Ejansichi tajaajila wiirtuu tokkoo kennaa jira

 Sinqinash Alamuutiin

Finfinnee: Ejansiin Carraa Hojiifi Wabii Nyaataa RFDI bara 1991rraa eegalee dargaggootaafi  miidhamtoota qaamaatiif carraa hojii uumaa kan ture yoo ta’u, bara 2008rraa kaasee ammoo wabii miidhaan nyaataa mirkaneessuuf namoota hojiimaleeyyii gurmeessee hojiitti bobbaasuun guddina biyyaa keessatti gaheessaa bahaa jira.

Daarektarri ittaanaan ejensichaa Obbo Baqqalaa Mangistuu ibsa

 dhiyeenya kana  Gaazexaa Bariisaatiif waajjirasaaniitti kennaniin akka jedhaniitti, guutummaa biyyaattiiti wiirtuu kenniinsa tajaajila wiirtuu tokkootiin eeyyamni daldalaa, leenjii, liqaa, ‘Tiin nambar’fi kanneen biroo kennuun dargaggoonni dhiyeenyatti akka  odeeffannoo argatan taasifamaa jira.

Namni barate hojjetee of bira darbee nama biraatiif carraa  hojii uumuu qaba jedhanii, yaanni biznasii rakkoo hawaasumaarraa kan burqu ta’uus eeran.

Kanaafis biyyi keenya rakkoo hawaasummaa hedduu waan qabduuf dargaggoonni yaada bizinasiif ta’u burqisiisuun carraa hojii bal’iaan uumuu qabu qaban jedhaniiru.

Ejansichi waggaatti yeroo lama akka biyyaalessaatti Waxabajjii hanga Fulbaanaafi Guraandhalaa hanga Bitootessaatti namoota hojiimaleeyyii galmeessuun baay’ina hojiidhabeeyyi adda baasee deeggarsa kan taasisuu ta’uus Obbo Baqqqalaan ibsaniiru.

Hawaasni ijoolleensaa aadaa hojii, daldalaafi karoora gaarii  qabatanii akka guddatan taasisuufi soba, shiraafi karaa qaxxaamuraatiin duroomuuf sochii taasisuun safuu ta’uu barsiisaa guddisuu qaba jedhan.

Dargaggoonni keenya gurmuudhaan hojjeechuu, afaan hedduu barachuun barbaadamummaasaanii dabaluufi aadaa hojii gaarii qabaachuu qabu jedhanii, Kanaafis mootummaan Naannoo Oromiyaa  barnoota afaanota Somaalee, Affaar, Amaaraafi barnoota Gadaa barsiisaa jiraacuun waan jajjabeeffamu qabu ta’uu ibsaniiru.

Magaalaa Bishooftuutti miseensa Waldaa Sooreetti Shaambaliifi hiriyootasaanii kan ta’e Dargaggoon Shaambal Dachaasaa akka jedhetti, waldaansaanii nyaata qopheessuurratti bobba’uu eeree, waldichi dargaggoota dhaabbilee olaanaarraa eebbifamanii  hojii dhabanii turaniin 11n kan ijaarame.

Dargaggoonni  gufuun kamuu  isaan mudatus jabaatanii keessa bahun barbaachisaa ta’uu eeree, wayita ammaa waldaan gurmaa’anii waggaa sadii qofatti jireenya fooya’aafi mijataa jiraachuu danda’u ibsa.

Waldaan gurmaa’uun kilinika giddugaleessaa magaalaa Adaamaatti kan banatan Doktar  Kamaal Shaalloos gamasaaniin  kanaan dura hojjetaa mootummaa akka turaniifi erga dirqama irraa eegamu tajaajilanii booda namoota akkasaanii waliin ta’anii liiqii fudhatanii ogummaa barataniin tajaajilaa jiraachuu eeru.

Wayita ammaa kana liqii deebisuun of danda’anii, maatii hojii hinqabneefillee hojii uumuun jireenya foyyee qabu jiraachuu himu.

Osoo hingurmaa’in dura galii xiqqoon maatii gargaaruun ulfaataa ture kan jedhan Doktar Kamaal,  sana boodas  hojiicha milkeessuuf gufuuwaan hedduun isaan mudatus gargaarsa mootummaan taasiseefiin wayita ammaa hojii milkaa’aafi bu’aaqabeessa hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Dargaggoonni gurmaa’anii aadaa namoota biroo waliin hojjechuu dagaagfachuun gara kuteenyaan osoo hojii  hintuffatiin hojjechuu qabu jechuun dhaamaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 25/2013

Recommended For You

11 Comments to “Ejansichi tajaajila wiirtuu tokkoo kennaa jira”

  1. Pingback: b52
  2. Pingback: 토토 3+3
  3. Pingback: Microgaming
  4. Pingback: rca77
  5. Pingback: Profinet Cable
  6. Pingback: สล็อต888

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *