“Intalti gabbara hinqabne walabummaa hinqabdu” • Sirna fuudhaafi heeruma Arsii

Aadaa Oromoo Sirna Gadaa jalatti hammataman keessaa inni tokko sirna fuudhaafi heerumaa yommuu ta’u, sirni fuudhaafi heerumaa kun garuu iddorraa iddootti garaagarummaa kan qabuudha. Gosoota Oromoo aadaa fuudhaafi heerumaa hawwataa qaban keessaa... Read more »

Afdaneessummaa waliigaltee biyyaalessaatiif

Guyyaan afaan dhalootaa ofiitiin dubbachuu ALA bara 2000 irraa kaasee Jaarmiyaa Barnootaa, Saayinsii Aadaa /UNESCO/ Dhaabbata Mootummoota Waltaniitiin matadureewwan adda addaatiin kabajamaa jira. Itoophiyaanis biyya danummaa afaanii fudhattee keessummeessaa jirtu waan taateef... Read more »

Ijaarsa piirojektota aadaa

Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa Qabeenya Hawwataa Turizimii, Iddoowwan gahumsa Turizimii qorachuu, beeksisuu, haala mijeessuu, Uummata Oromoo Duudhaafi Aadaa Ganamaatti deebisuun cinaatti Magaalaa Finfinnee keessatti pirojektota Aadaa, seenaafi duudhaa Oromoo ibsan hedduun hojjatamaa... Read more »

Seenaa Gootichaa Dajjaazmaach Garasuu Dhukii

Garasuu Dhukii goota Oromoo waraana Xaaliyaanii waraanuun beekkamu yoo ta’u irra caala naannoo Walisoofi Jimmaatti Xaaliyaanii wajjin waraana geggeessaa ture. Boodarras bulchaa konyaa ‘Caboofi Guraagee’ ta’ee hojjateera. Garasuu Dhukii abbaasaa Dhukii Gulummaafi... Read more »

Dharri gaaddisa hindhaqu

Jaarsummaan sirna Gadaa keessatti jaarmiyaa manguddootaan hojjatamu ta’ee akkaataa hawaasni walitti bu’e deebi’ee nagaa buusee akka waliin jiraatu taasisuudha. Jaarsummaan namoota waldhaban walitti araarsuuf sirna gaggeeffamuudhas. Namni jaarsummaa keessatti kaadhimamu kan umriin... Read more »

Jaarmiyaalee araaraafi meeshalee ulfoo Sirna Gadaa

Natsaannat Taaddasaatiin Jaarmiyaalee Sirna Gadaa keessaa muraasni hawaasni walitti bu’e ykn lubbuu dabarse deebi’ee nagaa buusuun waliin jiraachuu akka danda’uuf taasisuun araara buusu. Jaarmiyaalee kanneen keessaa isaan guguddoon, Gumaa, Bokkuu, Kallacha, Caaccuu,... Read more »

Farda seenaa gootummaa keessatti beekamu misooma turiizimiifis

Sandaafaa: Oromoofi fardisaa gaafa dhaga’amu gootummaa ilmaan Oromoo gaarreen Adawaarratti faashistii Xaaliyaanii hurreessuun agarsiisan Itoophiyaarra darbee gurraachota Afrikaaf fakkeenya walabummaa ta’ee mul’ata. Dilbata darbes festivaalli tapha aadaa mataduree “Farda Misooma Turiizimii Keenyaaf”... Read more »

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 35fa; tokkummaa Afrikaanotaa karaa aadaatiin walitti hidhuu keessatti

Afrikaanonni tokkummaa waloosaanii kan itti mirkaneeffatan, waa’ee rakkoofi hanqina ardii Afrikaa mara ofumaa mari’atanii kan itti hiikkatan, kan itti abdataniifi egeree milkii irratti gatan hundeessuuf yeroo sochiin cimaan taasisafamaa ture sanatti, Yeroo... Read more »

Nuuhoo Goobanaa: Artistii otoo tokkummaa Oromootiif weellisuu darbe

Artisti Nuuhoo Goobanaa kan umurii guutuu waa’ee tokkummaa Oromoo lallabaa ture Amajjii 10 bara 2014 halkan addunyaa kanarraa du’aan boqoteera. Artistii hangafti kun waggoota dhiyoodhaa as dhukkubsachuun hojii aartiirraa fagaatee kan ture... Read more »

“Ayyaanni Cuuphaa baranaa kan araaraati jennee yoo fudhanne waan gaarii irraa arganna” -Luba Balaay Makonnin

Gaazexaan Bariisaa ayyaana Cuuphaa Roobii dhufu kabajamu sababeeffachuun hariiroo ayyaanichi duudhaalee aadaa wajjin qaburratti Hogganaa Ittaanaa Mana Lubummaa Ortodoksii Itoophiyaa Luba Balaay Makonnin dubbiseera. Yaadnisaaniis kunooti. Cuuphaa Akka qajeelfama amantii Ortodoksiitti namni... Read more »