Yaadannoo waggaa 1fa Haacaaluu Hundeessaa

Sinqinash Alamuutiin Haacaaluun magaalaa qabsoo Oromoo finiinsuun maqaanshee ka’u Ambotti, abbaasaa Hundeessaa Boonsaafi harmeesaa Guddattuu Horaarraa Muddee 22 bara 1976 dhalate. Ijoollummaatti hiriyootasaa kanneen akka Birhaanuu Abarraafaa wajjin hurufa Alaltuutti jabbileefi loon... Read more »

Fakkeenya tokkummaa Itoophiyaanummaa, hariiroo Oromoofi Somaalee

 Bayyanaa Ibraahimiin Biyyi teenya Itoophiyaan biyya bal’oofi uumamaan badhaatuu, kan sabaafi sablammoonni akkasumas ummattoonni garaa garaa adaafi haala jireenya adda addaa qabu keessa jiraatuudha. Ummattootni aadaafi duudhaa, seenaafi haala jireenyaa garaa garaa... Read more »

Soddomman daayaa: Heera Oromoo Ituu kudhan gorsee, kudhan obsee, kudhan dhoksu…

Waasihun Takileetiin Tibbana Weellisaa Galaanaa Gaaromsaa wallee haaraa “walagarraa” jettuun dhageettii miliyoonotaan lakkaawaman horateera. Ergaan Walleesaa daraan gadi fagoofi duudhaa, safuufi dimokiraatummaa uummata Oromoo sirriitti kan ibse ta’uusaatiin jaalatamummaa guddaa horateera. Kana... Read more »

Maalummaa, kabajaafi aangoo Siinqee

Siinqeen sirna. Sirna dubartoonni Oromoo Sirna Gadaa keessatti gaheesaanii ittiin bahataniidha. Siinqeen hundeeffama Sirna Gadaarraa kaasee qaama Sirna Gadaa ta’uun dhalootaa dhalootatti darbaa kan dhufeedha. Sirna Gadaa keessatti Abbootiin Gadaa Bokkuufi Kallachatti... Read more »

Sookkee: Kitaaba asoosamaa Gaazexeessituu Abaaboo Maammoo

“Maa… maal si godha obboleessi kee yoo baay’ate si reeba mitii? Qaamaan yoo reebamte maal ta’a, anaaf jettee, anuu jira siif jecha sammuun kaniin reebamaa jiraachaa jiru” jedhe Boonsaan. “Uuf…” afuura dheeraa... Read more »

Gaambeellaafi hambaawwansaa

Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Gaambeellaa naannolee kurnan Itoophiyaa keessaa tokko yoo ta’u, Finfinneerraa kiiloo meetira 766 fagaatee argama. Bal’inni lafasaa iskuwer kiiloo meetira kuma 34fi 65 uwwisuudha. Naannoon Gaambeellaa Itoophiyaa kibba lixaatti kan... Read more »

Ayyaana Cambalaalaarratti rigaa walii kennuun walkaadhimmachuu

Aadaan mallattoo eenyummaati, agarsiistuu sabaati, faajjiifi ibsituu ga’umsa kalaqaa, miidhaginaafi madda galii biyyaati. Itoophiyaan aadaa sabootaafi sablammootaatiin kan badhaate taatus cunqursaa  sirnoonni ofittoo nafxanyaa geessisaa turaniin aadaaleen miidhaginaafi madda galii ta’an hedduun... Read more »

Aadaa Hirma Adiifi Gaarayyuu Qeerroofi Qarree Oromoo Walloo biratti

Ijoollee Kuush  bal’inaan kaaba Itoophiyaa jiraatan keessa Raayyaan, Agawu, Qimaantiifi Oromoon Walloo isaan muraasa  yoo ta’an,  hagam dhiibbaa sirna nafxanyaa jalatti hiraarfamanis eenyummaasaanii ganamaa, aadaa, duudhaafi afaansaanii dhaloota har’aan gahataniiru. Saboonni kunniin... Read more »

Duudhaalee ji’a Ramadaanaa

Haalli waggoota lamaan darbanitti addunyaa mudate dhimmoota hedduu irratti miidhaa ykn dhiibbaa garagaraa uumuunsaa waan hinoolle. Bara darbe yeroo kana dhibeen tasa addunyaa mudate biyya keenyatti tarkaanfachuudhaan yeroo babal’achuu eegalutti aadaan waliin... Read more »

Ayyaana Faasikaafi duudhaa Oromoo

Ayyaanni guyyaa gammachuu, kabajaa, galataa, yaadannoo guyyaa yeroo kaanirra  adda ta’een dabarsinuudha. Guyyaan ayyaanaa guyyaa gammachuu, guyyaa kabajaa, guyyaa boqonnaa, guyyaa yaadannootisi. Ayyaanotni hojii hafuuraatiin, soomaan, sagadaan kabajamanis jiru. Ayyaanni Du’aa Ka’uu... Read more »