WBO simachuun guyyaa 3ffaaf itti fufeera

Koreen teeknikaa araara mootummaafi ABO godinaalee 12; aanaalee Oromiyaa 22tti bobba’e Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) simachaa jira.

Koreen araaraa miseensota 71 qabu kan Amajjii 14,2011 hundaa’ee, Guraandhala 6 bara 2011 gara godinaaleefi aanaalee Oromiyaa ramadametti bobba’uudhaan, ummata aanaalee, magaalotaafi godinaalee waliin mari’achaa tureera.

Akkaataa waamicha dabarfameen korichi Guraandhala 12 eegalee amma Guraandhala 14,2011tti Waraana Bilisummaa Oromoo simachaa jira.

Haaluma kanaan aanaa Mana Siibuu, magaalaa Haruu, Giddaa Ayyaanaa, Najjoo, aanaa Qondaala, aanaa Gidaamiifi Beegiitti simannaan taasifameefira.

WBOn yoo simatamu maqaa, umrii, barri qabsoorra ture, gosti meeshaa galmaa’ee, meeshaa hidhannoo isaa Haadha Siinqeefi Abbootii Gadaatti kennuun mooraa qophaa’etti galaa jira jedhan walitti qabaan Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoofi abbaa Gadaa duraanii Bayyanaa Sanbatuufi barreessaan koree teeknikaa araara mootummaafi ABO Obbo Jawaar Mahaammad.

Simannaa hanga guyyaa har’aa; jechuun Kamisa Guraandhala 14,2011tti jedhamus, fageenya lafarraa kan ka’e boru Jimaata dabalachuun hin oolu jedhameera.

Waraanichi kabajaa isaaf maluun akka aadaa Oromootti dammi kennameefii, dhadhaa muudamanii, aannan unataniit simatamaa jiru jedhan walitti qabaan Gumii Tokkummaa Abbootii Gadaa Oromoo Abbaa Gadaa Duraanii Bayyanaa Sanbatuun.

Lakkoofsi WBO simatamaan tilmaamaan kuma 10tti akka siqu himameera.

Guyyootii simannaa sadan Raayyaan Ittisa Biyyaa RFDI karaarraa akka goru; kana Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaas hojiirra oolchaa jiraachuun ibsameera.

Hayyuu Dureen ABOfi ajajaan olaanaa Waraana Bilisummaa Oromoo Obbo Daawud Ibsaan WBOn guyyootii kennamanitti akka simatamuuf waamicha dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.

Meeshaan waraanaa WBO harkaa fuudhamu ummata keessaa kan hin baane ta’uu Abbaan Gadaa Tuulamaa duraanii Bayyanaa Sambatuun himaniiru.

Recommended For You

2 Comments to “WBO simachuun guyyaa 3ffaaf itti fufeera”

  1. Pingback: John Lobb

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *