Walitti bu’iinsonni jiran yoo xiqqate dhibbeentaan 90 dhugaa irratti utuu hinta’in miira irratti kan bu’ureffatanidha. Bara keessa jirru kana walitti bu’iinsi baroota darban caalaa addunyaa keenyarratti baay’ataa dhufeera. Sababiinsaa namoota dhuunfaas ta’e biyyoottan addaddaa gidduutti yaadni waldhiitu yeroo uumamu namootni tasgabbiin ilaafi ilaameen hiikuurra ariitiin gara loliisa walirratti labsuutti adeemu.
Yeroo tokko tokko ammoo qaamni tokko ykn gartuun lama miidhamuusaanii leellisuun dunuunfatanii gara loliisaa ykn waldhabdeetti deemu. Inni kun ilmaan namootaa gatii guddaa kanfalchiiseera. Namootni danuun lubbuusaanii aarsaa kanfalaniiru. Qabeenyi barbadaa’eera. Egereen dhalootaa dukkanaa’ee namootni hedduun baqattoota ta’uun biyyoottan ormaa keessatti dararfamaniiru. Isa kanaaf kan itti gaafatamummaa fudhatu yeroo hedduu hinargamu. Sababiinsaa namootni waan mataa jala qabatanii miliquu yaalan qabu. Yeroo tokko tokko walii galtee dhabiisa, yeroo kaanis faayidaa nama dhuunfaa ykn kan waloo akka miidhametti yeroo sababeeffatamu agarra.
Miidhaasaa qofa utuu hinta’in waldhabdeen yeroo tokko tokko faayidaa niqabaata. Gartuu waliin hojjetan gidduutti kan uumamuufi nagaafi tasgabbiin kan hiikamu yoo ta’e bu’aansaa danuudha. Namootni haala isaan mudate ykn walitti bu’iinsa jiru tasgabbiifi nagaan hiikuurraa kan ka’e dandeettiinsaanii akka fooyya’aa deemu taasisa. Inni kun hojiirratti kan bu’uureffate ta’uu qaba.
Hojii ykn haalotarratti kan hinxiyyeeffanne yoo ta’e garuu miidhaa cimaa qaba. Namarratti kan xiyyeeffatu walamantaa namoota gidduu jiru qisaasessee miidhaa hamaa fida. Inni kun utuu yeroo itti hinkennin hiikuun gaariidha. Sababiinsaa yoo yeroon hiikamuu hafe bal’atee namoota hedduu hirmaachisuun tasgabbeessuuf hanga nama dadhabsiisuutti ga’uu danda’a. Isa kana itti yaaduun barbaachisaadha.
Namootni hedduun akka yaadanitti walitti bu’iinsi hundumtuu waan nagaan hiikamuu danda’u itti hinfakkaatu. Mareerratti hundaa’uun miira tasgabbaa’an waan toratti deebi’u namootni itti hinfakkaatne danuudha. Haa ta’uyyuu malee walitti bu’iinsi furmaata hinqabne waan jiru hinfakkaatu. Namootnis ta’e biyyootni hedduun erga gatii guddaa kanfalanii booda daandiinsaanii akkasaan hinbaafne erga hubatanii booda gara mareetti kan deebi’an baay’eedha. Sababiinsaa namni tasgabbaa’ee yoo mari’ate rakkoo hedduuf furmaata hindhabu.
Wanti guddaan nama ajaa’ibsiisu yoo jiraate walitti bu’iinsi hundumtuu karaa nagaan hiikamuu ni danda’a. Miira tasgabbaa’een, hubannaafi ogummaan yoo itti yaadan rakkoo uumamaniif furmaatni jiru. Isa kanaaf ammoo akkaataa ittiin walitti bu’iinsa uumame hiikan sirriitti beekuun murteessaadha. Daandii ittiin namootni hedduun hiikuu yaalaniifi rakkoosaanii gabaabaatti haa ilaallu.
- Nama wajjin walitti bu’an mo’achuun hiikuu yaaluu. Tooftaan kun nama nu waliin walfalmii qabu tokko to’achuun/mo’achuun walitti bu’iinsa jiru hiikuuf yaaluudha. Inni kun bakka ofii dhaabanne namni nuu wajjin walfalmii qabu akka dhufu barbaaduudha. Inni kun ammoo rakkoo jiru hiikuu keessatti faayidaansaa bayeessa miti. “Si mo’een araara buusa” jechuudha.
- Mo’amanii hiikuu yaaluu. Namni nuu wajjin walitti bu’e haala jiru akka to’atuufi akka mo’uuf heeyyamuudha. Inni kun tarii mirga nama waliin falmii qabnuuf kan kennu yoo ta’eyyuu, akka rakkoo jiru gadi fageenyaan haasa’uun furmaata sirrii, murtoo dhugaarratti hundaa’e akka hinlaatamne gochuu danda’a.
- Hundumaa itti dhiisuun hiikuu yaaluu. Namoota walitti bu’an gidduutti walitti dhufeenyi akka hinjirretti ilaaluu, itti dhiisuufi kkf. As keessatti walitti bu’iinsi homaa tokkoyyu hinhiikamne jechuun nidanaa’ama. As keessatti namootni kun yeroof waan rakkoo jiruuf furmaata argatan yoo fakkaatellee rakkoon jiru hundeedhaan furmaata waan hinarganneef bor walitti deebi’anii rakkoon uumamuu danda’a.
- Mareen hiikuu yaaluu. Walgargaaruun rakkoo jiru waliin hiikuuf yaalii gochuu; rakkoo mudate waliin irratti hojjechuun hiikuudha. Kanaaf walitti bu’iinsa jiruuf furmaata ta’uu kan danda’u tarsiimoo gaariidha.
Walumaagalatti sirriitti walitti dhufuun rakkoo jirurratti mari’achuun rakkoon uumame sadarkaa jeequmsaarra utuu hinga’in hiikuun barbaachisaadha. Walitti dhufeenya bakka jalqabaatti deebisuudhaan namoota gidduutti walamanuufi shakkii malee waliin hojjechuun akka uumamu gochuu danda’uun gaariidha.
Wanti dagatamuu hinqabne araara jechuun dhiiseera jechuu miti. Araarri rakkoo uumameef namootni itti gaafatamummaa akka fudhatan gochuu danda’uudha. Isa darbe sirriitti ilaaluun fuulduratti akkaataa itti waliin karoorsanii hojii irra oolchanitti hojjechuudha.
Walitti bu’iinsa hiikuuf haaldureen dagatamuu hinqabne garaagarummaarratti xiyyeeffachuu utuu hinta’iin wantoota waliin qaban irratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.
Yeroo tokko tokko hojjettoota gidduutti walitti bu’iinsa xixiqqoon uumamuu ni danda’u. Walitti bu’iinsi xixiqqoo fakkaatan kun suuta suutaan guddachaa deemuudhaan namoota baay’ee kan hirmaachisuufi gareen akka uumamu godhee hojiifi galma yaadame bira akka hingeenyeef dhiibbaa guddaa gochuu nidanda’a. Walitti bu’iinsi kun ammoo akka namni jireenyasaa keessatti gammachuu hinqabaanne gochuudhaan kan nagaa nama dhowwatuufi nama gaddisiisu ta’a. Geggeessaan tokko tarii walitti bu’iinsi akka hinuumamne gochuu dhiisuu danda’a. Sababiinisaa yeroo yerootti walitti bu’iinsi hinoolu. Iddoo hojiitti hojjettoota gidduutti walitti bu’iinsi xiqqoon uumamuudhaan suuta suuta gara hidda yaafachuuf babal’achuutti ce’uu danda’a.
Bara keessa jirru kana keessatti nama kamiiniyyuu bakka hojiitti, hawaasa keessatti, maatii keessas ta’e bakka addaaddaatti walitti bu’iinsi qunnamuu ni danda’a. Eenyuyyuu hanga namootaa wajjin jiraatutti walitti bu’iinsatti walaba ta’ee jiraachuu hindanda’u. Tarii biyya keenya keessaa baanee gara bakka namoonni baay’inaan hinjirree gara biyya bishaan gidduu yoo dhaqne iyyuu walitti bu’iinsi numa faana dhaqa.
Sababiin isaa kanaan dura wantootni nuu wajjin turan nuu wajjin waan dhaqaniif achittis keessa keenyaa walitti bu’iinsa kaasu. Wanti guddaan garuu walitti bu’iinsi jiraachuusaa utuu hinta’iin walitti bu’iinsa uumame sana akka ta’utti furmaata itti barbaaduudha. Walitti bu’iinsi sirriitti hinhiikamu taanaan hanga maatiin diigamuufi dhiigni namoota hedduu dhangala’uutti geessisuu nidanda’a. Walitti bu’iinsi kufaatii dhaabbata tokkoofis sababa guddaa ta’uu nidanda’a.
Kanaaf geggeessaan tokkoo akka itti walitti bu’iinsa hiiku beekuutu irra jira. Yoo kana hingodhu ta’e milka’aa ta’uu hindanda’u. Geggeessitootni walitti bu’iinsa uumame firiisaa namoota geeddaruu danda’an ta’uu qabu. Yeroo baay’ee akka geggeessaatti walitti bu’iinsa uumamu akkamitti akka hiikan kan hinbeekne hedduudha. Kanaaf akka namootni walitti araaramaniif kan ajajan jiru. Akkaataa kanatti immoo furmaata sirrii fiduun hindanda’amu. Kanaaf walitti bu’iinsa hiikuuf mala sirrii beekuun barbaachisaadha. Walitti bu’iinsa hiikuuf wanta gochuun ta’u keessaa muraasni:
1. Walitti bu’iinsa baay’ee ulfaataa hintaaneefi qaamni walitti bu’an lamaan hiikuu kan danda’an yoo ta’e, warri walitti bu’an lamaanuu akka walitti dhufanii waliin mari’atanii ofuma isaaniitii hiikaniif carraa kenniif.
2. Qaamni walitti bu’e lamaan hiikuun yoo itti ulfaate geggeessaa ykn namni isaan kaa’atan gidduu galuun barbaachisaadha. Tokkoo tokkoosaanii qofa qofaatti haasofsiisuudhaan yaadasaanii hubachuufi dhumarratti bakka tokkotti walitti fiduun akka waliin mari’atanii rakkoo uumame hiikuu dandaa’an gochuun barbaachisaadha.
3. Erga lamaan isaanii yaadasaanii dudubbatanii booda ammas tarii yaada duraa hafe yoo qabaatan akka dubbataniif carraa kennuufiin gaariidha. Yeroo inni tokko dubbatu tarii inni lammaffaan immoo waan hubatu waan qabuuf rakkoon eenyuun bira akka jiru hubachuun nidanda’ama.
4. Dhumarratti erga lamaansaanii waliigalanii booda attamitti akka xumuruun ta’u lamaansaanii gaafachuun barbaachisaadha. Waliigalteensaanii barreeffamee guyyaansaa barreeffameerratti mallatteessuun saanii barbaachisaa ta’uu isaa yoo itti amanne isa kanas raawwachuun gaariidha.
5. Warri walitti bu’an lamaan rakkoosaanii kana hiikuuf fedha hinqaban yoo ta’eefi kun immoo hojii dhaabbatichaafi namoota kaan irratti rakkoo kan uumu yoo ta’e akka seera jiruutti tarkaanfii barbaachisaa fudhachuun gaariidha.
Haa ta’uyyuu malee wanti dagatamuu hinqabne yoo jiraate hojjettootaa wajjin walitti bu’uunis ta’e hojjettootni waliisaanii wajjin walitti bu’uun beekamaadha. Walitti bu’iinsa uumamu kanammoo hiikuuf tartiiba armaan gadii fayyadamuun barbaachisaadha.
- Qophee barbaachisaa gochuu. Duraan dursanii gaaffii namoonni walitti bu’an kaasuu dandaa’aniifi deebii attamii akka kenninu itti yaaduun barbaachisaadha.
- Jalqaba sirriitti dhaggeeffachuun booda dubbachuu. Sirriitti yoo dhaggeeffanne nihubanna; booda yeroo dubbannu namni nuhubata.Waan hundumaa dura hojjettootas ta’e namoota walitti bu’an akka haasa’an gochuun sirriitti dhaggeeffachuun barbaachisaadha. Namoota walitti bu’iinsa kana keessatti hirmaatan hundumti akka haasa’an gochuudhaan sababni walitti bu’iinsasaaniifi akaakuu walitti bu’iinsasaanii maal akka ta’e adda baafachuun furmaata akka dhiyeessinuuf nugargaara.
- Namoonni hundumti akka dubbataniif carraa kennuu. Furmaata isaas akka dhiyeessan gaafachuu. Namoota walitti bu’iinsa keessa jiraniif carraa dubbachuu kennuun haala jiru sirriitti hubachuuf ni gargaara. Gartuu walitti bu’iinsa keessa jiran hundumaa walitti qabuun haasofsiisuun akka furmaata hundumasaaniif ta’u walii wajjin mala dhahaniif ni gargaara.
- Of dhiphisuu irraa of eeggachuun hiikamanii duukaa bu’uu. Yeroo dubbannu sagalee keenya ol fuunee akka nama ifatuutti dubbachuurraa of-qoqqobachuu qabna. Sagalee guddaan dubbachuun walitti bu’iinsa jiru akka itti caalu gochuu nidanda’a.
- Akka geggeessaatti gartuu tokkoyyuu deggeruun dubbachuu dhiisuu. Gartuu tokko deggeruun furmaata sirrii fiduun hindandaa’amu. Rakkoon jirus akka hiikamu hingodhu. Furmaata sirriis kennuun hindandaa’amu. Kanaaf furmaata gartuu walitti bu’an walitti fidu dhiyeessuun gaariidha.
Egaa walitti bu’iinsi hinoolu. Walitti bu’iinsi kamiyyuu furmaata qaba. Itti yaaduu gaafata. Waldhaga’uu barbaada. Anatu caalaarra ilaafi ilaamee barbaada. Inni kun furmaata fida.
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Bitootessa 11/2013
3 Comments to “WALITTI BU’IINSI HUNDI FURMAATA QABA”