Malli maali? Falli hoo?

Kibxata tare paarlaamaan biyya kanaa, kan yeroosaa xumuruuf ji’oonni muraasti qofti isa hafe, walgahee ture. Ministirri muummichaa Doktar Abiyyi Ahimad walgahii kanarratti dhihaatanii gaaffii dhihaataniif deebii kennaniiru. Hawaasnis gaaffilee ka’aniifi deebii kenname miidiyaadhaan dhageeffatee hubannoosaa karaa addaddaatiin ibsateera. Anis qaama hawaasaa keessaa tokko waanan ta’eef dhimma kana hordofeera.

Gaaffileen filannoo bara kana adeemsisamu wajjin walqabatan ka’aniiru. Dhimmi qaala’insa jireenyaas ka’eera. Haalli dinagdee biyya keenyaa, kan baruma baraan dabalu garuu kan jireenya ummataa hinfooyyessine, mataa dubbiiwwan keessaa isa tokkodha. Walitti dhufeenya dhimma alaa ilaalchisee gaafiin dhihaateera; daangaa Sudaaniifi Xobbiyyaarratti haasawameera; dhiibbaan dippiloomsaaii Xoobbiyaarratti godhamaa jiru dubbatameera. Gaaffileen haala nageenyaa biyya keessaa wajjin walqabatanii ka’anii jiru. Dansuma!

Midiyaawwan biyya keessaa akkuma xiyyeeffannoofi fedhiisaanitiin yaadawwan ka’an keessaa filatanii balballoomsaniiru; yaada kaan ukkaamsuuf yaalaniiru; keessumaayuu kan dhimma Oromoota Walloo. Namoonni dhuunfaas haalauma isaan quuqeefi itti dhagahameen yaadasaanii carraa argataniin ibsaniiru. Anis carraan qabuun yaadakoo qabadhee dhihaadheera. Xiyyeeffannaan koo dhimma nageenyaarratti ta’a; gocha hammeenya hidhattoonni naannoo Amaara ummata Oromoo Godina Addaa Oromoorratti rawwatan jiddu gala godhachuun.     

Akkuma ummannis ta’ee mootummaan hubatu nageenyaa biyya kanaaf dhimma ijoo hunda caaluudha. Wanti hunduu akka karoorfameefi dubbatamuutti kan hojjatamu yoo nageenyi jiraateedha. Osoo nageenyi hinjiraatiin dhimma filannoo haasa’uun bu’aan fidu xiqqaadha. Bakka nageenyi hinjirretti guddina dinagdee hawwuun hawwii qofaan hafa. Bakka nageenyi bora’etti tokkummaa ummataafi biyyaa haasa’uun hanga bishaan tumuuti. Waan hundaafuu bu’uurri nageenya jechuu barbadeeni. Gaaffileen paarlaamaa keessatti ka’aniifi deebiin ministrri muummichaa kennanis kanuma mirkaneessu. 

Gaaffilee paarlaamaa keessatti ka’an keessaa kan qalbii koo harkise gaaffii bakka bu’oonni Naannoo Amaraa godina Saba Oromoo kasaniidha. Gocha suukaneessaa Oromoota Godina kanaarratti raawwatame ilaalchisee oduun sooshaal miidiyaadhan tamsa’aa ture kan nama naasisu ture. Dhugaadha moo miti kan jedhu shakkii uumee ture. Booda abbaanuu, mootummaan naannoo Amaaraa, dhugaa ta’uusaa  ibsa baase.   Ittaansuun Paartiin Badhaadhinaa Oromiyaa, kan Paartii Badhaadhina Amaraa wajjin biyya bulchaa jiru,  irra qabaa malee dhugaa jiru ifatti  baase. Gocha humna addaa naanoo Amaaraa ciminaan hadheeffatee gochichaan humni kun raawwates gochaa  “yakka waraanaa” jedhee qeequu isaati. Ittaansudhaan bakka bu’oonni paarlaamaa Oromoota Godina Saba Oromoo bakka bu’an iddoo ministirri muummichaa fuulleesaanii jirutti paarlaamaa keessatti hadheeffatanii dubbataniiru. Haala kanaan dhugaan ummata kanaa, midhaan deddeebiin irratti raawwatamu addabaabaayitti bahe.     

Miidhaa hammeenyaa ummatarratti raawwate. Ummanni Oromoo Walloo ummattoota kam caala ummata Amaaraa wajjin wanti waliin qoodatu guddaadha. Aadaafi seenaa waliin qabufi waliin hojjate baay’eedha. Hunda caala dhiigaanillee walitti makameera. Waliin jiraachurrattis rakkoo hinqabu. Garuu shireesitoonnifi finxaaleyyiin ummata kana keessaa bahan ummata walitti buusuun fedhii olaantummaasaanii mirkaneessuuf yoo akka saree maraattuu waanuma argan ciniinan mul’atu. Kan Walloo Maajeteefi naannawa Kamisiteetti ta’e kanuma. Gochaan kun, akkanatti ifa bahuu baatus, Baateettis raawwata ture.    

Humni addaa Naannoo Amaaraa, kan mootummaan leenjise, kan mootummaan bajata ramadeef, kan mootummaan hidhachiise, meeshaa hanga funyaanitti hidhate waraanaa ummata hiyyeessarratti baneera. Tarkaanfii waraanaa kanaan ummata siviiliirratti ajjeechaa guddaa kan jedhamu raawwateera. Daa’imman du’aniiru. Abbootin amantii ajjeefamaniiru. Jaarsi ummata walitti araarsuuf bahe irbaata rasaasaa ta’ee alatti hafeera. Akka maddeen tokko tokko ibsanitti namoonni madaa’anii lubbuusaanii baraaruuf hospitaalatti geeffaman naasuu tokko malee achitti ajjeefamaniiru. Lammiileen meeshamaleeyyiin akka bahanitti biyyoo jala oolaniiru. Dhugaa kana paartiin badhaadhinaa Oromiyaa ibsasaa  keessatti dhoksaa tokko malee eereera. 

Gochaan hammeenyaa dabaree eeggatee ummata fayyaalessarratti raawwatu kun biyya kana eessan gaha laata? Biyya tokkoomsa moo ni diiga? Biyya ni misoomsamoo ni quucursa? Oolaantummaa oftuultonni jedhan sana fidamoo isaan deebi’ee nyaata? Har’aaf gaaffiidha, oolee bulee deebii tokko argachuunsaa hinoolu. 

Oromoon Walloo maaliif irratti duulama? Haala yeroo ammaa jiruun duulli Oromoo Walloo qofarrtti waan adeemsisamu natti hinfakkatuu. Warra biyya bulchaa jiran dabalatee Oromoo hundarrattuu duulli akka baname miidiyaasaanirraa dhagahamaa jira. Kan Oromoo Walloo ammoo adda akka ta’eedha. Bakka bu’aan ummatichaa waan sadii kaasa. Isaanis tokko sadarkaa jalqabaarratti waan Oromoo ta’aniif qofaa finxaaleyyiin naannoo Amaaraa itti duulti. Sababni lammataa waan amantii Islaamaa hordofnuufi. Inni sadaffaa sababa hoggantoonni Amaaraa Lafa Sabni Oromoo irra qubate of jala galchuuf fedhii addaa qabaniifi.

Namni bakka bu’aa ummataa ta’e kun beekumsaafi qo’annoo malee qabxiiwwan sadeen kanneen hinkaasne.  Yaada kanarratti Oromoo hedduun, kiristaanas ta’ee Islaamni, Waaqeffatanis ta’ee pirootestaantiin, waliigala jedheen yaada. Humnaan ijaarama biyya kanaa keessatti olaantummaan gita bittaa Amaaraa,  jiddugalli amantii kiristaanaafi lafa bal’ifachuun gita bittaa kanaa dhugaan mu’latee waan jiruuf har’as  jaarraa 21fa irra taa’anii kaayyoo kana warri abjootan uumamaa jiru. Kunimoo gonkumaa akka hintaane jara kanatti himuun barbaachisaadha. Ummata miidhame kana maddii dhaabbachuunillee fala yeroo ta’a.  

Ummata mana sirreessaa bal’aa keessa jiru:  Jecha guddaa nama ajaa’ibsiisuudha.  Bakka bu’aan ummatichaa haalli inni Oromoota godinchaa itti ibse mee irra deddeebi’aa dhaggeeffadha.“ummanni keenya ummata mirgiifi kabajinisaa daangeffamee mana sirreessaa [mana hidha] bal’aa tokko keessa jiratuudha.” jecha garaa nama nyaatuudha. Ummanni kun seenaanis dhiigans Oromoodha. Latiinsa hidda Oromooti. Kun seenaadha. Boolasaa nadhiin haa guutuu malee “seenaa rirmi hin nyaatu” jedhe Haacaaluun. Seenaan Oromota Walloos kanuma ibsa. Garuu akkuma jedhame ummata Oromoorraa akka citu taasisameera. Kan marsee isa eegu, kan of keessaa dhabamsiisuuf fedhu ni jira. Kabajaa dhabsiisuufi  mirgasaa daangessuu bira taramee wabii lubbuun jiraachuu dhabaa jira. Kanaaf ummata kanaaf birmachuun, cinaasaa hiriiruun barbaachisaadha.

Hidhattoota Naannoo Amaaraa: Hidhattoota Naannoo Amaaraa Asaaminoo Tsigee kaayyoo addaatiif leenjisaa akka ture ni beekama. Inni lubbuu itti dhabullee warri kaayyoo sana itti fufsiisaan ni jiru.Akkuma hidhattoota naannolee biroo keessa jiran humna nageenyaaf dhaabbate yoo ta’e rakkoo hinqabu. Garuu humna namoota meeshaamaleeyyii ajjesu yoo ta’e fuuloo itti gochuun gaarii ta’a. Akkuma paartiin badhaadhinaa ibsetti dhimmichi qaama bilisaan qulqullaa’ee tarkaanfiin sirreessaarratti fudhatamuu qaba. Akkuma ministirri muummichaa jedhanitti, kaayyoo ajajameen alatti badii raawwatameef humni kunis ta’ee kan biraa seeraan gaafatamuu qaba. Irra caalaa warri gonfoo mootummaa kaayyatanii shira gaggeessaa jiran  gaafatamuu qabu.    

Maqaa daabboo:  Biyya kana keessatti wanta nama jibbisiisu keessaa tokko gochaawwan seeraan alaafi doggongoraa sababa hintaane aguuguuf yaaludha.  Dargiin bara dheeraaf Shaabiyaafi  Wayyaanetti qabachaa tureera. Wayyaaneen yerooshiitti  gochaa fokkisaa hunda ABOtti sababeeffachaa turte.Bara kanammoo ‘ABO-Shanee’ waan jedhutu dhufe. Dhiheenya kana ‘Juuntaan’ itti dabalameera. Mootummaan naannoo Amaaraa sababni inni namoota siiviilirratti ajjeechaa raawwate maqaa ‘ABO-Shanee’  hidhatee naannawa sana jiru dhabamsiisuuf jedhuuni. Kan namichi maqaa daabboo jedhes kana. Maqaa fakkeessuu jechuu natti fakkaata. Paarttiin Badhaadhinaa ‘ABO-Shanee’ jedhee balaaleffachuufi qeequun beekamullee ‘ABO-Shanee’ wanti jedhamu naannoo sana keessa akka hinjirre mirkaneesseera. Kanaaf, hidhataan naannoo Amaaraa tarkaanfii fudhateef sababa gahaa hinqabu jechuudha. Kun ittigaafatama fiduu qaba.  

Malli maali? Falli Hoo? Akkuma yaada nama hedduu ummanni Amaaraafi Ummanni Oromoo obboleeyyani. Bara dheeraaf nagayaan waliin jiraataniiru. Rakkoon hoggantoota mootummaa naannichaafi finxaaleyyii bira jira. Kanaaf falli yeroo gabaabaafi dheeraa maal ta’uu qaba? Akka yaada kootti tarkaanfiin jalqabaa kan ta’uu qabu ummata miidhaan gara jabinaa irratti raawwate kana karaa hundaanuu gargaaruudha, bira dhaabbachuudha. Reeffi namoota du’anii akka awwaalamu, qe’ee gubate deebisanii ijaaruu, gargaarsa nyaataafi daaraa (uffataa) gochuu, ummata qabbaneessuudha. Kanuma madditti  qaamni bilisa ta’e badii uumame kana akka qulqulleessu taasisuudhan dafanii qaamolii ajjeechaa kana raawwataniifi raawwachiisanirratti tarkaaniifii sirreessaa fudhachuudha.   

Falli nageenya fulla’iinsa qabu uumuuf ummata kana ummata Oromoo bal’aa wajjin walitti makuudha. Doggongora bara caasaa Mallas uumame sana sirreessuudha. Oromoo godina Saba Oromoo naannoo Amaaraa  Naannoo Oromiyaa wajjin walitti  makuuf ulaan akka jiru beekamaadha. Kan barbaachisu murtiifi kutannoo qofaadha. Kana ta’uu baannaan rakkoon ummata kanaa hinfuramu. Deemee deemee akkuma Oromoota Walloo Jajjuu, Raayyafi kanneen biroo liqimfamaa deema. Kunimmoo dhaloota amma jiru kana seenaadhaan ni gaafachiisa. 

  Torban gaarii !

Dachaasaa Roorrootiin

Gaazexaa Bariisaa Ebla 18/2013

Recommended For You

5 Comments to “Malli maali? Falli hoo?”

  1. Pingback: burn-out
  2. Pingback: This Site

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *