Finfinnee: Tibbana ajjeechaafi buqqaatii eenyummaarratti hundaa’ee iddoo garaa garaatti raawwatamaa jiru balaaleeffachuudhaaf magaalota naannoo Amaaraa keessatti hiriirri nagaa gaggeeffamaa tureera.
Hiriirichaanis du’aafi buqqaatiin lammiilee nagaa akka dhaabbatuufi dhaadannoolee kanneen biroo kan dhaggeessisan yemmuu ta’u, darbee darbee immoo yaadootni waliin jireenya sabootaa irratti rakkoo uumuu danda’an tokko tokko calaqqisaniiru.
Keessattuu ‘Oromomummaan haa cabu!’ dhaadannoon jedhu Oromoo hedduu biratti komii kaasaa kan jiru yemmuu ta’u, gochi akkanaa kun immoo waliin jireenya sabootaa irratti rakkoo kan uumu waan ta’eef tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu akka qabu Abbootiin Gadaa Oromoo ni gaafatu.
“Qaamoleen jibbiinsa saboota giddutti facaasan kunniin saba Amaaraa bal’aa bakka bu’uu hindanda’an” kan jedhan immoo Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobanaa Hoolaa, ilaalchi akkasii tokkummaa biyyattiifi waliin jireenya sabootaa kallattii hintaanetti kan geessu waan ta’eef tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatamuu akka qabu gaafatu.
Hanga Oromoon lafarra jirutti Oromummaa cabsuun waan yaadamuu miti. Kun immoo Oromoo caalaatti tokkummaadhaaf kan kakaasu akka ta’es ni dubbatu.
Yeroo kanatti Oromoon garaagarummaasaa cinatti dhiisee akka sabaatti tokkummaasaa cimsachuu akka qabus dhaamaniiru.
Oromummaan hammatummaafi jaalala saboota hundaa kan barsiisu malee saboota birootiif waan akka sodaatti ilaallamuu miti kan jedhan Abbaan Gadaa Maccaa Warqinaa Tarreessaa, Oromummaa cabsuuf yaaduun immoo biyyattii diiguuf yaaduu akka ta’e ibsu.
“Gochi jibbiinsa Oromoofi Oromummaa irratti gareen finxaaleeyyii Amaaraa agarsiisaa jiru kun waan har’a eegalee miti” kan jedhan Abbaan Gadaa kun, Oromummaa cabsuun waan hindanda’amne ta’uusaa immoo abbootasaanii irraa barachuu akka qaban ibsu.
Gochi akkanaa kun ummattoota nagaaf jaalalaan waliin jiraattan giddutti wal shakkii kan uumu waan ta’eef mootummaan qaamota maqaa sabaa faalan kanneen adda baasee seeraaf dhiheessuu akka qabus gaafataniiru.