Ayyaana Irreechaarratti yaada saboota biroo

Gaazexaan Bariisaa ayyaana Irreechaa har’a kabajamurratti yaada jiraattota Finfinnee kanneen dhalootaan Oromoo hintaane  walittiqabuuf yaalleerra. Namoota hedduu gaazexaa keenyaaf yaadasaanii qoodan keessaa kan Tigraay, Walaayittaafi Kambaataa akka armaan gadiitti dhiyaateera. Obbo Gaashaawu... Read more »

Duudhaaleen Irreechaa dhalootatti akka ce’aniif

Irreechi utuu Kuushotni adda adda hinqoodamin waggoota kuma 12 dura akka eegalame ragaaleen seenaa ni mul’isu. Ayyaanni kun guyyaa Oromoon eenyummaasaa itti yaadatee Waaqa, lafaafi waliisaa gidduutti araara buusuufi gamtaadhaan ba’ee Waaqasaa... Read more »

Xiyyeeffannaan omisha jimaatiif kenname maal fakkaata?

Mootummoota biyya kanaa hedduu biratti maqaa gaarii hinqabu. Namni isa fayyadamus takkaa akka nama abdii mureetti, maraateetti ykn maraachuuf qophaa’aa jiruutti malee akka nama kaayyoo qabuufi nama guutuutti hinilaallamu. Farsoofi araqeen  daandiirratti... Read more »

“Yaadni barataa yunivarsitii biyyoolessaawaadha” -Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmad

Ministirri Muummee Mootummaa RFDI, Doktar Abiyyi Ahmad barattoota buleeyyiifi haaraa gara dhaabbilee barnootaasaaniitti imaluuf qophiirra jiraniif jalqaba torban kanaarratti ergaa gorsa cimaa of keessaa qabu dabarsiiru. Kan gorsasaanii kana qalbeeffate dubbise ykn... Read more »

Irreechi Irreecha milkii haa ta’u!

Akka hayyoonni seenaa ibsanitti, Irreechi ayyaana utuu Kuushotni adda adda hinqoodamiin waggoota kuma 12 dura naannawa Sulula Abbayyaatti eegalameedha. Irreechi Oromoo guyyaa Oromoon eenyummaasaa itti yaadatee Waaqa, lafaafi waliisaa gidduutti araara buusuuf... Read more »

Seenaa Oromoo: Seenaa Itoophiyaa keessaa dhokfame

“Kun sagalee bilisummaa Oromooti. Bilisummaan Oromoo biyyasaa waggoota dhibba tokkoof diinaan wareeramee ture yeroo ammaa harkasaatti deefachuusaa isin beeksifna. Mootiin Jaanhooyis kufeera, sa’a kanarraa kaasee mootummaa kan hoogganu dhaabbata bilisummaa  Oromoo jedhamuudha.... Read more »

Dhaloota gama hundaan qaroomeefi gahoome horachuuf

Dhaloota Kiristoos durarraa eegalee jaarraa 5fa irraa hanga jaarraa 21fatti namoonni dachee kanarratti haalota adda addaatiin dhiibbaa qabu turan waa’ee barumsaarratti waan jedhan danuu qabu. Akaakuuwwan barumsaa manneen barnootaa keessatti kennaman maniinsaanii... Read more »

Gamatti kan biraa gamanatti abbaa araaraa

Bara harbuun ija naqate jaldeessa, qamaleefi sareetu  lafa dhiphisa. Sarees ta’e jaldeessi akkasumas qamaleen silaa hinqottu hinaramtu harbuu abbaa qabutti abbaa taati, waccee sanyiishii fagoo jiru waammatti. Qe’ee abbaa lafaa dirree gabaan... Read more »

Guyyoota 362 nu harka jiranitti sirnaan haa fayyadamnu

Barri haaraan kun bara nagaa, gammachuu, badhaadhinaa, injifannoo, tokkummaafi bara rakkooleen keenya bu’uurarraa itti hiikanuufi injifannoowwan hedduuf bu’uura itti kaa’annu nuuf haa ta’u.   Bara darbe aadaan siyaasa biyyattii walballeessuu, waldiiguu, walajjeessuurraa... Read more »

Jibbaafi haaloorraa bilisa haa taanu

Akka dhahaa biyya keenyaatti Qaam’een yeroo itti barri moofaan xumuramee haaraa itti simachuuf qophoofnu gidduu kan jirtu yeroo ce’umsaati. Ummatni biyyattiis guyyoota Qaam’ee keessa bara moofaa geggeessee bara haaraa simachuuf qophii addaddaa... Read more »