IJOO DUBBII
Ayyaanni Qillee dhalachuu Ilma Waaqayyoo Yesuus Kiristoos har’a akka biyya keenyaatti kabajaa jirru araarri Waaqayyoo hammam guddaafi daangaa kan hinqabne ta’uu nu yaadachiisa. Inni utuu Waaqayyo ta’ee jiruu ilmaan namootaa humna cubbuufi... Read more »
Yeroowwan darbanitti nageenya ijaaruuf tattaaffiiwwan danuun taasifamanis sadarkaa barbaadamuun milkaa’aa akka hintaaneedha Ministeerri Nageenyaa kan ibse. Nageenya barbaadamu haala barbaadamuun ijaaruun kan danda’amu dhimmamtoota federaalaafi naannolee akkasumas abbaa dhimmaa kan ta’e ummata... Read more »
Yaadrimeen nageenyaa walittibu’iinsarraa guutummaatti bilisa ta’uu jechuu otoo hintaane oggaa walittibu’iinsonni uumaman hawaasa wajjin jiraatamu wajjin waliiyaaduu, wal-utubuu, mari’achuu, tokkummaadhaan waldanda’anii jiraachuufi rakkoolee mudatan walta’anii furuurra ga’uu jechuudha. Bu’uuruma kanaan nageenyi waaraan... Read more »
Dhimmoota ammaantana yaaddoo addunyaa ta’aa jiran keessaa tokko jijjiirama qilleensaati. Sababoota jijjiiramni qilleensaa akka dhufu taasisan keessaa inni guddaan ammoo mancaatii qabeenya bosonaati. Rakkoo kana furuuf hoggantoonni biyyootaafi dhaabbilee addunyaa, qorattoonni, ogeeyyiin... Read more »
Rakkooleen nageenyaa Itoophiyaa keessatti mudatan haala, sababa, yeroofi akkaataa jijjiirrachuun uumaman yeroo yerootti lubbuu namootaa galaafachaa, qa’eefi qabeenyarraa buqqisaafi qabeenya barbadeessaa rakkoo hamaa qaqqabsiisaniiru. Keessumaa rakkoo nageenyaa godinaalee Oromiyaa tokko tokkotti mudateen... Read more »
Yaadrimeen tokkummaa sabdaneessaa, sirna federaalawaa tokko jalatti saboonni aadaa, afaan seenaa, amantiifi eenyummaa garagaraa qaban walqixxummaafi tokkummaan biyya tokko keessa waliin jiraachuusaanii kan ibsuudha. Sirni federaalaa sabdaneessi, mirga ofiin of bulchuu, qooqa... Read more »
Garaagarummaa yaadaafi ilaalchaa kamuu dhiphisuun kan danda’amu waraanaan osoo hinta’in mariifi karaa nagaafi nagaa qofaani. Kanaafis mudaawwan seenaa kaleessaafi rakkoolee darban dhiifamaan goolabuufi waliigalteen bu’uura cimaarra dhaabate sadarkaalee hundatti uumamuun murteessaadha. Garaagarummaa... Read more »
Gochuma badaa kana ilaalchisuun Ministirri Muummee Mootummaa RFDI Doktar Abiyyi Ahmad ibsa dheengadda karaa fuula fees buukiisaanii kennaniin, “Malaammaltummaan daana’oo biyya nyaatuudha. Raammoo qabeenya biyyaa nyaatee golgoleessuudha. Oggaa anga’oonni hattuun, daldaltoonniifi faddaaltonni... Read more »
Artistiin qaalii, jaalatamaafi kabajamaa Oromoo, tokkichi akka dhibbaa, odaan aartii Oromoo waggoota 75n booda torban kana jige; Dokatarri Kabajaa Alii Birraa. Aliin nama himoota muraasaan akkana jedhamee ibsamuufi barreeffama gabaabaatiin seenaansaa himamee... Read more »
Mariin walittibu’iinsa Itoophiyaa kaabaatiif furmaata kennuuf yaadama, “Rakkoo Afrikaatiif furmaata Afrikaanootaan” jedhuun Afrikaa Kibbaa, Piriitooriyaatti durabu’ummaa Gamtaa Afrikaatiin Mootummaa Federaalaafi murna ABUT jidduutti guyyoota 10f adeemsifamaa ture haala sirna heerawaafi faayidaa biyyaalessaa... Read more »