Gammachuu Roobii: Loltuufi ispoortessaa kaleessaa, miidhamaa qaamaa har’aa gargaarsa barbaadu

Tashoomaa Qadiidaatiin

Ispoortessaa Gammachuu Roobii bara 1949 Oromiyaa, Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Iluu, Magaalaa Tajiitti dhalatan. Barumsasaanii sadarkaa tokkoffaa mana barumsaa Tulluu Boollootti baratan.

Obbo Gammachuun bara 1966 gara Finfinnee dhufuudhaan hojii garaajii jalqabanis oolee osoo hinbulin raayyaa ittisa biyyaatti makaman. Leenjii loltummaa fudhachuudhaan kutaa waraanaa sadaffaa kan yeroo sana Ertiraa turetti makamanii ga’ee irraa eegamu bahataniiru.

Obbo Gammachun daa’immuumaasaaniirraa kaasee ispoortii kubbaa Kachoo waan jaalataniif kutaa ispoortii raayyaa sadaffaatti makamanii sadarkaa sadarkaadhaan filatamuun garee biyyaalessaa kubbaa Kachoo Itoophiyaatti makaman.

Obbo Gammachuun miseensa kanitti ta’an gareen kubbaa kachooo Itoophiyaa biyyattii

 bakka bu’uudhaan biyyoota addaddaatti shaampiyoonaawwan gaggeeffamanirratti waggoota dheeraaf filatamuun taphateera.

Raayyaa Ittisaa bakka bu’uudhaanis dorgommiiwwan hedduurratti hirmaachuudhaan meedaaliyaawwaniifi waancaawwan hedduu argachuu himanii, bara 1980 garee biyyaalessaa Itoophiyaa bakka bu’uudhaan walmorkii michummaa Ruusiyaatti gaggeeffamerratti hirmaatee taphataa beekamaa ta’uun badhaasa addaa badhaafamuu dubbatu.

Obbo Gammachuun bara 1982 irraa kaasanii Tigraay, magaalaa Maqaleetti taphataafi leenjisaa ta’uun kilaboota kubbaa kachoo naannichaa baay’ee hundeessuudhaan taphattoota horataniiru.

Jireenyisaanii naannoo Tigiraay, magaalaa Maqalee kan ture ture Obbo Gammachuun, kilaboota kubbaa Kachoo Maqaleefi Yunivarsitii Maqalee hedduus kan leenjisan  ta’uu himu.

Waggoota dheeraaf achi turanis mana jireenyaa waanan hinqabneef mana kiraa keessa turii ibsnaii, ammaa ammoo miidhaa akka tasaa irra gaheen miilli bitaa irraa citee yaalamaa jiraachuu dubbatu.

“Kaleessa dandeettiin qabuun biyya kiyya koo loltummaafi ispoortiidhaan ga’ee narraa eggamu mara bahadheera. Yeroo ammaa miidhamaa qaamaa ta’een gargaarsa lammii eeggachaa jira” jedhu turtii tibbana Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin.

Kanaan dura wayita miseensa raayyaa ittisaa turanitti tajaajila wal’aansaa argachaa akka turan eeranii, erga mooraa raayyaa ittisaa keessaa ari’amanii mana kireefatanii magaalaa Maqalee jiraachaa turuu dubbatu.

“Mootummaan Wayyaanee soorama malee na ari’e. Erga harka namaa eeggachuu jalqabee oolee buleera” jedhu. Dhukubni

 miilasaanii itti cimnaan wal’aansa argachuuf Sadaasa 13 bara 2013 gara Finfinnee akka dhufanis eeranii, osoo Tigraayitti deebi’uuf qophiirra jiranii Sadaasa 24 bara 2013 gareen Juntaa haleellaa Ajaja Raayyaa Ittisa Biyyaa Kaabaarratti raawwateen walqabatee Maqaaleetti deebi’uu akka hindandeenye dubbatu.

Haaluma kanaan magaalaa Sabbataa, Alamganaatti, mana xiqqoo kireeffatanii wal’aansasaaniis hordofaa jiraachuu himanii, waan miidhamaa qaamaa ta’aniif gargaarsa kan barbaadan ta’uufi keessumaa rakkoon mana jireenyaa yaaddoo guddaa itti ta’uu eeru.

Pirezidaantiin Federeeshinii Kubbaa Kachoo Itoophiyaa Obbo Yimar akka jedhanitti, “Gammachun goota kubbaa kachoo Itoophiyaatti.” Akka gooti kun irraanfatamee hinhafneef koreen raawwachiiftuu hojii Federeeshinii Kubbaa Kachoo Itoophiyaa yaa’ii dhiyeenya adeemsifateen kana Finfinneetti gaggeeffaterratti keessummaa gochuun akka argaman taasisuu eeranii, Pirezidaantiin Koree Olompikii Biyyaalessaa dhunfaadhaan qarshii kuma 10 arjoomuufiisaaniifi Waajjirri Koree Olompikii Itoophiyaa hidhata ispoortii badhaasuusaa beeksisaniiru.

Gargaarsi kun jireenyasaanii geeddaruu baatus rakkina yeroo ni salphisaaf kan jedhan pirezidaantichi, koreen olompikii biyyaalessaa keessumaa Doktar Ashabbir, gargaasa qarshii malee tikeetii xayyaaraa dhaqaafi deebii danda’uudhaan gara Finfinnee akka dhufan taasisaniiru jedhu.

Obbo Gammachuun maatiisaanii wajjin Finfinneetti deebi’anii tajaajila wal’aansaa gahaa akka argatan gochuuf qaamoleen adda addaa, keessumaa waldaaleen ispoortiifi abbootiin qabeenyaa akka isaan gargaaran abdiin qaba jedhu.

Kaleessa biyya bakka bu’uudhaan ispoortii kubbaa kachootiin maqaa gaarii kan qaban taphataa beekamaa kanaaf, oolmaasaanii deebisuuf ummanni biyyattii, hiriyoonniifi jaalattoonni kubbaa kachoo akka birmataniif gaafataniiru.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 4/ 2013

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *