga Abbayyaarratti galmaa’aa jiru karoorawwan kaanis milkeessuuf shoora olaanaa qaba

– Milkaa’inichi ulaa galaanaa argachuufis daandii saaqa Finfinnee: Milkaa’inni hidha laga Abbayyaarratti galmaa’aa jiru magaalota sochoosuudhaan karoora biyyaa kaanis galmaan ga’uu keessatti shoora olaanaa qaba jechuun Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo ibsan. Ministirri duraanii... Read more »

 Tola ooltummaan namoota miliyoona lamaaf tajaajila bilisaa Ministeera Fayyaatiin

Finfinnee: Ministeerri Fayyaa Federaalaa hojii tola ooltummaa gannaan namoota miliyoona lamaaf tajaajila bilisaa kennaa jira. Dursaan Garee Qunnamtii Ummataafi Kominikeeshinii Ministeerichaa Obbo Yordaanos Allabbaachoo tibbana Bariisaatti akka himanitti, ministeerichi hojii tola ooltummaa... Read more »

 Shaggaritti manneen daldalaa gatii dabalan 379 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee: Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti fooyya’insa Dinagdee Gooroo akka biyyaatti taasifameen walqabatee manneen daldalaa omishaalee garaagaraarratti gatii dabalan 379 irrratti tarkaanfii fudhachuu Waajjirri Daldala Magaalichaa beeksise. Itigaafatamaan Waajjirichaa Obbo Bariisoo Tamasgeen Kamisa darbe... Read more »

 Godina Baaleetti qonna arfaasaatiin qamadii kuntaalli miliyoonni 3.9 sassaabame

Finfinnee: Godina Baaleetti qonna arfaasaa baranaatiin qamadii kuntaala miliyoona shanii ol argachuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli miliyoonni 3.9 sassaabamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Aliyyi Muhammad ibsa Roobii darbe Gaazexaa... Read more »

 Oromiyaatti biqiltuuleen baala shaayii miliyoona 413 dhaabbiif qophaa’an

Finfinnee: Oromiyaatti bara 2016 biqiltuuleen baala shaayii miliyoonni 413 dhaabbiif qophaa’uu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise. Hogganaa ittaanaan biirichaa Obbo Mahaammadsaanii Amiin ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, naannichi potenshaalaafi carraa... Read more »

 Murtoon kaabineen naannichaa murteesse galii ogeessota fayyaa daran dabala

Finfinnee: Murtoon kaabineen Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa invastimantii damee fayyaa ilaalchisee ibbana murteesse galiin ogeessota fayyaa daran akka dabalu kan taasisu ta’uu Biiroon Fayyaa Naannichaa beeksise. Seektara fayyaatti gahee dhaabbilee dhuunfaa guddisuuf... Read more »