Luusiiwwan tapha gulaallii dorgommii Olompikiif qophii eegalan

Finfinnee: Tapha Olompikii ALA bara 2024 Faransaay, Paariisitti gaggeeffamuuf gareewwan kubbaa miilaa dubartootaa Afrikaa keessaa dorgommicha irratti hirmaatan murteessuuf dorgommiin gaggeeffamaa jiru marsaa lammaffaarra gaheera. Gareen Itoophiyaa Luusiiwwan tapha gulaallii jalqabaatiin Chaad... Read more »

Federeeshiniin Juudoo Itoophiyaa hundaa’e

Federeeshiniin Juudoo Itoophiyaa federeeshinii 32ffaa beekamtii qabu ta’uun bakka Ministirri De’eetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Ambaasaaddar Masfin Charinnatiifi dhimmamtoonni biroo argamanitti tibbana hundaa’e. Ispoortiin juudoo ALA bara 1882 akka jalqabame haasaa taasisan keessatti... Read more »

 Atileetonni Itoophiyaa kaadhimamummaan dhiyaatan

Atileetiksiin Addunyaa akaakuu atileetiksii dubaraa cimtuu waggaatiin dorgomtoota xumuraa yeroo ibsu atileetotni Itoophiyaa lama kaadhimamtoota ciccimoo 11 filataman keessatti hammatamaniiru. Dhiyeenya kana rikoordii maaraatoonii addunyaa kan cabsite Atileetiin Itoophiyaa Tigisti Asaffaa akkasumas... Read more »

 Fiigichi Guddaan Itoophiyaa keessummaasaa kabajaa beeksise

Sofii Maalt Fiigicha Guddaa Itoophiyaa Biyyoolessaa kan bara 2016 km 10 akkuma barame hirmaattota biyya alaa hedduu gara Itoophiyaatti fiduuf hojjechaa jira. Bara 2016tti hirmaattota biyyoota kudhanii ol irraa dhufan galmeesaanii xumuraniiru.... Read more »

 Gareen Biyyaalessa Dubartootaa Itoophiyaa umurii 20 gadii tapha deebiif qophaa’aa jira

Gareen Biyyaalessaa Dubartootaa Itoophiyaa umurii 20 gadii tapha gulaallii Waancaa Addunyaa jalqabaa Ikuwaatooriyaal Giinii wajjin taphachuuf gara Maalaabootti imaluun qixaan qabxii qooddatee gara biyyaatti deebi’uunsaa ni yaadatama. Gareen leenjisaa Firewu Hayilagabreeliin durfamu... Read more »

 Gareen Atileetiiksii Itoophiyaa fiigicha daandiirraa Addunyaa Riigaatti taasifameen qabxii galmeessisaniif badhaafaman

Finfinnee: Fiigicha daandiirraa Addunyaa Riigaatti yeroo jalqanaaf taasifameen Jila Atileetiiksii Itoophiyaa sadarkaa lammaffaa argachuu xumureef sagantaan beekamtiifi badhaasaa taasifameera. Jilli Atileetiksii Itoophiyaa dorgommii fiigicha daandiirraa addunyaarratti hirmaate ganama har’aa biyya wayita galu... Read more »

 Waancaan addunyaa bara 2030 ardiilee sadiitti akka gaggeeffamu ‘FIFA’n beeksise

Finfinnee: Taphootni waancaa addunyaa ALA bara 2030 gaggeeffaman ardiilee sadii, biyyoota jahatti akka gaggeeffamu ‘FIFA’n beeksise. Ardiilee taphicha keessummeessuuf filataman keessaa tokko Afrikaa yoo ta’u, waancaan addunyaa bara 2030 biyyoota jahatti qophaa’a... Read more »

 “Shaampiyoonichaan bu’aa fooyya’aa fiduuf qophoofneerra” – Atileetota

Finfinnee: Fiigicha dirreerraa shaampiyoonaa addunyaa Laativiyaa, Riigaatti adeemsifamurratti bu’aa fooyya’aa argamsiisuuf qophii ta’uu atileetonni Itoophiyaa shaampiyoonicharratti hirmaachuuf jedhan ibsan. Kanaafis qophii ga’aa fiduu isaan dandeessisu taasisuu dubbataniiru. Garee atileetiksii Itoophiyaa shaampiyoonii boru... Read more »

 Keeniyaa, Ugaandaafi Taanzaaiyaan waancaa Afrikaa wajjummaan qopheessu

Keeniyaa, Ugaandaafi Taanzaaniyaan Waancaa Afrikaa ALA bara 2027 wajjummaan akka qopheessaniif Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaatiin filataman. Murtichi biyyoonni sadan dorgommicha wajjummaadhaan akka keessummeessaniif bu’uuraalee misoomaafi hoteelota qophichaaf barbaachisan qabaachuunsaanii ilaalamee kan darbe... Read more »

 Waldaan Tekuwaandoo Gilobaalii Finfinnee hundeeffame

Finfinnee: Yaa’ii hundeeffama Waldaa Tekuwaandoo Gilobaalii Finfinnee tibbana adeemsifamerratti pirezidaantii waldichaa dabalatee raawwachiistonni hojii torba muudamaniiru. Waldichi bara bajataa 2016tti abbootii murtiifi leenjistootaaf leenjii kennuuf, kilaboonni akka hundaa’aniif, ispoortessitoota bakka bu’aniifi dargaggoota... Read more »