Asoosaan Fooramii Magaalota Itoophiyaa 9ffaa qopheessuuf filatamte

Fooramiin magaalotaa 8ffaan naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti mata duree “Ida’amuun badhaadhina magaalotaatif” jedhuun kabajamaa ture har’a xumurame.

Kaayyoon fooramichaa karaa nagaafi haala barbaadamuun milkaa’uusaa  Ministirri Ministeera Misooma Magaalaafi Konistiraakshinii Obbo Jaanxiraar Abbaay himaniiru.

Magaalonni muuxannoo gaggarii fooramicharraa walii qooduusaanii Pireezidaantii Ittaanaa Naannoo Somaalee Obbo Musxafaa Mahaammad ibsaniiru.

Fooramii magaalota Itoophiyaa baranaa kanarratti magaalonni Itoophiyaa 168, kan biyyoota ollaa jaha Jibuutii, Eertiraa, Soomaalee Laand, Ruwaandaa, Keeniyaa, Sudaan irratti hirmaataniiru. Dhaabbileen jahaafi dhaabbileen tumsaa mootummaafi dhuunfaa 10 ol irratti argamaniiru.

Xumura fooramichaarratti magaalota raawwii gaarii galmeessisaniif sirni badhaasaafi beekamtii laachuu raawwatameera.

Akkasumas fooramii magaalotaa 9ffaa kan qopheessu magaalaa Asoosaa ta’uushee ifa ta’eera.

Suurri Daanyee Abarraatiin

Recommended For You

One Comment to “Asoosaan Fooramii Magaalota Itoophiyaa 9ffaa qopheessuuf filatamte”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *