Barmaatilee miidhaa geesisaniifi fayyaa keenya

Akkuma beekamu baay’een hawaaasa keenyaa sababoota ga’aa hintaanerraan kan ka’e yeroo dhukkubsatu mana yaalaa deemuu caalaa mana isaa keessatti ykn hawaasa keessa jiraatu bira deemuun wantoota garagaraa yeroo raawwatu argina.

Yaaliin dhukkubaa karaa aadaatiin akkuma jirutti ta’ee, garuu yaaliiwwan karaa barmaataatiin hawaasa keessatti kennaman tokko tokko fayyaa namootaa irratti daraan miidhaa garaagaraa yoo geessisan argina. Yeroo itti namoonni baay’een dhibee qaban yaalamuuf jechas dhibee biraa dabalatanis ni mul’ata. Kana qofa osoo hintaane namoonni baay’eenis sababa kanaraan kan kahe lubbuun isaanii dhabaa jiru.

Gochoota akkasii irraa hawaasni keenya ofqusachuu akka qabu gorsa ogummaa kiyyaa dabarsuun barbaada. Barmaatiilee hawaasa keessatti barataman kanneen yaala fayyaaf jedhamanii kennaman karaa ogummaa fayyaan akkamitti ilaalla?

Mee barmaatiilee hawaasa keessatti taasifamaa jiran keessa muraasa isaanii kaasnee haa ilaallu.

Dhibeen toonsilii sadarkaa umurii daa’imummaarraa hanga ga’eessummaatti namoota baay’ee kan qabudha. Dhibeen kun dhibee infeekshinii jarmoota garaagaraa irraan kan ka’e kan dhufudha. Dhibeen kunis namarraa namatti karaa inni ittiin daddarbu keessaa tokko karaa hargansuudhaan. Hawaasni keenya keessaayyuu ijoollee yeroo toonsiliin isaan dhukkubu mana yaalaa geessuu caalaatti yeroo isaan bifa aadaan huba qoonqoo muraa jiran argaa jirra. Akkuma beekamu barmaatiin kun hawwaasa hedduu keessatti kan baratamedha.

Namoonni infekshiniin toonsilii baay’ee dhukkubsatan karaa alogummaa fayyaa ta’een huuba qoonqoo isaanii yeroo mursiisan argaa jirra. Toonsiliin kutaa qaama qoonqoo keenyaa keessaa gara bitaaf mirgaatti kan argamuu yoo ta’u farroota qaama alagaa qaama keenyarraa dhukkuba loluuf gargaaraan kuusuuf oomishuu keessatti gahee guddaa taphata.

Toonsiliin keenya sababa baakteeriyaa irraan kan ka’e infeekshiniin isa mudachuu danda’a. Namoonni baay’een yeroo dhibeen kun daran itti hammaatu ogeessa fayyaa bira deemanii yaalamuu caalaatti hawaasa naannoo keessa jiraatan bira deemuun yeroo huuba qoonqoo isaanii muran argina.

Hubadhaa huubi qoonqo (uvula)fi toonsiliin garaagara. Huubni qoonqoo keenya walakkaa qoonqoo keenyaatti gadi rarraatee kan argamtu dha. Toonsiliin keenya immoo gama bitaaf mirgaan gara morma keenyaa cinaan kan argamaniidha. Namoonni baay’eenis yaala infeekshinnii toonsiliif huuba qoonqoo isaanii yeroo muran argina.

Karaa ogummaa fayyaatiin namni tokko infekshiniin toonsilii daraan yoo itti hammaateef gara biraatti yoo deeme yaaliin baqaqsanii yaaluu ni taasifama. Yaaliin baqaqsanii yaaluu kunis toonsilii kana kutanii baasuudha malee huuba qoonqoo muruu miti. Dhugaadha yeroo infekshiniin toonsilii namatti ka’u huubni qoonqoos dabalataan nama dhukkuba. Dhukkubbii huuba qoonqoo kanaafiis sababni inni guddaan infekshinii toonsiliiti malee huuba qoonqoo sana miti. Sababa huuba qoonqoo muruurraan kan ka’e rakkoo baayyeetu nama mudata. Rakkoowwan kanneen keessaa tokko dhiigni baay’inaan dhiiguudha. Taateewwan akkasii yeroo baayyee mana yaalaatti argina.

Naannoo qoonqoo keenyaa hiddoonni dhiigaa baay’een waan jiraniif hiddoonni dhiigaa kun yoo citan dhiigni dhaabachuu dhiisuu danda’a. Sababa kanarraan kan ka’es namoonni baay’een lubbuun isaanii darbeera. Rakkoo inni biraan infekshinii dabalataaf saaxilamuudha. Meeshaan ittiin huuba qoonqoo muran sun qulqullina waan hinqabneef infekshinii garagaraaf nama saaxiluu danda’a.

Akkasumas dhibee teetanasii kan baakteeriyaan dhufuufis nama saaxiluun lubbuu namaallee dabarsuu danda’a. Gama biraatiin huuba qoonqoo muruun baakteeriyaawwan naannoo toonsilii keenyaa dhiigaan geejjibamuun gara onnee keenyaa deemuun dhukkubbii onneefillee nu saaxiluu ni danda’a.

Taateewwan yeroo namni dhukkubsatu tokko qaama isaa gubuu bakka baay’eetti baay’inaan mul’ata. Keessaayyuu bahaa Oromiyaa naannoo Harargeetti barteen kun baay’inaan kan baratamedha. Namoonni baay’een namni tokko garaa yeroo dhukkubsatu aalbee ykn meeshaa qara qabu biraa abidda keessa kaa’anii erga diimessanii booda qaama nama dhukkubsataa sanaa guggubuun namoota baay’ee rakkoof saaxiluu danda’a.

Tarii yeroodhaaf dhukkubbiin sun irraa fooyya’uu danda’a, sababni isaas qaamni keenya dhukkubbii qaama keessaa sana irraanfachuun garaa qaama gubamee sanaatti xiyyeeffata. Akkuma beekamu qaama keenyatti miirri dhukkubbii kan dhagahamu qaama keenya keessaa yoo miidhamanidha. Kanaaf furmaanni jiru ammoo qoratamuun ilaalamuudha malee qaama guggubuun furmaanni argamu tokko hinjru.

Qaama guggubuun dhiibbaa fayyaa kanneen akka infekshinii gogaa keenyaaf madaa garaagaraa qaama keenyarratti hambisuu danda’a. Madaan sun dafee fayyuu dhabuurraan kan ka’e namoonni baay’een foonni isaanii tortoree hanga sadarkaa du’aattillee nama saaxiluu ni danda’a. Kanaaf gochoota akkasii irraa of qusachuun yoo miirri dhukkubbii nutti dhaga’amellee mana yaalaa deemnee qoratamuun baayyee barbaachisaadha

Akkuma beekamu utuu barumsi fayyaa baayi’naan hinbabal’atiin dura kittaannaan dubartootaa baay’inaan biyyoota Afrikaa sahaaraa gadii keessaayyuu biyya keenya Itoophiyaa keessatti bal’inaan geggeeffamaa ture. Hawaasa jiraatan keessatti dubartii hinkittaanamne tokkotti maqaa garaagaraa kennuun dubartiin sun akka hawaasa biratti jibbamtu godhamaa ture.

Ammallee taanaan kittaannaan dubartootaa biyya keenya bakka baay’eetti darbee darbee ni mul’ata. Kittaannaan dubartootaa gosa baay’eetu jira. Naannoo baha biyyattii naannoo Somaaleetti kittaanaaan qaama saalaa dubartootaa walitti hodhuun qulqulluummaa dubartoota eegna jechuun godhamu shammarran rakkoo baay’eef saaxilaa jira.

Kittaannaan gosa baay’ee kan qabu yoo ta’u innis sadarkaa fiixee qaama saalaa dubartootaa muruu irraa hanga guutummaa guutuutti hodhuu dabalata. Keessaayyuuu gosi kittaannaa sadaffaa jennee gama fayyaan waamnu ykn ‘infibulation’ jedhamu naannoo Affaar, Harargeefi Somaaleetti baay’inaan ni mul’ata. Kunis kan godhamu dubartii qaama saalaa ishee gamaaf gamanaan sibiila diimessanii gubuu miilashee lamaan walitti hidhuun guyyoota muraasaaf hidhanii tursu. Erga qaamni saalaa ishee gama bitaaf mirgaan walitti qabatee booda uraa xiqqoo qofa fincaaniif hambisuun kan godhamudha.

 Kittaannaan dhiibbaa garaagaraa dubartoota irraan ga’uu danda’a. Dhiibbaawwan kunneenis:-

  •  Dhiigni garmalee dhangala’uu
  •  Madaan naannoo qaama saalaa irratti mul’achuu
  •  Infeekshinii naannoo qaama saalaaf gadameessa
  •  Dhukkubbii yeroo walqunnamtii saalaa
  •  Dhukkubbiifi dadhabbii yeroo da’umsaa
  •  Dahumsa irratti dadhabuun yaalii baqasanii yaaluuf nama saaxila
  • Rakkoo xiinsammuu dubartootaafaadha.

Walumaagalatti barmaatileen miidhaa geesisan kunneen faayidaa isaaniirraa miidhaasaaniitu caala. Kanaaf namoonni dhibee tokko wal’aanuf jecha dhibee biraaf saaxilamanii fayyaa, lubbuu, maallaqaafi yeroosaanii dhabuurra, gaafa miirri dhukkubbii itti dhagaa’amu mana yaalaa deemuu barmaata taasifachuu qabu.

Doktar Naafyaad Geetuu

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 18/2013

Recommended For You

7 Comments to “Barmaatilee miidhaa geesisaniifi fayyaa keenya”

  1. Pingback: fuck boy
  2. Pingback: about me
  3. Pingback: สล็oต PG
  4. Pingback: live cams

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *