Itoophiyaan biyyoota uumaan duroomsee uumeefi ofiisheetiif immoo waan qabdu bartee itti fayyadamuu dhabaaf hiyyoomte keessaalle ishii duraati. Qabeenya uumamaa biyyattiin tun qabdu ilaaltee haala yeroo ammaa ummannishee keessattuu qonnaan bulaafi hawaasni baadiyyaashee keessa jiran yommuu ilaaltu wanti waljala darbe wayii akka jiru hubachuun salphaadha.
Osoo laggeeniifi haroowwan hedduu humna ibsaa irraa maddisuusuu danda’an hedduu jiran dukkana keessa buluun, bishaan lafa jalaa gahaa osoo qabdu lammiilee biyyattiif bishaan dhugaatii gahaa dhiheessuu dhabuun, lafa bal’aa omisha garagaraaf oolu osoo qabdu qamadii hanga ammaatti alaa bituufi kanneen biroo akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
Yeroo dhihoo as garuu hamma danda’ameen dinagdee biyyattii fooyyeessuudhaaf dameewwan kanaan dura xiyyeefannoo dhabanii turaniif dursi kennamee sochii keessa galameera. Kanneen keessaa immoo dameen kuduraafi muduraa isa tokko yemmuu ta’u, dameen hortikaalchariifi makaanaayzeeshiinii qonnaa immoo isaan birooti.
Gosoota omishaa biyyattiin addunyaa irratti ittiin beekamtuufi dinagdee biyyattii utubaa jiru keessaa inni tokko omisha hortiikaalchari i(ababaabooti).
Faayidaan dameen kun guddina walii gala biyyaatiifis ta’ee jiruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruu keessatti qabu olanaa ta’ee osoo jiru hanga ammaatti xiyyeeffannoon damee kanaaf kennamaa ture quubsaa hinturre.
Haalli qabatamaa biyyattii yemmuu ilaalamu garuu irra jireessi lafa biyyattii misooma jal’isiitiif mijaa’aa ta’uun, biyyattiin laggeeniifi haroowwan misooma kuduraafi muduraa omishuuf dandeessisan hedduu qabaachuun, haalli qilleensaa biyyattiis omisha damee kanaatiif mijataa ta’uufi humna namaa gahaa leenjii gabaabduun gara hojiitti bobba’uu danda’u qabaachuun barbaachisummaa damee kanaatiif wabii guddaadha.
Waggoottan darbaniif kaka’uumsa qonnaan bultootaafi abbootii qabeenyaa(invastaroota) dhuunfaa irraa kan hafe akka kallattii xiyyeeffannoo addaatti qabamee irratti hojjachuu hindanda’amne. Haa ta’uu malee sochiiwwan muraasa invastarootaafi qonnaan bultootaa kanaan waggoota kurnan lamaan darbanitti keessattuu gama sharafa alaa argamsiisuutiin gaheen dameen kun taphachaa ture akka salphaatti kan ilaalamuu miti.
Akka fakkeenyaatti yemmuu ilaallu Itoophiyaan damee hortikaalcharii qofarraa bara 2011tti sharafa alaa doolaara Ameerikaa miliyoona 315.14 ta’u argatteetti. Kanaanis namoota kuma 200 ta’aniifis carraan hojii banamuu akka danda’e ragaan Ministeera Qonnaa ni agarsiisa.
Dameen kun biyyattii keessatti haaraa ta’us deggarsi inni yeroo ammaa guddina biyyaatiif taasisaa jiru olaanaa ta’uu kan himan Ministerichatti Daarektarri Misooma Hortikaalchariifi Ce’uumsa Teknoolojii Obbo Abdallaa Nagaash, fuulduratti garuu dinagdee biyyattii ceesisuu keessatti abdiin guddaatiin kan eegamu damee kuduraafi muduraa kana ta’uu dubbatu.
Kana dhugoomsuuf wantoota barbaachisan keessaa irra jireessaan haala salphaa ta’een biyyattii keessatti argachuun kan danda’amu ta’uu eeranii,, haalli teessuma lafaa mijataan jiraachuun, gama mootummaatiin immoo invastimantii damee hortikaalchariitiif jajjabeessituufi hojmaattotni gaggaariin jiraachuun, indaastiriiwwan agroo indastirii hedduminaan gara hojiitti galaniifi gala jiran jiraachuunifi humni ibsaa guddichi biyyattii gara xumuraarra ga’e immoo rakkoolee sanaan walqabatanii jiraniif furmaata kennuun akka carraa guddaatti kan lakka’amu ta’uu ibsu.
Akka ibsasaaniitti, akka Afrikaattis ta’ee sadarkaa addunyaatti beekamtiifi maqaa gaarii kan horate daandiin xiyyaara Itoophiyaas fe’uumsa biyyoota 54 tajaajilaa kan jiruufi biyyoota 101 ol ta’aniif immoo tajaajila balaliinsaa kennaa jiraachuunsaa damee kanaaf akka carraa guddaatti kan laakka’amuudha. Akka fakkeenyaatti, yemmuu ilaallamus yeroo ammaa omisha hortikaalcharii biyya keessatti omishaman biyyoota akka Nezarlaandii, Faransaay, Jaarman, Xaaliyaan, Kanaadaa, Noorweey, Siwiidiniifi Ingiliiz fa’aaf dhiheessaa jira.
Carraa kanatti fayyadamuudhaan jiruufi jireenya qonnaan bulaa jijjiiruu irraa kaasee hanga dinagdee biyyattii utubuutti faayidaa dameen kun qabu sirriitti hubachuun sochii cimaa keessa seenamuu qaba.
Dameen kun waan isarraa eeggamu akka ba’atuuf immoo xiyyeeffannoon gama mootummaatiin kennamuufii qabu akkuma jirutti ta’ee, qonnaan bulaan lafa babal’aa qabus haala invastaroota gurguddaa waliin ta’uudhaan invastimantii misooma hortiikaalcharii kana keessatti hirmaachuu danda’uurrattis qophaa’uu qaba.
Kana dhugoomsuufi hojiin faayidaa dameen kun biyyaaf qabu irratti hubannoo bal’aa uumuu bal’inaan hojjachuudhaan sosochii ummataa bal’aan barbaachisaadha.
Gama biraatiin immoo irra jireessaan kanaan dura lafa olka’aa qofarratti hojjatamaa kan ture hojiin misooma hortiikaalcharii kun teknolojii garagaraatti gargaaramuun iddoowwan hundatti akka babal’atuuf immoo xiyyeeffannoon gama mootummaatiin yeroo ammaa kennamaafii jiru jajjabeessaadha.
Dhimma hojii misoomaa damee kanaarratti sochii cimaa sadarkaa federaalaa irraa kaasee hanga gandaatti taasifamu kanaaf hunduu qophaa’uu akka qabu kan himan Obbo Abdallaan, kanaan booda dinagdeen biyyattii inni cimaa ta’e kan ijaaramuu danda’u damee kanarratti akka ta’e dubbatu.
Keessattuu yeroon amma keessa jirru yeroo hojmaatni mootummaa irra jireessaan itti hammayyummaa gonfatee sadarkaa addunyaatti dhaabbii dorgomaa isa taasisurratti argamu waan ta’eef, carraa kanatti fayyadamuudhaan biyyattiin damee kanaan akka beekamtuuf hojjatamuu baannaan yeroon ittaanu ulfaachuu akka malus ni ibsu.
Bara dhufaa darbaa hunda keessatti waan salphatti ummata dammaqsaniifi abbootii qabeenyaa hirmaachisanii hojjachuun danda’amu xiyyeeffannoo barbaachisu kennuu dhabuu isheetiin gatiin hanga ammaatti biyyattiin kanfalaa turte asirratti dhaabbatee, yeroon ittaanu garuu humna guutuu dameen kun qabutti fayyadamuudhaan yeroon qonnaan bulaaniifi dinagdee biyyattii irrattis jijjiiramni qabatamaa mul’achuu qabu amma.
Kana keessatti immoo hojii qonnaa mala aadaatiin waggoota dheeraadhaaf adeemsifamuusaatiin jireenya nyaataan of danda’uu bira darbuu dadhabe kana makaanaayizid gochuudhaan faayidaa dabalataatiif oolchuunis dhimma misooma hortiikaalcharii kanaan qofaatti ba’ee ilaalamuu miti.
Hojii qonnaatiif immoo akkuma barate rooba gannaa qofa eeganii omishuun eessaanis akka nama hingeenye adeemsa jaarraa hedduu kanarraa barachuun barbaachisaa yemmuu ta’u, keessattuu biyya lafa bal’aa misooma jal’isiitiif ta’u qabaachaa, laggeeniifi haroowwan bonaa ganna osoo walirraa hincinne yaa’an qabaachaa, humna namaa walakkaa ol dargaggeessi itti baay’atu qabaachaa rooba gannaa qofarratti rarra’uun yeroo gabaabaa keessatti seenaa ta’uu qaba.
Keessattuu faayidaan jal’isiin omishuu damee hortiikaalcharii kanaaf haalaan barbaachisaa akka ta’e muuxannoowwan hanga ammaa jiranirraa barachuun dirqama ta’a. Akkuma beekamu omishni kun isaan biroorraa wanti adda isa taasisu bishaan gahaa barbaaduusaati.
Bishaan omishni hortiikaalcharii (abaaboo) barbaadu kana immoo jal’isiin alatti isa roobaatiin omishuun tasumaa waan yaaduun hindanda’amneedha.
Hunda caalaa immoo yeroo ammaa dinagdeen biyyattii hanqina sharafa alaatiin hedduu gufachaa jiraachuun ulaa nama hundaa rukutaa akka jiru gaaffii hinqabu. Hojiin misoomaa tokko maaliif dhaabbate jettee yemmuu gaafattu deebiinsaanii hanqina sharafa alaati.
Gamoon kun maaf dhaabbate? Misoomni jallisii sun hoo maaltu isa mudatee dhaabbate? Giddu galli qorannoo kun hoo? gaaffilee kanneeniifi kanneen birootiif deebiin kennamu tokko qofaadha. “Hanqinni sharafa alaa waan jiruuf mi’a barbaachisu alaa bituun hindanda’amne” isa jedhu duwwaadha. Rakkoo kana akkuma jirutti qabattee, faayidaa dameen hortikaalcharii kun gama sharafa alaa olaanaa ta’e argamsiisuu keessatti qabu immoo yemmuu hubattu rakkoon biyyattiin keessa jirtu kun xiyyeeffannoofi kutannoon jiraannaan haala salphaa ta’eefi deggarsa qaama alaatiin alatti humna biyyattii qofaan furamuu akka danda’u kan agarsiisuudha.
Walumaagalatti, hojii misooma hortiikaalchariirratti xiyyeeffannoon barbaachisu uumamee faayidaan inni qonnaan bulaarraa kaasee hanga biyyaatti qabu qabatamaan gara hojiitti jijjiiramuu baannaan rakkoon itti aanee dhufu ulfaachuu mala.
Keessattuu rakkoo hanqina sharafa alaa yeroo ammaa hojiilee misoomaa eegalaman hedduu gufachiisaa jiruuf furmaata duraa kan kennu al ergii omisha hortiikaalcharii kana ta’uun baramee dameen kun hatattamaan omishinisaa iddoo hundatti akka babal’atu gochuun dinagdee biyyattii kufaatii irraa oolchuun addatti kan ilaalamuu miti.
Gaazexaa Bariisaa Ebla 2/2013
4 Comments to “Misooma Hortikaalcharii: furtuu hanqina sharafaa alaa Bayyanaa Ibraahimiin”