Natsaannat Taddasaatiin
Oromoon sagantaa kamiyyuu eebbaan jalqaba. Eebbi kun Abbootii Gadaatiin ykn jaarsolii biyyaatiin adeemsifama. Eebbi armaan gadii kun kan naannawaa Lixa Oromiyaatti eebifamuudha.
Uumaafi uumamni Waaqaa lafti, sa’aa namni
Xinnaa guddaan, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantii,
Bulchitoonni biyyaa, eegdonni biyyaa, qeerroofi qarreen
Na oofkalchaa, isinis ofkalaa.
Ee yaa Waaq, Waaqa uumaa, Waaqa uumamaa
Waaqa hundumaa qabduu, Waaqa hundumaa qaqqabdu
Waaqa jechaan kan hundaa, lafa jechaan kan hundaa
Waaqa salgan Booranaa, Waaqa sagaltamman garbaa
Waaqa torban barreentummaa,Waaqa ciicoo gurraattii
Waaqa garaa gurraachaa, Waaqa bokkuu gurraachaa
Guungumaa garaa cabbii, tokkicha maqaa dhibbaa
Limmoo garaa taliilaa nuuf dhaga’i, dhageessu nuuf owwaadhu.
Waaqa macca shananii, Waaqa Gadaa shananii
Waaqa Odaa shananii, Waaqa marcuma shananii
Waaqa bokkuu shananii, Waaqa caffee shananii
Waaqa shanan Gibee, Waaqa shanan Daallee
Waaqa ja’an Sayyoo, Waaqa torban Anfilloo
Waaqa Laaloo Arfanii, nagaan nu bulchitee nagaan nu oolchi
Dogoggora nu oolchi, irraa gora nu oolchi
Tolaa bira nu oolchi, bakkalcha bakkee nuuf godhi
Bakkee nagaa nuuf godhi, biyya nagaa nuuf godhi
Wal bira oolchii nu bulchi.
Eebba qabaadhaa, nagaa qabaadhaa
Halkan abjuu qabadhaa, ganama milkii qabaadhaa
Guyyaa yaada qabadhaa,Coqorsa ta’aa lafa qabadhaa
Urjii ta’aa Waaqa qabadhaa
Waleensuu korma ta’aa, bu’aafi yaabbii dhowwadhaa
Ejersa gaaraa ta’aa dagaagaa
Baqadhaa jalaa ba’aa, ari’aa qaqqabaa
Booji’aa mirga qabadhaa , qotaa dilbii tuulaa
Horaa karra guutaa, teessan taa’umsa tolaa,
Ijaajjitan dhaabbii tolaa, deemtan tarkaanfii tolaa.
Kan fagaate nuuf haadhiyaatu, kan hir’ate nuuf haaguutu
Kan dukkanaa’e nuuf haa ifu, dacheen ofirratti nu habaattu
Waaqni of jalatti nuuf haalaatu
Kan nu misoomsu Waaqayyo isa haa dhaabu
Kan misooma keenya gufachiisu haa gufatu
Kan baratu qabxii haa argatu, kan nagadu qarshii haa argatu
Biyyi keenya biyya nagaa haata’u
Kana hundumasaa yaa Waaqayyo si ajajne mitii
Si kadhannee nuuf kadhatami.
Ani kanan beekaa Waaqayyommoo narra beeka
Waaqayyo eebbasaa nuuf haa kennu.
Gadaan quufaa gabbina.
Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013
7 Comments to “Eebba maanguddoota Oromoo”