Bayyanaa Ibraahimiin
Waggoottan muudamniifi muddamni itti baay’atan, kan gaddaafi gammachuun keessa wal make eenyu akka gaddatti jiruufi eenyu immoo akka gammachutti jiru adda baasuun itti nama dhibe baroota murteessoo isa walkeessoo.
Haalotni dur baraman hedduu kan itti geeddaraman, wantootni dur akka barmaatilee adeemsa mootummaa isa bara ADWUIn lubbuun turetti sirrii turan kan itti fudhatama dhabaniifi ilaalchootni bara sirna ADWUI tti nama adabsiisan immoo fudhatama argachuu bira darbanii hanga dhaadannoo mootummaa ta’uutti ga’aniidha. Haalota walxaxaafi walmakaa kana kan uume immoo amala jijjiiramaa mataasaa ta’uun beekamaadha.
Waggoonni sadeen jijjiramaa kunniin haalota armaan olitti ibsaman dabalatee wantoota hedduu geeddaruu danda’eera. Kun immoo haala siyaasaa biyyattii qofa osoo hintaane, dameewwan hawaasummaafi dinagdee irrattis jijjiirama argamsiisuunsaa waan hinoolle.
Imala jijjiiramaa waggoota sadeen darbanii as gama hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeetiin biyyattii keessatti galmaa’an hunda barreeffama kanaan waliin ga’uun ulfaataa waan ta’uuf, jijjiiramoota gama dinagdee qofaan biyyattiin waggoottan jedhaman kanatti gonfatte hamma tokko ilaaluuf yaalla.
Itoophiyaan biyyoota addunyaarratti yeroo jalqabaatiif hojii qonnaa eegalan muraasa keessaa ishee tokko akka taate seenaan ni ibsa. Bara qaroomina Aksumii irraa eegalee jaarraa hedduuf hojii lafa qotuutiin addunyaa kan barsiise qonnaan bulaan biyya keenyaa, hanga har’aatti meeshaadhuma gaafa duraa ittiin qonna eegale “sangaafi maarashaa “ irraa adda bahuu hindandeenye.
Faallaa kanaatiin immoo, biyyootni lafa qotanii ittiin jiraachuu Itoophiyaarraa baratan har’a qonnarratti teknolojii meeqa geeddaranii hojii qonnaa dadhabbii hinqabne keessa galuu danda’aniiru.
Waggoottan 27 jijjiiramaan dura turan keessatti gama guddina dinagdeetiin waggoota kudhaniif walitti aansitee guddina abbaa diijitii lamaa galmeessisaa kan turte Itoophiyaan, guddinni jedhame garuu aadaa qonnaa biyyattii jijjiiruun hafee, qonnaan bulaa biyyattiitiif qabatamaan waan gumaache hinagarre.
Wanti addaa dinagdee biyyattii keessatti waggoottan jijjiiramaa sadeen kana keessatti mul’atan keessaa inni guddaafi murteessaan hojiin misoomaa hundi teknolojiidhaan akka deeggaramu taasifamuusaati.
Yeroo Addunyaan fayyadama teknolojiitiin hojii kamiyyuu ittiin salphisaa jirtutti aadaa hojii boodatti hafaa keessa turuun salphina ta’uu irratti walii galuudhaan guddina biyyaa teknolojii hammayyaatiin deeggarame dhugoomsuudhaaf dhagaan bu’uraa taa’e.
Turtii waggaa sadii keessatti hojiiwwan gurguddoofi xumuramanii tajaajila kennuu jalqaban arguun waan yaadamuu miti. Guddinni ka’uumsa sirrii, hojii raawwatamuu danda’uufi teknolojii ammayyaatiin deggaramee dhugoomu waan ta’eef, waggoota sadeen darbanitti kallattiiwwan guddinaa taa’aniifi yaadota hojitti geddaramuu danda’an qofatu eegama.
Kanaaf waggoonni sadeen darban irra jireessaan kan ka’uumsi, karoorriifi qophiin misoomaa cimaan itti taasifamu malee biyyi waggaa sadi keessatti daaktee, bukeessitee biddeena tolfachuu dandeessus hinjirtu.
Kana yemmuu jennu garuu, imala jijjiiramaa kana keessatti hojiiwwan ykn pirojektoonni eegalamanii xumuramuudhaan tajaajila kennuurratti argaman hinjiran jechuu keenya akka hintaane hubatamutu isarra jiraata.
Pirojeektota jijjiiramicha keessatti eegalamanii xumuramuudhaan yeroo ammaatti tajaajila hawaasaatiif oolaa jiran keessaa immoo hamma tokko kaafnee ilaaluun barbaachisaa ta’a.
Bu’aawwan imala dinagdee waggoottan jijjiiramaa sadeen darban keessatti raawwataman keessaa Itoophiyaan akka saatalaayitii mataashee horattu taasisuun isa tokkoofi isa guddaadha. Nama bu’aa saatalaayitii hinbeekneef garuu dhimmi kun akka salphaatti ilaalamuu mala, garuu nama bu’aa saatalaayitii beekuuf immoo waggaa sadi keessatti saatalaayitii mataa ofii horachuun akka injifannoo guddaatti kan ilaalamuudha.
Wantoota dinagdee biyya tokkootiif bu’ura ta’an keessaa saatalaayitiin akka waan guddaatti kan fudhatamuudha. Kun immoo gama raaga haala qilleensaa sirrii ta’e argachuutiin, gama odeeffannoo hawaa dhugummaansaa mirkanaa’e argachuutiin keessumaa damee qonnaatiif akka gumaata addaatti kan ilaalamuudha.
Kana keessatti garuu, waggoottan sadeen jijjiiramaatti Itoophiyaan saatalaayitii tokko qofaa osoo hintaane, garaagarummaa waggaa tokkoo keessatti saatalaayitii lammataa gara hawaatti erguudhaan injifannoo dachaa eenyuyyuu hineegiin galmeessisuu dandeesseetti. Akka ragaaleen ibsanitti, yeroo ammaa sadarkaa biyyoota Afrikaatti biyyootni saatalaayitii lamaafi sanaa ol qaban muraasa qofa.
Isaanuu warreen waggoota hedduuf damee saayinsiifi teknolojiirratti xiyyeeffannoon hojjachuun turtii waggoota dheeraatiin kanneen saatalaayitii lama horachuu danda’aniidha.
Itoophiyaan garuu, raacitiin ykn bukoon waggoota hedduuf qophaa’ee damee saayinsiirratti hojjatame jiraachuu baatus, xiyyeeffannoo hoggansi jijjiiramaa damee kanaaf kenneen waggaa sadii keessatti saatalaayitii mataashii lama horachuudhaan biyyoota Afrikaa muraasa keessaa ishee tokko ta’uu dandeessee jirti.
Kanaaf yeroo gabaabaa kana keessatti bu’aa saayinsiifi teknolojii isa guddaa ta’e kana horachuu yoo danda’ame, waggoottan ittaanan muraasa keessatti immoo bu’aawwan hawatti ergamuu saatalaayitoota lameenii kanaan argamuu danda’an olaanaadha.
Bu’aawwan imala dinagdee waggoota sadeenii keessaa inni faayidaa olaanaa qabuufi dhiheenya kana marsariitii hawaasaa irratti itti qoosamaa ture biyyattiin teknolojii rooba namtolchee roobsisuutti fayyadamuu eegaluusheeti.
Dhimma teeknolojii kanaan walqabaturratti Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dhiheenya kana paarlaamaatti argamanii gaaffii miseensota mana mareerraa ka’aniif deebii kennanitti, Itoophiyaan teknolojii rooba uumamaatiin ala ta’eefi rooba namtolchee roobsisuu danda’utti fayyadamuu akka eegalan kaasanii turan.
Guyyaa sanarraa kaasee garuu jechi sun akka qoosaatti ilaalamuudhaan marsariitii hawaasaarratti mata duree oduu ta’uudhaan namootni hedduu walharkaa fuudhaa itti qoosaa turaniiru.
Haa ta’uu malee ka’uumsa qoosaa kanaa bifa lamaan ilaaluun danda’ama. Gama tokkoon warreen teknolojitti dhiheenya hinqabneefi dandeettii biyyattiin gama teknolojii hammayyaatiin horachaa jirtu hinhubanneef dubbichi dhugumatti isaaniif haarawa ta’uu waan maluuf yoo itti qoosanis isaanirratti hinmurtaa’u. Haga beekan mana eegan waan ta’eef namni hanguma ofii beeku dubbata. Kanaaf waan ani beeku atis dirqiidhaan beekuu qabdaan hintaatu.
Gama birootiin garuu, warrootni teknoloojiin akkanaa jiraachuusaa osoo quba qabanii, Itoophiyaan immoo teknolojii akkanaatti fayyadamuudhaaf humnaafi qophii qabaachuushee (darbes immoo dhaabbata waan akkasii hojjetu hundeessuushee) osoo quba qabanuu dubbichatti qoosan ni jiru. Warri akkasii kun immoo rakkoo hubannoo irraa ka’anii osoo hintaane, fedhii ilaalcha siyaasaa qabanirraa ka’uudhaan hojiin kun hojjatamuu osoo beekanuu mootummicha fudhatama dhabsiisuudhaaf warreen dubbii kanatti fayyadamaniidha.
Hunda caalaa garuu, isa osoo beeku itti qoosuufis ta’ee isa waan hinbeekneef qofa biyyattiin humna akkasii horachuusheetti qoosuuf osoo hintaane, biyya teknolojii kanarraa fayyadamtu qofa ilaalcha keessa galchuudhaan kan hojjatameedha.
Teknolojiin akkanaammoo waggoota dheeraadhaaf hojirra oolfamaa akka ture garuu namni kamiyyuu kitaabilee teknoolojii ykn immoo ‘Google’ irraa bifa salphaa ta’een mirkaneeffachuu waan danda’uudha. Isa osoo beeku rafeef bu’aa siyaasaaf dhugaa jiru waakkatuuf garuu “hirriba dabaa bakakkaan hinkaasu” akkuma jedhamu isa amansiisuuf dadhabuu osoo hintaane, isa hubannoo dhabaaf qoosu hubachiisutu furmaata.
Iddoowwan gurguddoo magaalaa taa’anii waggoota kudhanii oliif bakka balfi, raqniifi xuraawaan garagaraa itti gataman hedduu gara paarkii hammayyaatti jijjiirudhaan namoota hedduuf carraa hojii, isaan hafeef immoo iddoo bashannanaa ta’anii akka tajaajilan kan taasifamanis waggootuma jijjiiramaa sadeen kana keessatti.
Kun immoo paarkii tokkummaarraa hanga paarkii michummaatti, Inxooxxoorraa hanga Finfinneen ala bahee hanga Wancii Dandii, Gorgoraafi Kooyishaatti hojiin iddoowwan bashannanaa bu’aa dinagdee olaanaa argamsiisuu danda’an horachuu itti fufeera.
Walumaagalatti, waggaa sadii keessatti imala milkii hundee jabaa qabu eegaluun yoo danda’ame malee hojiin milkii guutuu ta’e itti hojjatamee dhumu ta’uu hindanda’u. Kana waan ta’eefis karooraawwan hojitti hiikamuu danda’an gurguddoon eegalamuun, darbaniis immoo kan milkaa’uu danda’an kanneen akka waggaa lama keessatti saatalaayitii lama horachuufi teknolojii rooba namtolcheetti fayyadamuu danda’uun waggoota ittaanan keessatti hojiin caalmaa qabu hojjatamuu akka danda’an kan agarsiisaniidha.
Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013
3 Comments to “Waggaa lamatti saatalaayitota lama horachuu: Agarsiiftuu imala milki waggoota sadeenii”