Itoophiyaan Maalaawii 4-0n mo’ate

Finfinnee: Walmorkii waancaa kubbaa miilaa Afrikaa kan magaalota Kaameeruunitti gageefamurratti hirmaachuuf gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa tapha deebii Robii dhufu garee Madagaskaar waliin Istaadiyoomii Baahirdaaritti  kan taphatu ta’a.  Akkasumas Bitootessa 21 bara 2013 Abujaatti, gare Kotidivaar waliin kan taphatu ta’a.

Gareewwan  Kotidivaar, Madagaaskaariifi Niijer waliin kan ramaddame Gareen kubbaa miilaa Itoophiyaa (Waaliyaan) walmorkiiwwan hanga ammaatti adeemsifameen qabxii ja’aan sadarkaa sadaffaarratti argama. Ramaddii kanarraa Kotidivaariifi Maadagaaskaar garagarumaa galchaan walcaalanii qabxii torbaan tokkoffaafi lammaffaadha. Niijer ammoo qabxii sadiin sadarkaa afuraffaarratti argamti.

Walmorkii Maadagaaskaar waliin isa eggatu kanaaf gareen biyyaalessaa Waaliyaan ga’umsasaa madaaluuf jecha Dilbata darbe Isaadiyoomii Baahirdaaritti tapha michumaa gare Maalaawii wajiin taasisuun 4-0n mo’atera.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 11/2013

Recommended For You

2 Comments to “Itoophiyaan Maalaawii 4-0n mo’ate”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *