Naannoo Ummattoota Itoophiyaa Kibba Lixaatti hirmaattotni 2,200 ol waltajjii calallii ajandaa mariirratti hirmaatan

Finfinnee: Naannoo Ummattoota Itoophiyaa Kibba Lixaatti Waltajjii calallii ajandaa marii biyyaalessaarratti hirmaattotni 2,200 ol hirmaachuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise. Waltajjiin kun Onkoloolessa 24 akka eegaleefi har’a akka goolabamus ibsameera. Komishinarrii komishinichaa Mulgeetaa... Read more »

 Naannoo Amaaraatti namoota rakkoo nageenyaa da’atanii malaammaltummaa raawwatanirratti qabsa’amaa jira

Finfinnee: Naannoo Amaaraatti namoota rakkoo nageenyaa da’atanii malaammaltummaarratti bobbo’an ummatni hadheeffatee irratti qabsa’aa jiraachuu Mootummaan Naannichaa ibse. Hogganaan Biiroo Koominikeeshinii Naannichaa Doktar Mangashaa Faantahuu sochii hawaasummaafi dinagdee akkasumas waltajjii marii hawaasaa ilaalchisee... Read more »

 Oromiyaatti dhiibbaa daa’immaniifi dubartootaa qolachuuf sosochiin hubannoo ji’a tokkoof turu har’a eegala

Finfinnee: Dhiibbaan daa’immaniifi dubartootarra ga’u haalaafi amalasaa jijjiirrachuun akkaataa safuu ummataa cabseen qaqqabu dabalaa jiraachuusaatiin sosochiin hubannoo uumuu Onkolooleessa 30- Sadaasa 30tti turu akka adeemsifamu Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa beeksise. Sosochiin... Read more »

 Calaqqee Oromummaa walsakaaluurraa gara waliin imaluutti ce’e

Finfinnee: Oromoon waan waliin qabu malee waan irratti wal dhabu akka hin qabne eelaa garbummaafi imala qabsoo nuffisiisaa waggoota 150 olii yaadachuu qofti gahaadha. Sirnoota darbaniif amanamuufi amanamuu dhabuun qulqulluu nama hin... Read more »

 Midhaan gahe roobaan akka hin miidhamne duulaan sassaabamuu qaba jedhame

– Oromiyaatti midhaan kuntaalli miliyoona 12.2 sassaabame Finfinnee: Midhaan gahe roobaan akka hin mancaane duulaan sassaabamuu akka qabu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise. Naannichatti lafa hektaara kuma 550 irraa midhaan sassaabamerraa callaa kuntaalli... Read more »

Yaa’ii omishtummaa dabaluun addunyaarraa beela balleessuurratti xiyyeeffate

Finfinnee: Beela balleessuuf Dhaabbatni Mootummoota Gamtoomanii ALAtti bara 1943 irraa eegalee sochii garaagaraa taasisaa jira. Dhaabbatni kun A.L.A bara 1945tti Dhaabbata Qonnaafi Nyaata Addunyaa (FAO), bara 1961tti ammoo Sagantaa Nyaata Addunyaa (World... Read more »

 Beenishaangul Gumuzitti qonna gannaarraa callaa kuntaala miliyoona 45 sassaabuuf hojjetamaa jira

Hektaarri kuma 220n kilaastaraan faca’eera Finfinnee: Qonna gannaa 2016/2017 irraa callaa kuntaalli miliyoona 45 sassaabuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannoo Beenishaangul Gumuz beeksise. Kunuunsaafi hordoffiin biqiloota ashaaraa magariisaan dhaabbatan ittifufee jiraachuun ibsameera.... Read more »

 Barana Nooraan kuntaala kuma 800 qonnaan bultoota bira ni gaha

Gudar: Barana Nooraa kuntaala kuma 800 ta’u omishuudhaan qonnaan bultoota laftisaanii rakkoo asiidummaaf saaxilameef raabsuuf hojjechaa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise. Waggoota shanan darbanitti lafa dulloome deebisanii faayidaaf oolchuuf hojiin Nooraa omishuudhaan... Read more »

 Arsii Lixaatti garbuun biqilaa lafa hektaara kuma 175 irratti misoomaa jira

Finfinnee: Godina Arsii Lixaatti bara omishaa 2016/2017 lafa hektaara kuma 150 sanyii garbuu biqilaatiin uwwisuuf karoorfamee lafa hektaara kuma 175 sanyiichaan uwwisuun kan danda’ame ta’uu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Ittigaafatamaa Ittaanaan waajjirichaa... Read more »

Oromiyaatti Manneen Murtii Aadaa 2350 ol ijaaraman

Finfinnee: Naannoo Oromiyaatti Manneen jaarsoliin keessa taa’anii karaa aadaatiin dhimmoota ilaalan( Gaaddisni Mana Murtii Aadaa) 2350 ol ijaaramee tajaajila kennaa jiraachuu Manni Murtii Waliigala Oromiyaa beeksise. Pirezidaantiin Mana Murtichaa Obbo Gaazalii Abbaa... Read more »