Yuniyeenii Omishtoota Kuduraafi Muduraa Maqii Baatuu maal hojjetaa jira?

Saamraawit Girmaatiin

Obbo Kumasaa Guddinaa Gaggeessaa Hojii Yuniyeenii Omishtoota Kuduraafi Muduraa Maqii Baatuuti. Yuniyeenichi bara 1994 kan hundaa’e yoo ta’u, waldaalee miseensa 12 hojii jallisiirratti hojjetanii kuduraafi muduraa omishaniifi qonnaa bultoota 527 of jalatti qabataniin kaappitaala qarshii miliyoona walakkaa qabachuun leefa heektaara 400 irratti hojii eegale. Qonnaan bultoonni waldaalee jalatti hundaa’an kunneenis rakkoo gabaa fuduraafi muduraarratti aanaalee lamatti mul’atu hiikuu kaayyeeffatanii hunda’an.

Ammaan tana hojiisaa gara aanaalee ja’aafi godinaalee lamaatti babal’isuun miseensa waldaalees gara 152tti guddisuun hojjetaa jira. Miseensoonnis kuma saddeetiifi 360 qaqqabaniiru. Kaappitaalli yuniyeenichaas dhaabbiifi socho’aadhaan qarshii miliyoona 78 qaqqabeera.

Bal’inni lafa hojiin irratti hojjetamuus heektaara kuma afur kan ga’e yoo ta’u, omishaalee kanneen akka qullubbii dimaa, timaatima, raafuu maraa, qaaraa, foosoliyaafi omishaalee xixiqqaa kanneen akka dabarjaa jedhamanii ni omisha. Dabalataanis sanyiiwwan boqqolloo, boloqqee,  shunkurtiifi kkf baay’isuun galiisaan guddifachaafi rakkoo hanqina sanyii furuuf hojjetaa jira.

Yuniyeenichi hojii omishaa waggaa guutuu hojjeta. Yeroo gannaa roobniifi dhukkuboonni garagaraa waan baay’ataniif yoo baay’ate ji’a lamaa hanga sadiitti omishni ni xiqqaata. Keessattuu yeroo bonaa bal’inaan omishama.

Gatiin kuduraalees gatii gaariidhaan gabaaf dhihaata. Ammaan tanas gatiin timaatimii daran gadi bu’ee ture xiqqoo daballii agarsiiseera. Kanarraa kan hafe shinkurtiin kiiloo giraamni tokko qarshii 10-12, timaatimii qarshii saddeetii hanga 10tti  gurgurama.

Amma yeroo omishni sirriitti jiru waan ta’eef gatiin qonnaan bulaa xiqqoo gadi bu’a. Yeroo gannaammoo gatiin omishaa qaala’uu danda’a. Hanga danda’ametti waldaan jajjabaatee akka omishu, darbees waliigalteedhaan omishisna jedhu.

Keessattuu waggoota ja’aan as Daandii Xiyyaara Itoophiyaa wajjin waliigaluun omisha biyya alatii galuufi sharafa isaaf ba’u hambisuurratti argama. Omishaalee kuduraa 10 ta’an torbanitti guyyaa sadii dhiheessaa jira.

Akkasumas fayyadamtoota Finfinneetiif suuqota bakkeewwan sadii jechuunis Jamoo, Saarbeetiifi, Qaallittiitti dhiheessaa jirra jedhanii. Dhiheenyattimmoo suuqota Federeshiniin Qonnaan Bultoota Oromiyaa Markaatootti argamuttii suuqii dabalataa banuuf qophii xumuruu eeran.

Dhaabbilee garagaraafi yuniyeenota Finfinnee keessa jiran waliins harcaatii qabaatus walitti hidhamiinsa uumuun omishni qonnaan bulaa bal’inaan omishamu hanga tokko gabaa akka argatu taasisaa jiraachuus ni dubbatu. Magaalota xixiqqoo kanneen akka Maqiittis akkasuma suuqii bannee omisha gurguraa jiraachuu himu.

Hojiin kuduraa baay’ee rakkisaadha. Sababnisaa akka omishoota biraa ol kaa’anii tursiisuun hindanda’amu. Yommuu ga’etti gurguramuu baannaan ni bada. Kana jidduutti faddaalonniifi daldaltoonni seeraan alaa gatii hintaane kennuudhaan qonnaan bulaa miidhu.

Kana keessatti yuniyeenichi hanga danda’etti gabaa tasgabbeessuurratti hojjetaa jira. Akkasumas omishni sadarkaafi qulqullinasaa eeggate biyya keessaafi alatti gurguramu akka omishamuuf qonnaan bulaa ‘global gapping certify’ gochaa deemaa jira. Dorgomaa gabaa biyya alaa ta’uufis hanga danda’ametti gabaa biyya alaa barbaadaafi jiru.

Kanatti aansuun timaatimiidhaan walqabatee rakkina qonnaan bulaan qabu hiikuufi gara agiroo indastiriitti ceesisuuf naannawa zoonii indastirii Bulbulaatti warshaa cuunfaa timaatimii dhaabuuf hojii baay’een hojjetamaa jira. Qorannoo barbaachisu taasifame jira. kroorri biznasii ‘Business Plan’ yommuu dhumatu gara maashinii bitanii dhaabuutti seenama. Omisha ‘host arvest lost’  hambisuun akka danda’amuuf irratti hojjtamaa jira.

Erga Daandii Qilleensa Itoophiyaa waliin hojjechuu eegalanii as qonnaan bultoonni itti fufiinsaan omishanii wabii gabaa argachuu danda’aniiru. Ta’us hammi fuduraa dhaabbatichi barbaadu hamma murtaa’e waan ta’eef qonnaan bulaa hunda waliin ga’uun hindanda’amu.

Omisha qonnaan bulaa darbinee darbinee waan irraa fuunuuf ammallee fedhii gabaa tasgabbeessuurratti hanqinni ni jira. Kanaaf hojii dhiheessi dhaabbilee biro waliin hojjechuudhaan yunvarsiitiiwwaniifi dhaabbilee garagaraa dubbisurratti argamna.

Erga daandii qilleensa waliin hojjechuu eegalle kaasee qulqullinni omishaa dabalaa jira. Ogumaan qonnaan bultootaas fooyya’aa jira. Dhaabbitichis leenjii garagaraa nuu kennaa jira. Fuuldurattis bakka daandiin xiyyaaraa deemutti omishni keenya akka beeksifamuuf waliigaluus ibsan adeensisichi hojii kun.

Kaayyoon yuniyeenichaa bal’aadha. tokko hojii gabaati. Hojii gabaa kana waliin geenyeerra jechuun hindanda’amu. Keessumaa omisha tursiisuu dhabuurraa kan ka’e guutumaatti fedhii gabaa guunneerra jechuun hindanda’amu.

Garuu itti hojjetamaa jira, kana hiikuuf adeemsi gara indastiriitti ce’uudhaan rakkoo kana hanga tokko furuuf itti adeemamaa jira.

Karaa makaanayizeshiniitinis qonnaan bultoonni omishasaanii karaa guutuu ta’een akka omishaniif tiraaktaroota dhiheessuu, maashinii sanyiin itti qulqullaa’u dhiheessuufi bakkee kuusaa qopheessuun qonnaan bulaaf deggarsa taasisurratti argama.

Inni biraa omishaafi omishtummaasaanii dabaluuf guddistuu callaafi galteewwan qonnaa biroo akkasaan gatii madaalawaadhaan argataniif bifa liqiifi dhiheessidhaan wiirtuu qonnaan bultootaa qabnutti dhiheessuun akka fayyadamaniifis hojjetamaa jira.

Inni biraa hojiin beeksisa omisha qonnaan bulaa hanga biyya alaatti beeksifama jira. Keessumaa omisha foosaliyaa hanga Jarmanitti beeksisurratti argamna.

Yuniyeenichi qonnaan bultoota miseensaa alatti lammiilee kaaniifis carraa hojii baneera. Fakkeenyaaf hojiin daandii xiyyaaraa waliin hojjetamu kan akkasumaan dhihaatu osoo hintaane sonni itti dabalameeti.

Shunkurtiin quncifamee, saamsamee; timaatimnis filatamee dhiqamee; fosoliyaan sentimeetiraan muramee, omishaaleen biroos akkanuma saamsamamee sadarkaa isaan barbaadaniin dhihaata. Kanaaf hojii kanaaf yoo xiqqaate hojjettoonni 60-100 ta’an mana dilalleessaa omishni taa’u ni hojjetamu.

Kanneen keessaa %85 dubartoota. Kana malees sanyii boqqolloo baay’isuu waliin, sanyii waldaaleen baay’isanii fidan soramee, kemikaalan wal’aaname, sadarkaan itti kenname, saamsamamee, raabsama. Adeemsa kana keessattis yoo xiqqaate hojjettoonni 120 ta’an carraa argataniiru. Dhiheessi guddistuu callaarrattis namoota 90f carraan hojii banameera. Kana malee hojjettoonni 95 dhaabbiidhaan yuniyeenicha keessa hojjetaa jiru.

Yuniyeenichaaf rakkoo olaanaa kan ta’eefi hanga yoonaas hanga barbaadameen furmaata hinarganne rakkoo gabaadha. Rakkoo kanammoo yuniyeenichi qofaasaa hiikuu hindanda’u.

Wantoota garagaraa dhiibbaa uumantu jira. Faddaalaan gidduu seenuu, gatii hinmalle kennuufi kkf eeruun ni danda’ama. uumamuma omishachaa waliin walqabates meeshaaleen addaddaa guutamoo miti. Wiirtuu diilalleessaa yoo xiqqaate omisha turban tokkoofillee tursiisuu danda’u babal’isuun barbaachisaadha.

Kanaan walqabatee dhaabbilee kanneen yunvarsiitii waliin gabaa uumuuf yeroo baay’ee ni yaalla garuu hinmilkaa’u. Kanaaf harki mootummaa daran barbaachisaadha. Utuu kana ta’e omishni qonnaan bulaa bal’inaan gara gabaa seera qabeessaa dhufuu ni danda’a.

Daandii xiyyaaraa qofaa keenya miti kan seenne, Mootummaa Naannoo Oromiyaafi Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa waliin  carrichi uumame. Haala kanaan omisha afuriin jalqabne 10, hammisaa xiqqaa kan ture torbanitti si’a sadii dhiheessuu dandeenyeerra jedhu.

Yunvarsiitiiwwan waliinis utuu haalli mijatee kana caalaa bal’inaan hojjechuu ni danda’ama, garuu ulaagaan taa’e rakkisaadha; dandeettiin omishuu waan jiruuf.

Qaala’inni gatii omishaalee tibba kanarratti mul’atus bobo’aa sababa godhachuun kan dhufe malee hanqinni omishaa hinjiru. Inumaayyuu yeroo kana yeroo omishni baay’inaan itti omishame ta’uus  ni eeru.

Kanaaf hojii walitti hidhamiinsa gabaarratti karaa miidiyaatiinis hojiin beeksisuu utuu irratti hojjatameefi qonnaan bulaan kallattiidhaan waldaafi yuniyeenii waliin yoo hojjete qonnaan bulaan fayyadamuu danda’a.

Walitti hidhamiinsi gabaa akka babal’atuufi kan gidduu seenan ammoo akka seera godhatan irratti hojjechuun daran barbaachisaadha. Keessumaa adeemsa kanatti fayyadamaa ta’aa kan jiru faddaaloota ta’uu mootummaan waan beeku hinfakkaatu.

Yuniyeenichi hojii bishaanii hojjetuu guutummaatti motoraan hojjeta. Kanaaf ammoo bobo’aa qulqulluutu barbaachisa. Bobo’aan gabaarraa walitti makamee gurguramummoo mootara qonnaan bulaa ni balleessa. Kanarraa ka’uun yuniyeenichi buufata bobo’aa tokko dhaabbateera.

Akkasumas wiirtuun daldalaa ijaarameera. Akkasumas tiraaktaroota lama ni qaba. Paak hawusiifi maankusawwan guguddaa lama, lama akkasumas konkolaattota ‘FSR’ lamaafi ‘Isuzu’ sadii ni qaba.

Ayisuuzuu sadan keessaa tokko konkolaataa dilaleessaa kan omisha daandii xiyyaaraa ittiin geessaniidha. Kan biraa tokkommoo turban kana dabalameera. Haala kanaan kaappitaalli yuniyeenichaa yeroodhaa yerootti dabalaa jira.

Dhumarratti hojiin qonnaan bulaa sirriitti beekamee qonnaan bulaan fayyadamaa akka ta’uuf miidiyaan nu deggaruu qaba jedhan.

Walumaagalatti sochiin yuniyenichi gama hundaan taasisaa jiru daran bal’aa waan ta’ee keessumaa yeroo qaala’nni garii ummata biyyattii raasaa jiru kanatti qaamolee akkanaa gabaa tasgabbeessuufi miseensotasaanii daran fayyaduu waandanda’aniif waantota akka haqinaatti ka’an qaamni dhimmi ilaallatu otoo hatattamaann furee misha jenna.

Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 11/2013

Recommended For You

6 Comments to “Yuniyeenii Omishtoota Kuduraafi Muduraa Maqii Baatuu maal hojjetaa jira?”

  1. Pingback: sunwin
  2. Pingback: harry42

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *