Ulfaatina qaamaa olka’aafi dhiibbaa inni fayyaa keenyarratti qabu

Ulfaatinni qaamaa baay’ee olka’aafi gadi aanaan qaama keenya rakkoo garaagaraaf nu saaxiluu danda’a. Yeroo amma kana haala fooyya’insa jireenyaafi nyaataa irraan kan ka’e carraan namoonni ulfaatina  qaamaa garmaleef saaxilamuu babal’achaa jira.

Namoonni hedduun qabsoo jireenyaa mo’achuuf boqonnaa tokko malee yeroo isaan halkaniif guyyaa ifaajan argaa jirra. Kanaaf bakka tokko taa’aa turuun akkasumas yeroo itti sochii qaamaa godhan dhabuun ulfaatina qaamaa garmaleef carraa isaan saaxilamuuf qaban olaanaadha. Kanaaf gochi nuti goonu, nyaati nuti nyaannuufi wanti nuti dhugnu rakkoo ulfaatina qaamaa olkahaafi nu saaxila.

Namni tokko ulfaatinni qaamaa  isaa sirriidha (normal) ykn sirrii miti jennee beekuuf ulfaatina nama sanaafi dheerina isaa beekuun barbachisaadha. Kunis Afaan Ingiliffaan ‘Body Mass Index’ (BMI) kan jedhamuuni. ‘BMI’ kanas kan argannu ulfaatina qaama keenyaa kiiloogiraamaan dheerina qaama keenyaa iskuweerii gochuun  erga hirree booda kan argannudha. Kana jechuun fakkeenyaaf namni ulfaatinni qaama isaa kiilogiraama 60 ta’e tokkoofi dheerinni isaa meetira 1.65 ta’e tokko ‘BMI’ isaa argachuuf = 60kg/1.65*1.65 =60kg/2.7225=22.03 kg/m2 ta’a jechuudha.

Kanaaf      

  • Ulfaatina sirrii (normal weight): yoo ‘BMI’ nama sanaa 18kg/m2 hanga 25kg/m2 ta’e.
  • Ulfaatina gadi bu’aa (underweight): kun yoo ‘BMI’ nama tokkoo 18 kg/m2 gadi  ta’eedha.
  • Ulfaatina ol ka’aa (overrweight): kun ammoo yoo ‘BMI’ nama sanaa 25kg/m2 ol ta’eedha.

Ulfaatinni qaamaa olka’aan dhibeewwan akkamiif nama saaxilaa?

  • Dhukkuba dhiibbaa dhiigaa

Dhiibbaan dhiigaa dhibee akka tasaa utuu hinbeekin du’aaf nama saaxilu keessaa isa tokkodha.
Dhiigni keenya onneerraa maddu gara kutaawwan qaama keenyaatti karaa ujummoowwan dhiigaan raabsamuuf dhiibbaa ykn ‘pressure’ barbaada. Dhiibbaan dhiigaa kun humnaa ol yoo ta’e ujummoowwan dhiiga keenyaaf qaamolee keessa keenya kan biraa irratti miidhaa geessisuu nidanda’a. Dhiibbaan dhiigaa inni sirriin ykn ‘normal’ 90/60-120/80 dha. Kanaaf ulfaatinni qaamaa garmalee dhiibbaa dhiigaa dabaluu keessatti qooda waan qabuuf ulfaatina qaamaa ol-kahaa hir’isuun barbaachisaadha.

  • Dhukkuba Sukkaaraa: Dhiibbaa dhiigaa olka’aa dabalataan sababa haala jijjiirama jireenyaa irraan kan kahee dhibeewwan daddarboo hintaane kan addunyaa keenyarratti babal’achaa jiran keessaa tokko dhibee sukkaaraati. Dhibeen sukkaaraa sababa oomishamuu dhabuu hormoonii insuliinii ykn insuliinii simachuu dhabuu keessummesituu insuliinii kan xannacha paankireesii irratti argamu irraan kan ka’e kan dhufudha.

Dhibeen sukkaaraa sababa armaan oliirratti eerre irraan kan ka’e hammi sukkaaraa giluukosii jedhamu qaama keenya keessatti hedduumaachuun rakkoowwaan garaagaraaf nama saaxila. Dhibeen sukkaaraa gosa lamatu jira. Isaanis dhibee sukkaaraa gosa tokkoffaafi gosa lammaaffaa jedhamuun kan qoodaman ta’a. Ulfaatinni qaamaa olka’aan dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa kana keessaa dhibbeentaa 80 (80%) kan ta’uuf akka ka’umsaatti lakkaa’amuu danda’a.

  • Dhukkuba Onnee: Namni tokko yeroo ulfaatinni qaama isaa dabalu ykn garmalee furdatu hammi cooma qaama isaa dabalaa deema. Coomni kun gara keessoo ujummoo dhiigaatti maxxanuun akka isaan dhiphatan godha. Sababa kanarraa kan ka’es ujummoowwan dhiigaa gara Onnee keenyaatti dhiiga raabsan  kan ‘Coronary Artery’ jedhaman cufuun (Coronary Artery Disease) fi dha’annaan Onnee seeraan deemuu dhiisuu (Atrial Fibrillation)fi walumaagalatti ammoo carraa dadhabuu Onnee daran dabaluu keessatti qooda olaanaa qaba.
  • Dhukkuba Sammuu kessatti dhiiguu

Akkuma jalqabarratti eeruuf yaalle ulfaatinni qaamaa garmalee rakkoowwan           gurguddoo akka dhiibbaa dhiigaa garmaleefi dhibee Onneetiif nama saaxilu. Namoonni dhiibbaa dhiigaa olaanaa qabanimmoo yoo dhiibbaan dhiiga isaanii kun hinto’atamne ujummowwan dhiigaa xixiqqoo sammuu keessatti argaman sammuu keessatti dho’uun carraa keessoo sammuu keessatti dhiiguuf nama saaxilu. Akkasumas namni dhibee Onnee qabus rakkoo wal-fakkaataa akkasiif saaxilamuu danda’a.

  • Dhukkuba Kaanserii: Yerooo ammaa kana dhibeen kaanserii sababa jijjiirama haala jireenya dhuunfaafi naannawaarraa kan ka’e dhibeen kaanserii babal’achaa jira. Qorannoon ga’aa ta’e bakka hundatti waan hin argamneef akkasumas ogeessonni dhimma kana irratti baratan bakka hundatti waan hin argamneef dhibeewwan kun salphaatti gara jalqabaa baramuu hindanda’an.

Namoonni hedduus erga dhibeen kun itti cimee yookan erga gara qaama birootti faca’ee booda gara mana yaalaa deemuu filatu. Dhukkuboonni Kaanserii gosaan hedduu ta’an namoota ulfaatina humnaa olii qabanirratti hammaata. Kaanseriiwwan garaagaraa kanneen akka Kaanserii Mar’ummaanii, kaanserii Gadameessaa, Kaanserii Kalee, Kaanserii Tiruufi kaanserii Harmaaf nu saaxila.
Biyya Ameerikaa keessatti kaanseriiwwan lubbuu namaa dabarsan keessaa dhibbeentaa 40 kan ta’an olka’iinsa ulfaatina qaammaa humnaa olii kana waliin walqabatu.

  • Dhukkuba Kalee: Ulfaatinni humnaa olii kallatiidhaan dhukkuboota Kalee addaa addaaf nama saaxiluurra darbee, dhukkuboota dhukkuba Kalee namatti fidan akka dhukkuba dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba Sukkaaraafi dhibee hoormoonii addaarra nama buusuu mala.
  • Dhiphina ykn dhibee xiinsammuu: Namoonni ulfaatina humnaa olii qaban, keessattuu kan umuriin isaanii yeroo dargaggummaa keessa jiru dhibee yaaddoo garmalee (Depression)fi dhibeewwan kana fakkaatan biroof saaxilamoodha. Keessattu umuriin kun umurii isaan itti nama biraa waliin walmadaalaniif salphaatti jijjiiraman waan ta’eef yeroo isaan itti dhiphina sammuuf saaxilaman argaa jirra.
  • Infeekshinii: Sababa furdina garmaleefi Infeekshiniin Gogaa (Skin Infection) bakka gogaan qaamaa dadacha’ee walirraa ciisee jirutti nibaay’ata.
  • Dhibee sirna hargansuu: Dhibee sirna hargansuu keenyaa  kan yoo rafan ujummoolee qilleensaa namaa ukkaamsuudhaan hafuura nama kutu (Obstructive Sleep Apnea) jedhamu, kan dhukkuboota sirna onneefi sirna hargansuu hedduuf nama saaxilu, akkasumas dhukkuboota hedduuf mallattoo ta’uu malu. Namoonni furdina garmalee qaban seeliin maashaawwan naannoo qoonqoo      isaaniiti argamu furdinafi baay’ina waan qabuuf huubni qoonqoo gadi dheerattee gadi bu’uun akka ujummoo qilleensaa cufan gochuun qilleensi humnaan yoo   seenu akka sagalee dhageessisu godha.

kanaafuu ulfaatina qaama keennyaa sirriitti eeggachuuf guyyaa guyyaatti nyaata madaalamaa nyaachuufi sochiiwwan qaamaa gochuun baay’ee barbaachisaadha.

Ulfaatina qaamaa olaanaa haala nyaata keenyaa, jireenya keenyaafi dhugaatii keenyaa to’achuun salphaatti manatti ofyaaluu dandeenya.

Keessumaa nyaata zayitaafi coomni itti heddummaate, nyaata mi’aawaa tahan kanneen akka keekii, ‘icecream’fi kkf baay’isuun rakkoo furdina qaamaa garmaleef hedduu nama saaxila. Kanaaf haala nyaata keessanii to’achuufi sochii qaamaa torbanitti yeroo shan guyyaatti daqiiqaa soddomaaf gochuun ulfaatina qaamaa keessan iddootti eeggadhaan dhaamsakooti.

     Fayyaa hindhabinaa

Gaazexaa Bariisaa Ebla 16/2013

Recommended For You