Hawwiin ummata Faransaay dhugooomuufi

Finfinnee: Guddina ispoortii biyyaa tokkoof  bu’uura kan ta’u iddoowwan sochiin ispoortii itti adeemsifamu babal’achuudha. Kanaaf mootummaafi ummanni iddoowwan kanneen ijaaruudhaan dargaggoonni, barattoonniifi hawaasni yeroo aara galfanaa isaanii bakka itti bashannanan ijaaraa jiru. 

Kanaaf fakkeenya kan ta’u bulchiinsa magaalaa Finfinneetti komishiniin ispoortii ummata magaalatii wajjin ta’uudhaan iddoowwan oolmaa ispoortii sadarkkaasaanii eggan ijaaruudhaan tajaajila kennaa jiraachuusaaniiti. Har’as akkuma kaleessaa ummanniifi komishiniin ispoortii magaalattii damee kanaaf xiyyeeffannaa keenuudhaan dirreewwan ispoortii adda addaa itti gageefaman hojjechaa jiru.

Kanneen keessaa kutaa magaalaa Yekkaa naanawwaa Faransaay ganda 01 keessa iddoo Caffee jedhamuun beekamutti Istaadiyoomii Zoonaalii kan sadarkaasaa eeggate hojjechuudhaan yeroo gabaabaa keessatti xumuramee tajaajila kanna jedhameetu eegama.

Komishinii Ispoortii Magaalaa Finfinneetti,  Daarikteerri Iddoowwan Oolmaa Misooma Ispoortiifi Faasilitii Obbo Birhaanuu Baayyuu dheengadda akka ibsanitti, Sadaasa 24 bara 2013 waliigalteen kan mallatefameefi guyyoota 120 keessatti xumurama jedhamee eegamaa jiru hojiin ijaarsa istaadiyoomichaa torban lama boodee xumuramee tajaajila kenna  jedhaniiru.

Biiroo konstiraakshinii bulchiinsa magaalaa Finfinneetiin to’atamaa kan jiru hojiin ijaarsa istaadiyoomichaa harki 90n kan xumurame yoo ta’u, kan hafe hojiiwwan xixiqqoo ta’uu dubbatu.

Lafa iskuweer kaare meetira kuma 23 irratti ijaaramaa kan jiru istaadiyoomiin kun qarshii miiliyoona 25n kan fixu yoo ta’u, yeroo tokkotti daawataa kuma 25 keesumeessuu kan danda’u ta’uus eeraniiru.

Istaadiyomichi iddowwan shaakalaa kan gareen lama osoo tapha hinjalqabin itti shaakalan lama, kutaalee taphatoonni qaama itti dhiqataniifi uffata itti jijiirratan  akkasumas kutaa taphachiistonni uffata itti jijiratan kan qabu ta’uu himaniiru.

Komishiniin ispoortii bulchiinsa magaalaa Finfinnee yeroo dheeraadhaaf gaaffii ummataafi dargaggoota Faransaay dhageefachaa turus rakkina bajetaatiin kan ka’en gaaffichi deebii osoo hinargatin  tureera.

Bara 2013 irraa kaasee  koreen hoji raawwachiiftuu bulchinsa kutaa magaalaa yakkaafi dhiibaa komishiniin ispoortii magaalaa Finfinnee gochaa turen bajenni gadi lakifamuudhaan ummanni kun deebii argachuu danda’eera jechuudhaan adeesaniiru.

Komishinichi damee kanaaf xiyyeeffannaa kenuudhaan istaadiyoomii haaraa ijaaruu maddiitti, iddoowwan oolmaa ispoortii kanneen hojiin isaanii yeroo dheeraadhaaf jalqabamee duubatti hafan akka xumuraman gochaa jiraachuus himaniiru.

Fakkeenyaaf dirree oolmaa Raas Haayiluu kan hojiin isaa waggoota shan dura jalqabamuun lafarra harkifachaa ture  tureefi ijaarsi bakka dorgommiin daakaa bishaanii itti geggeeffamus xumuramee barana hojii kan jalqabu ta’uus eeraniiru.

Akkasumas istaadiyoomoonni zoonaalii kutaalee magaalaa Boolee, Gulalleefi Nafaas Silki Laaftootti ijaaramaa jiranis yeroo gabaabaa keessatti kan xumuraman ta’uu himaniiru.

Kaayyon keenya ummani magaalaa Finfinee, keesumattuu dargaggoonni sochii ispoortii bakka jiraatanitti, bakka oolaniifi itti hojjetanitti iddoowwan oolmaa ispoortii babal’isuudhaan sochii qaamaa akka taasisan gochuudha kan jedhan daarikteerichi, iddoowwan manneen waliin jirenyaatti dirreen ispoortii akka jiraatan yaaliin godhamaa jira.

Haata’u malee komishinichi iddoowwan oolmaa ispoortii  naannawaa manneen waliin jireenyaatti akka babal’atan taasisus jiraatonni paarkii konkolaataa gochuudhaan dargaggoonni yeroo aara galfannaasaanii bakka itti sochii ispoortii taasisan akka dhaban taasisaniiru jechu.

Yeroo hojiin manneen waliin jireenyaa hojjetaman iddoowwan oolmaa ispoortii gaaffii keessa galuu qabu kan jedhan Obbo Birhaanuun, Bulchiinsi magaalatiis kanuma hubachuudhaan xiyyeeffannaa itti kennuu akka qabu yaadachiisaniiru.

 Burqaa ispoorteesitootaa kan ta’an manneen barnnootaa sadarkaa sadarkaadhaan jiran keessatti ispoortii babal’isuudhaan dargaggoota bakka bu’ootaa horachuun barbaachisaa ta’uu eeranii, iddoowwan olmaa ispoortiif xiyyeeannaan barbaachisu kennamuu akka qabu  dubbataniiru.

Kanaafuu komishiniin ispoortii magaalaa Finfinnee manneen barnnootaa magaalattii keessa jiran waliin ta’uudhaan dirreewwan ispoortii sadarkaasaanii eggatan hojetamuudhaan tajaajila kennaa jiraachusaaniis himaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013

Recommended For You