Ayyaana Faasikaafi duudhaa Oromoo

Ayyaanni guyyaa gammachuu, kabajaa, galataa, yaadannoo guyyaa yeroo kaanirra  adda ta’een dabarsinuudha. Guyyaan ayyaanaa guyyaa gammachuu, guyyaa kabajaa, guyyaa boqonnaa, guyyaa yaadannootisi. Ayyaanotni hojii hafuuraatiin, soomaan, sagadaan kabajamanis jiru.

Ayyaanni Du’aa Ka’uu hordoftoota amantii kiristaanaatiin boru kabajamus miiruma eerre kanaan haala ho’aadhaan kabajama. Kakuu Moofaarraa eegalee Isiraa’eelonni ayyaanota gara garaa kabajaa akka turanillee barreeffamoonni Macaafa Qulqulluu keessattin argaman dhugaa ba’u.

Ayyaana kabajuun kan eegalame fedhii Waaqayyootiin akka ta’e Seera Uumamaarraa ni hubanna. Waaqayyo guyyaa torbaffaa (Sanbataa) hojiisaa hundarraa boqote. Guyyoota jiran keessaa kanneen adda ta’an ayyaana godhanii kabajuunis yeruma sana eegalame.

Kanaaf ayyaana kan eegale Waaqayyo jechuudha. Haala kanaan Kakuu Moofaa keessatti ayyaanni jalqabaa guyyaa Sanbata Xiqqaa ture. Abboommii Museef kennerrattis guyyaa Sanbataa yaadadhu kan jedhame isuma.

Ayyaanni Faasikaas ayyaanota Yihuudonni kabajaa turan keessaa isa tokko. Yihuudonni ayyaana Faasikaa kan kabajan hojii foonii hojjechuu lagachuudhaan, aarsaa dhiyeessuufi gara mana qulqullummaa dhaquudhaani.

Kakuu Haaraa keessattis Gooftaa Iyyasuus ayyaanota gara garaa kabajuuf gara Iyyarusaalem deemaa akka ture Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffameera. Fakkeenyaaf ayyaana Faasikaa kabajuuf maatiisaa wajjin Iyyarusaalem dhaqee achumatti akka hafe ibsameera.

Ayyaanni Faasikaa ykn du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoos guyyaa akka guyyaa bilisummaafi injifannootti fudhatama. Guyyaa kana soomnis ni hiikama. Akka amantaa Ortodoksiitti guyyaa du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoosii eegalee  hanga guyyaa 50fatti soomni wayiituu guyyaadhaan adda bahee hinjiru jechuun ibsu ragaaleen adda addaa.

Ragaan ‘BBC Afaan Oromoo’ irraa argannes, Ayyaanni Faasikaa hordoftoota amantii kiristaanaa biratti bakka guddaa qaba. Guyyootni torban Ayyaana Faasikaa dura jiran torban qulqulluu jedhamanii waamamu. Torban kana keessa adamoon ummata Oromoo biratti haalaan beekama. Tibbi kun ummata Oromoo amantii kiristaanaa hordofu biratti yeroo itti ayyaanichaaf qophaa’uufi adamoon bineensotaa bal’inaan raawwatamu ture.

Jiraataa Magaalaa Buraayyuu kan ta’an Obbo Tasammaa Hundee ‘BBC’ Afaan Oromootti akka himanitti, adamoon aadaa Oromoo keessatti  bakka guddaa qaba. Oromoon Leenca, qeerransa, gafarsaafi bineensota ciccimoo ajjeesee gootummaasaa mul’isa ture.

Adamoon  yeroo ayyaana Faasikaa waantota lamaaf geggeeffamuu danda’a. Tokkoffaan tibba ayyaanaatti namootni waan boqonnaa qabaniif bakkeewwan gara garaatii walitti dhufuun waliin adamsu. Eenyu goota akka ta’es bakka adamootti walbaru. Lmmaffaan ammoo akka yeroo ammaa namoonni hundi bitatee waan hinqalleef bineensota kanneen akka  bosonuu, borofaa, kuruphee, waliin adamsanii qalatanii ayyaana waliin dabarsu turan.

Namootni kaan ayyaanni Faasikaa du’aa ka’uu Iyyasuus Kiristoos waliin walqabata jedhu. Gama Biraatiin ammoo ayyaanni Faasikaa du’aa ka’uu duras tureera jedhama. Akka Macaafa Qulqulluutti ayyaanichi ‘ayyaana maxinoo’ jedhamee kabajama ture. 

Ayyaanni kun Seera Musee keessatti hordoftoota amantii kiristaanaatiif kan kennameedha. Haata’u malee adamoofi ayyaanni faasikaa akkamitti akkamiin walitti dhufu kan jedhu ifatti waanti qoratamee taa’e hinjiru.

Gara adamootti oggaa deebinu, Oromiyaa lixaatti baloo buuna jedhama. Baloo keessa leenca, gafarsaafi bineensota gugguddootu jiraata.  Namni baloo bu’e galaa qabatee waan deemuuf yeroo dheeraa taa’ee leencas ta’e gafarsa ajjeesee gala ture. Namni Leenca ykn gafarsa ajjeese faacha fudhatee gala, dhadhaa dibata, ni faarfama. Ajjeesaan akaakuu bineensa  ajjeeseen geerara. Namni Yeeyyii ajjeese gootummaadhaan hundaa olitti ilaalama. Kan leenca ajjeese ammoo ittaana.

Yeroo ayyaanni Faasikaa ga’u adamoon namoota baay’eedhaan geggeeffama. Yeroo adamoo kanatti eeboon bineensaaf darbatame nama waraanuu, miidhuus ta’e ajjeesuu danda’a. Kun akka seera Gadaatti addatti hiikama. Akka ajjeechaa kaaniitti haaloo walqabachuun hinjiru. Gumaan addatti ilaalamee araarri akka bu’u ta’a jedhu Obbo Tasammaan.

Dur  bosonas ta’e bineensi baay’inaan waan jiruuf waanti nama yaaddessu hinturre. Akka seera adamootti namni bineensa kaachise harka bitaa fudhata. Namni jalqaba waraane ammoo miila mirgaa fudhata. Yeroo ammaa bosonni haphatee bineensonni bosonaa badaa waan dhufaniif bineensota bosonaa ajjeesuu osoo hintaane kunuunsuu akka qabus ni yaadachiisu. Bineensonni dur midhaan irraallee eegamaa turan yeroo ammaa daaw’annaafi ijaan arguufiyyuu dhabamaa jiraachuus ni dubbatu.

Kitaabni ‘Kiristaanummaafi Oromoo Durirraa hanga Ammaatti’ jedhamu oan Luba Balaay Mokonniniin barreeffame akka ibsutti ammoo, warri Afaan Hibiruu dubbatan Ayyaana Faasikaatiin ‘Paassaah’ jedhu. Hiikaasaas ‘darbanii, utaalanii deemuu’ jechuudha. Ilmaan Israa’eel deemmii (imala) jalqabuun dura guyyoota torbaaf midhaan hinbukaa’in (maxinoo) nyaachaa waan turaniif ayyaana kanaan ayyaana maxinoo jedhu. Isiraa’elonni guyyoota torbaaf maxinoo baala dhangaggaa’aafi foon hoolaa korbeessaa (xobbolaa) wajjin nyaachuun gabrummaa biyya Gibtsii jalaa ba’uunsaanii ni yaadatama.

Israa’elonni biyya Gibtsii bahanii Galaana Diimaa ce’uusaanii sababeeffachuudhaan hundi kan ta’eef diinas kan mo’atan humna Waaqayyoo, Uumaasaaniitiin ta’uu amanuudhaan Ayyaana Faasikaa kana ni kabaju. Bara Kakuu Moofaas ta’e bara Kakuu Haaraa ergaan ayyaana Faasikaa kennaa fayyisummaa Waaqayyoo ibsuudha. Hogganaa ilmaan Israa’eel akka ta’u Waaqayyo kan muudeef Musee raajicha ture.

Ummanni Israa’eel utuu Gibtsii hinba’in dura hoolaa korbeeyyii (xobbolaa) qaluudhaan dhiiga balbalasaaniirratti akka dibaniif guyyaa sanaaf isaan keessaa namni tokkollee akka manaa hinbaane ajajamaniiru. Kunis yemmuu ergamaan Waaqayyoo Gibtsi dhahuudhaaf dhufu balbala saba Israa’eelirratti dhiiga argee balbalicharra darbuuf mallattoo ture. Lammiin Israa’eel hundi ajajamuun  mallattoo kennameef kanaan Gibtsootarrraa fo’amaniiru. Ergamaan Waaqayyoo warra Gibtsii yemmuu dhahu manneen Israa’eelota bira darbuun du’a hangafaarraa isaan oolcheera.

Ummatni Oromoos aadaafi duudhaasaa keessatti yommuu horii qalu dhiiga buusaa balbalarratti kan dibu dheekkamsa Waaqayyoo ofirra dabarsuufi. Keessumaa akka Kakuu Haaraattis dhiiga Iyyasuus Kiristoosiin fayyina kan argate ta’uu mul’isuufi. Bara Kakuu Haaraattis Ayyaanni Faasikaa keessattuu Yihuudotaan kabajamaa tureera.

Iyyasuus Kiristoos daa’immummaasaatti haadhasaa dubree Qulqullittii Maaramii wajjin waggaa waggaan gara Iyyarusaalem dhaquudhaan Ayyaana Faasikaa ayyaanefffachaa ture. Utuu fannifamuuf dabarfamee hinkennaminillee Irbaata Faasikaa duuka buutotasaaf qopheesseera. Phaawuloos Qulqulluunillee barumsasaa keessatti “Kiristoos, hoolaan Faasikaa keenya aarsaa nuu ta’e” jechuun ibseera.

Nuti Ummatni Oromoos akka kiristaanummaa keenyaatti hoolicha Waaqayyoo isa cubbuu biyya lafaarraa fuudhu Kiristoos Iyyasuusitti amanuun cubbuurraa walaba ta’uu keenyatti gamanna. Du’a Gooftaa Iyyasuus Kiristoosiin jireenya biyya dukkanaa keessaa ba’uufi gabrummaa Daabiloos jalaa bilisoomuu keenya yaadachaa gammadaa jiraanna.

Sirna Ayyaana Faasikaa Kakuu Moofaafi Kakuu  Haaraa walitti firoomsu

Lakk. Kabaja Ayyaana Faasikaa akka bara Kakuu Moofaatti Kabaja Ayyaana Faasikaa akka bara Kakuu Haaraatti
1 Sabni Israa’eel gabrummaa biyya Gibtsii jalaa ba’uusaanii sababa godhachuun kabaju. Nutis cubbuurraa Kiristoosiin waan walaboomneef, madaa’uu kiristoosiin fayyina waan arganneef kabajna.
2 Isiraa’eelonni Ergamaan waaqayyoo dhiiga balbalarratti argee balbalicharra akka darbuuf dhiiga hoolaa korbeessaa balbalaafi michila lamaanirratti dibaniiru. Nutis aadaafi duudhaa keenya keessatti yeroo qamaa dhiiga balbalarratti yommuu dibnu Kiristoos dhiigasaa isa gatijabeessaan cubbuurraa kan nu fure ta’uu ittiin yaadanna.
3 Hoolaa korbeessi (xobbolli) warri Isiraa’eel qalatan Ilmaan hangafoota Isiraa’eelotaa bakka bu’uudhaan aarsaa kan ta’eedha. Nuufis Iyyasuus Kiristoos dhiphina keenya ofirra kaa’ee muddama keenyas baatee jireenyasaa dabarsee kennuudhaan aarsaa nuu ta’eera.
4 Hoolaa korbeessi (xobbolli) Isiraa’eelonni qalatan korbeessa waggaa tokkoo kan mudoo hinqabne ture. Gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos Qulqulluu Ilma Waaqayyoo innumtuu Waaqayyo ta’ee cubbuu keenyaan du’aa kaasuuf fooniin du’ee, du’a mo’achuudhaanis ka’eera.
5 Isiraa’eelonni jarjaraan Gibtsi keessaa ba’uuf qophiirra waan turaniif guyyoota torbaaf midhaan raacitii hinqabne (maxinoo) akka nyaatan ajajamaniiru. Midhaan raacitii hinqabne (maxinoo) soorachuun akka hiika kakuu Haaraatti daddafanii ilaalcha raacitii ta’e gidiraa, shiraafi daba (cubbuu) keessaa ba’uu ilaallata.

Natsaannat Taaddasaatiin

Gaazexaa Bariisaa Ebla 23/2013

Recommended For You