Kitaaba Ispoortii Maarshaal Aartii Afaan Oromootiin barreeffame

Charinnat Hundeessaatiin

Finfinnee: Kitaabni Ispoortii MAARSHAAL AARTII Leenjisaa Naasir Shukuriin (sadarkaa Digrii ykn Daanii 3fa qabuun) barreeffame gabaarra oole.

Kitaabni moggaasa, ‘KITAABA MAARSHAAL AARTII’ jedhamuun sadarkaasaa eeggatee ogeessa ispoortiichaatiin yeroo jalqabaatiif Afaan Oromootiin dhiyeenyuma habbaa (koppii) kuma tokkoon maxxanfamee bahe kun fuulawwan 113 kan qabu yoo ta’u, qarshii 95 dubbistootaafi jaalattoota ispoortii marshaal aartiif dhiyaateera.

Kitaabichi gama qabiyyeetiinis dhimmoota ijoo, seenaa gabaabaa warlid teekwaandoo, qophii xiinsammuu, hiikaafi bu’uura teekwaandoo, ittisa miilaa, pumsee, ofirraa ittisuu jedhaman kan of keessaa qabu ta’uu barreessichi gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa wajjin taasiseen ibseera.

Kitaaba MAARSHAAL AARTII kana barreessuufi maxxansiisee baasuuf waggoota torba kanitti fudhate ta’uu kan eere Leenjisaa Naasir, kitaabicha ogeessota damee ispoortichaafi Afaan Oromootiin ga’umsa olaanaafi barumsa qabaniin sirnaan gulaalamee sadarkaa waaltina Afaan Oromoo eegeen kan dhiyaate ta’uu beeksiseera.

Kaayyoon kitaabichaa inni guddaan shaakaloota addaddaa gochaan qofa beekaman gara barreeffamaatti fiduuf aartichaafi afaan dhaloota qubee wajjin walbarsiisuufi dhaloota dhufuuf dabarsuuf akkasumas, leenjistoota maarshaal aartii gara saayinsiitti fiduuf, aartichi biyyatti akka babal’atuuf, achumaanis ogbarruun Afaan Oromoo akka guddatuuf gumaachuuf ta’uu eereera, barreessichi.

Waggoota kurnan darbaniif magaalota guguddoo addaddaa Oromiyaa bahaatti argamanitti wiirtuulee leenjii ispoortii maarshaal aartii banee hojjechaa kan tureefi jiru Naasir, ammaan tanas bakka dhalootasaa Malkaa Bal’ootti barattoota leenjisaa, Waajjira Dargaggoofi Ispoortii Aanaa Malkaa Bal’ootti gita hojii maarshaal aartiirra hojjechaa jiraachuu nutti himeera.

Kitaabasaa bu’aa ba’ii danuu keessatti barreessee waanuma qabuun maxxansiise kana guutummaa Oromiyaatti raabsuu waan barbaaduuf manneen gurgurtaa kitaabaafi qaamoleen dhimmi ilaallatu akka isa gargaaranis gaafateera, Leenjsiaa Naasir.

Gaafdeebii guutuu barreessicha wajjin taasisne maxxansa keenya biraatiin kan ittideebinu ta’uu asumaan ibsuu barbaadna.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 18/2013

Recommended For You

2 Comments to “Kitaaba Ispoortii Maarshaal Aartii Afaan Oromootiin barreeffame”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *