Ayyaanota dinagdeefi hariiroof!

Kanneen indastirummaasaa mi’eeffatan hundi turizimii industirii aara hinqabne jedhanii waamu. Dhugaadhumatti kanneen turizimiin dinagdee, dinadgeen turizimiisaanii ta’eef akkana jedhanii yoo waaman nama hindinqu. Akka ragaaleen ibsanitti, biyyoota Kaaribiyaan,  Paasifikii Kibbaafi biyyoota odoola... Read more »

Kan dhugu sihii kan machaahu ana

Torban darbe mataduree kana jalatti hayyoota tokko tokko ilaalchisee taajjabbiin qabu siin dubbisiisuun eegalee irraa bulfachuu koo ni yaadattu. Taajjabbiin koo kutaan ittaanus kunooti. Sitaajjabe yaa saree yoo nyaattu dutaa bultaa yoo... Read more »

Ummatoota lamaan dinagdeedhaan walitti hidhuu

Ummatni Oromoofi Somaalee durirraa kaasee akka ummata tokkootti nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa turan, jiraachaas jiru. Gammachuufi gadda qaban walumaan qooddachaa jiraatu. Waggoota muraasa darban asitti garuu shira hattootaafi kontirobaandistootaatiin hariiroon  ummattoota obbolaa,... Read more »

Kan dhugu sihi kan machaahu ana

Itoophiyaan biyya sirnoonni ofittoo jaarraa hedduuf mirga sabootaafi sablammiilee keessatti ukkaamsaa turan yoo taatu sirnoonni kunneen bulchiinsa ulee abaarsaa uummatatti fe’atan kanneen akka waan waaqarraa isaaniif kennameetti lakkaawwachaa sabaafi sablammii hiraarsaa turaniiru.... Read more »

Meeshaalee daggalaan nyaatamaa jiraniif furmaanni haa kennamu

Itoophiyaan biyya otoo qabduu dhabde, maraammartoo hiyyummaa garmaleefi gadadoo hamaatiin xaxamte ta’uun hawaasa biyyattiifi addunyaa biratti beekamti. Sababuma kanaan ummannishii barootaaf jireenya gadadoo, harkaa gara afaanii  geggeessuuf dirqameera. Hunda caalaa biyya keenya... Read more »

Dhaabatuma kunuunsuu…

Biyya keenyatti hojiilee tibba gannaa kana bal’inaan xinnaa guddaadhaan, dhuunfaafi dhaabbataan xiyyeeffannaa olaanaa argatanii raawwatamaa jiran keessaa tokko waa’ee dhaabiinsa  biqiltuuti. Dhimmi kun eddii Ministirri Muummeen barana guutummaa biyyaatti biqiltuuleen biliyoonni afur... Read more »

Xiyyeeffannaan dhaabiinsaaf kenname kunuunsaafis

Biyyiifi ummanni Itoophiyaa iftaan cidha guddaa tokko qabu; cidha nyaatanii dhugan otoo hintaane cidha lafa biqiltuun irraa ciramee golgolaa’e deebisanii magariisa gochuuf biqiltuu dhaabuudha. Biqiltuun dhala namaatiif waa hunda; eddii guddatee yeroo... Read more »

Imala waggaa 1fa kantiibaa bulchiinsa Magaalaa Finfinnee

Magaalaan Finfinnee bulchiinsa haaromsaatiin buluu eddii eegaltee Adoolessa 10 bara 2010 irraa kaasee waggaan tokko lakkaa’ameera. Yeroon hojii bulchiinsa magaalattii xumuramus haala nageenya biyyattii keessa tureen bara darbe filannoo geggeessuun waan hindanda’amneef... Read more »

Galaa boriitiif xiyyeeffannaadhaan haa hojjetamu

Qonni bu’uura guddina dinagdee Itoophiyaati. Ummatni biyyattii %85 hojii qonnaarratti bobba’ee jireenyasaa geggeeffata. Omishni qonna biyyattii roobarratti kan hirkate waan ta’eef omisha qonna gannaatiif xiyyeeffannaa olaanaa kennuun barbaachisaadha. Omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuuf... Read more »

Finfinnee ormi itti roorrisu mootummaan obsus; qeerroon hincallisu

Biyya tanaaf  gabrummaa caalaa bilisummaatu ulfaata. Ummanni jaarraa hedduu gabrummaa baatee jiraachuun itti hinulfaanne, waggaa tokkittii qilleensi bilisummaa itti  bubbisuu eegale kana baachuu dadhabee yemmuu waliin gatantaru arguu caalaa wanti nama ajaa’ibu... Read more »