Filannoon yeroo ka’u biyyi Giriikii hindagatamtu. Biyya Girikii wajjin seenaa filannoo, falaasama, beekumsaafi kkf, hedduutu maqaa dha’ama. Filannoo nuti har’a haasofnu bara 508 dhaloota Kiristoosiin (BC) dura biyya Giriikii keessatti geggeeffamaa akka ture seenaan ni addeessa. Haa ta’uyyuu malee filannoon yeroos geggeeffamaa ture akka isa har’aa kana utuu hinta’iin kan filachuu danda’u abbootii lafaa qofa turan. Isaan iyyuu ammoo dhiira qofa turan. Isaan kun kan filannoof deeman akka har’a namoota isaan geggeessan qofaaf utuu hinta’in namoota ganna kudhaniif abbootii siyaasaa dabalatee naannoo irraa ari’amuu qaban sagaleen murteessu. Sagalee isaan kennan cabaa supheerratti barreessuun ture. Inni kun Afaan Giriikiin ‘ostraka’ jedhama. Yeroo ammaa afaan Ingiliizii jechi ‘ostracize’ jedhu ykn ari’uu, keessaa baasuufi kkf, jechi jedhu achi irraa argame.
Kadhimamaa tokko sagaleen kuma ja’aa ol yoo itti kenname ni ari’ama. Sagalee kanaa gadi warri argatan garuu itti fufu. Baay’inni namoota sagalee kennaniis xiqqoo ture. Sababiinisaa dhiirota qofa utuu hinta’in abbootii lafaa ykn abbootii qabeenya ta’uun murteessaa ture. Dubartootaafi namoota harka qalleeyyii kan qoode, kaayyoon filannoos al-ta’umsa fakkaata. Sababiinisaa nama ari’u barbaadaniif sagalee kennu. Isa kana keessatti namootni siyaasaa danuun kan miidhaman turan.
Namootni beekamtii hinqabne, namootni baay’ee isaaniitti hindhiyaanne as keessatti miidhamoo ta’u. Filannoon isaanii kan namoota koorniyaafi qabeenyaan qoode sababa ta’eef malee tarii akka har’aa utuu namoota hundumaa hirmaachisee namootni hafan ari’amanii namootni ari’aman ammoo nihafu ta’a. Inni kun hanga dhiyeenya kanaatti biyya Ameerikaa dabalatee umurii, saala, eenyuummaan…rakkoo guddaa ture.
Fakkeenyaaf biyya Ameerikaa keessatti hanga bara 1971 (ALAtti) umurii filannoo ganna digdamii tokkoo ol ture. Haa ta’uyyuu malee loliisa Veetinaamiifi Ameerikaa gidduu ture irraa kan ka’e ummatni Ameerikaa biyyasaa tajaajiluuf ganna kudha saddeetitti erga duula dhaquuf heeyyamamee filachuufis umuriinisaa ga’aadha kan jedhu hawaasni kaase. Dargaggeessi ganna 18 duule biyyasairraa diina qolachuu erga danda’e wanti filannoorraa isa ittisu hinjiru jechuusaaniiti.
Isa kanarraa kan ka’e fooyya’iinsi seeraa keewwata 26fan ta’uun umuriin filannoo biyya Ameerikaa ganna digdamii tokkorraa gara ganna 18tti deebi’e. Egaa inni kun filannoo isa jalqabaa bara 1789 biyya Ameerikaatti Joorji Waashingiton (George Washington) filamuutii eegalee hanga 1971tti itti fufee ture. Har’a hunduu jijjiirameera. Kan buusuufi kan baasu sagalee qofa ta’eera.
Sagaleen humna guddaa qaba. Jeequmsaafi wal’aansoo kan ofkeessaa hinqabne, dhiiga malee qofaasaa buusuufi baasuu kan danda’u adeemsa hawaasa qaroomeeti. Hawaasnis tokko ykn biyyi daandii sirrii, bulchiinsa garii, egeree ifaa qabaachuuf geggeessitootni murteessoodha. Geggeessitootni daandii sirrii beekan, dhalootaaf fakkeenya gaarii ta’an, nama geggeessuu qofa utuu hinta’in dursanii ofgeggeessuu kan danda’an, mul’ata borii sirriitti kan qaban, waa’ee taayitaa utuu hinta’iin waa’een namaa kan isaan dhibu, bakka argachuun ofiif kan fooyya’an utuu hinta’in biyyaafi dhaloota kan fooyyessan, geggeessuu qofa utuu hinta’in jijjiiramaaf kan qophaa’an, isa ammaa itti fufsiisuu utuu hinta’in waan haaraaf kan qophaa’an, rakkoo jiru kan injifatan malee rakkoon injifatamanii kan boodatti hindeebine, daandiirra geggeessuuf jedhan sirriitti kan ibsuu dandaa’an, attamitti geggeessuuf akka karoorsan tarsiimoo sirrii agarsiisuu kan dandaa’an, ofkennuun sabaaf kan hojjetan, hanga aarsaatti kan adeeman malee dhaloota aarsaa gochuun kan ofiif hinjiraanne kan ittiin keewwatan sagaleedha.
Akka ardii Afrikaatti rakkoolee gama geggeessitootaan numudatan dubbannee hinfixnu. Rakkoo ardii Afrikaa barootaa barootatti darbaa deemu yoo ilaalle, malaammaltummaa hamaa ofnama jibbisiiseefi kkf yoo gadi fageenyaan ilaallu rakkoolee haala qilleensaa, qabeenya uumamaa, dinagdeefi kkf miti. Afrikaan utuu rakkoo uumamaa hamaa keessa jiraattee biyyoonni lixaa koloneeffachuuf garashee hinseenan turan. Guddina biyyoota lixaa boodaan oomisha biyyoota Afrikaatu jira. Albuudni Afrikaatii dhaqu biyyoottan hedduu geeddareera; miidhagseera.
Afrikaan rakkoonshee qabeenya uumamaa miti. Rakkoo guddaan rakkoo geggeessummaati. Hiyyumni Afrikaa hiyyummaa geggeessitootaati. Isa kanaaf wantoota ragaa ta’an hedduu kaasuun nidandaa’ama.Yeroo tokko pirezdaantiin biyya Gaambiyaa sagantaa raadiyoo BBC “Focus on Africa” jedhamuu wajjin bara 2011 hasawaa taasisanirratti akkas jedhan, “Ani akka bulchaa biyya Liibiyaa Mohamad Gaadaafii nan ajjeefama jedhee ykn akka pirezidentii biyya Misir (Gibtsii) Hosinii Mubaarak nan ta’a jedhee hinsodaadhu. Yoo rabbi jedhe si’achi biyya Gaambiyaa waggoota biliyoona tokkoof nan bulcha. Carraan koo harka Waaqaa keessa jira malee harka eenyuu keessayyuu miti. Kanaaf ani eenyuuf iyyuu hingugguufu” jedhan. Kanaaf yeroo filannoof dhiyaatan, “Ani naannoo na filate qofan misoomsa waan ta’eef naannoon ana hinfilatin misooma hin yaadin” jedhan. Haa ta’u iyyuu malee dubbii isaanii eeguu hindandeenye; filamuufis carraa waan dhabaniif yeroo muraasa booda biyya gadi dhiisanii calaa’an.
Akkasumas pirezidaantiin Keeniyaa jalqabaa Joomoo Keniyaataa “Yoon du’eyyuu ekeraankoo biyya Keeniyaa nibulcha”jedhan. Isaan kana qofa utuu hinta’in rakkoo Kibbaafi Kaaba Sudaan, Somaaliyaa, Burundii, Zimbaabuwee, Liibiyaa, Misir, Yemen, Sooriyaa, Iraaq, Afagaanistaaniifi kkf keessatti dararamuu ummataa booda geggeessitootatu jiru. Yeroo tokko tokko warra alaa rakkoo biyyoottan kanatti uuman kaasuu dandeenya. Haa ta’uyyuu malee inni guddaan keessoosaaniiti.
Utuu keessaa rakkoon hinjiraanne warri alaa harka galchuu hindandaa’an. Biyyoottan kana danuu isaanii Ameerikaa sababa gochuu dandeenya. Ameerikaaf garuu daandii kan ta’an, qaawwa kan bananiif isaanuma. “Karaa qubni seene dhudhumni seena” jedhu mitiiree?
Kanaaf geggeessitoota sirrii, geggeessitoota gatii kanfalanii dhaloota gara fuula duraatti deemsisan kan kaa’an daandiinsaa tokkicha. Innis filannoo qofa. Pirezidaantiin Ameerikaa duraanii Abrahaam Linkon waa’ee filannoo yeroo haasa’an “Filannoon rasaasa caalaa humna qaba” kan jedhaniif isa kanaaf.
Rasaasaan kaasuu kan hindandeenye sagaleetu kaasa. Addumaan bara ammaa keessa jirru kanatti sagaleen humna cimaa qaba. Sagaleen humna isa humna qabuus ta’e humna hinqabneeti. Sagaleen humna isa beekaas ta’e wallaalaati. Isa kana dhiyeenya biyya har’a guddatan jedhaman kan akka biyya Ameerikaa keessatti argineerra. Sagalee ala homti tokko ta’uu hindanda’u. Inni filus inni filamus isa kanaaf of qopheessuun murteessaadha.
Bara keessa jirru kana karaan ittiin sagalee ofii dhageessisan inni guddaan egaa filannoodha. Filannoon daandii namni ittiin sagalee isaa dhageessisu, egeree isaa murteeffatudha. Daandii ittiin murtoo sirrii kennuudha. Daandii ittiin borii ofii, kan dhalootaafi biyyaa murteessaniidha. Sagaleen beekumsarratti hundaa’e nama sirriif kennuun mallattoo qaroominaafi demookiraasiiti. Mirga uumamaatis. Tarii isa kana namootni tokko tokko akka salphaatti ilaaluu danda’u. Haa ta’uyyuu malee namootni sirrii hintaane bakka sirrii qabachuun miidhaa guddaa dhalootarrattis ta’e biyyarratti fiduu nidanda’u. Kan ittiin miidhaa hamaa kana daangessuun dandaa’amu daandiin inni guddaan sagalee namoota sirriif kennuudha. Sagaleen rasaasa ittiin isa sirrii hintaane aboo irraa maqsaniidha.
Sagalee qofaan namoota biyyaafi dhaloota geeddaruu dandaa’an keewwachuun murteessaadha. Kan sagalee caalmaa argate hojii dhaloota geeddaru, biyya jijjiiru hojjechuu yoo dhabemmoo isa ittaanuuf qophaa’uutu barbaachisa. Isa kana namoota kanaan dura darban keessa fakkeenya gaarii namni ta’uu danda’u tokko pirezdaantii Ameerikaa duraanii obbo Abrahaam Linkoniidha. Dorgommii keessatti yeroo hedduu utuu hinmilkaa’in nama hafan turan. Bara 1838 dorgommiif filannootti dhiyaatanii hinmilkoofne. Itti fufuun bara 1840 dabalata ni mo’aman. Bara 1843 mana mareef dorgomanii hinmilkoofne. Bara 1848 mana mareef si’a lammaffaaf dorgomanii ammas nikufan. Naannoo dhalatanitti bara 1849 bulchiinsa lafaaf dorgomanii hinmilkoofne. Bara 1854 mana maree murtoo seeraatti dorgomanii nikufan. Bara 1856 walga’ii paartiisaanii irratti dhiyaatanii itti aanaa pirezidentiif akka filaniif maqaa dha’uurratti namoota dhibbaa gadi kan ta’antu file.
Lammaffaa deebi’anii waan filannootti dhiyaatan hinfakkatu ture. Haa ta’uyyuu malee utuu abdii hinkutatin bara 1858 mana maree Ameerikaaf dorgomanii ammas nikufan. Abdii kutannaa malee deebi’anii dorgomuun seenaa keessatti kan hindagatamne bara 1860 Pirezidaantii biyya Ameerikaa ta’anii filaman. Abirahaam Linkon nama barasaanii irra guddeessa mo’amuun jiraatan yoo ta’e illee boodatti hindeebine. Pirezidaantota Ameerikaa keessaa nama jabaafi kan maqaansaanii dhaa’amu keessa tokko ta’uu dandaa’aniiru. Darbees nama jijjiirama fidu keessaa tokko ta’aniiru.
Namoota mul’ata qabaniif kufaatiin dhuma jireenyasaanii miti. Ilaalcha sirrii sababa qabaniif kufaatii irraa beekumsaafi muuxannoo garii argatu. Namoota baay’eetiif kufaatiin yeroo abdii kutannaati. Tarii yeroo namoota aarsaa hinbarbaachifneef affeeran illee argineerra. Egaa dhalootni kun dhaloota gadi fageessee yaadu, isa darbe irraa kan baratu, sagalee qofti ga’aa ta’uu isaa kan hubate ta’uun barbaachisaadha. Sagaleen keenya rasaasa caala. Baasuufi buusuuf ga’aadha.
“Sagaleen humna guddaa qaba. Jeequmsaafi wal’aansoo kan ofkeessaa hinqabne, dhiiga malee qofaasaa buusuufi baasuu kan danda’u adeemsa hawaasa qaroomeeti.”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 18/2013
12 Comments to “SAGALEEN RASAASA CAALA”