“Jijjiiramni amma biyya keenya keessatti dhufaa jiru kun anaaf ‘appetiser’dha” – Gaazexeessaa Abdii Fiixee

Jijjiiramni amma biyyattiitti dhufe jijjiirama lubbuun hedduu itti wareegame akkasumas, kan haadholiin ijoolleesaanii itti gabbaran waan ta’eef kan akka salphaatti ilaalamu miti.

Jijjiiramichi Oromoodhaan dhufuunsaa injifannoo guddaadha. Oromoon waggoota dheeraaf biyya kanaaf akka saba biyya diiguu, cabsuufi bittineessuutti yaadamaa tureera.

Humni kun garuu tokkummaa biyyattiitiif utubuunsaa, warra yaada akkasii qabaniif abdii ta’uusaa waan daran nama gammachiisuudha. Kana jechuun garuu hanqinni hinjiru jechuu akka hintaane hubatamuu akka qaba.

“Nama baay’ee beela’e tokkoof foon diimina yoo dhiheessan ni dhukkuba. Kanaaf jalqaba, ‘appetiser’ (si’eessituu) nyaachuu qaba. Waanti garaa garmalee beela’e ittiin laaffisan jiraachuu qaba. Yoos mar’immaan wal hiikee nyaata isa jabaaf of qopheessuu jalqaba. Jijjiiramni amma biyya keenyatti eegalame anaaf ‘appetiser’dha”.

“Abdii guddaatu jira; kanammoo qaama aangoorra jiru qofatu ceesisa miti. Abdii kana mikeessuuf ummanni ga’eesaa bahachuu qaba. Dhaabbileen siyaasaa morkattootaas qoodasaanii bahachuu qabu. Keessumaa wayita ittigaafatamummaa olaanaan Oromootti kenname kanatti walhubachuufi waldubbisuun irraa eegama. Jijjiirama kana gara fuulduraatti tarkaanfachiisuutunurra jira. Isa kaleessa karaa deemuu dadhabne yaadannee socho’uu qabna” jedha.

Guutummaa gaafdeebiisaa Gaazexaa Bariisaa boruurraa argattu

Recommended For You

2 Comments to ““Jijjiiramni amma biyya keenya keessatti dhufaa jiru kun anaaf ‘appetiser’dha” – Gaazexeessaa Abdii Fiixee”

  1. Pingback: more info here

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *