Qaamota sadeen jijjiirama barnootaatiif dhamaan dhama’an

Kutaa 3fa

Maxxansa keenya lamaan waa’ee dhimma eebba manneen barumsaa Godina Baalee, Aanaa Harannaa Bulluq Bakkaayeefi Bulluq dhaabbanni mitimootummaa tokko ijaaree eebbisiiseefi isaan walabatan biroo isin dubbisiisuun keenya ni yaadatama. Kutaan xumuraas kunooti.

Bulchaa ittaanaan Godina Baalee Obbo Didhaa Dirribaa dhaabbilee mitmootummaa Oromoon barnootaan qaroomee sochiilee hawaasummaa, dinagdeefi siyaasa biyyaa keessatti dorgomaa ta’ee akka mul’atuuf keessumaa damee barnootaatiin tattaafataa jiran keessaa Imaajin Waan Deey galateeffataniiru.

“Hojiin dhaabbatichi hojjete daran boonsaafi qulqullina barnootaafii ilmaan keenna barnootaan qaruun waan fakkeennummaa qabu akka godina keennaatti hojjachaa jiru waan ta’eef maqaa bulchiinsaafi ummata Godina Baaleetiin nan galateeffadha” jedhan.

Hawaasni naannawichaas ilmaansaa gara mana barumsaatti akka erguufis dhaamanii, akkanatti walhubatanii yaada tokkoon manii tokkoof yoo hojjatan bakka yaadan gayuun nama hinrakkisus jedhan.

Dhugaa dubbachuuf dhaabbanni kun dhaabbata mataa gadi qabatee dhamaan faayidaa ummataatiif gubbaa hanga jalaatti marxifatee hojjatuudha. Bulchaa ittaanaanillee dhugama kana ragaa bayan; osoo itti hindabalin irraa hinhirdhisin

Anillee gama kiyyaan dhaabbata kana ogummaa miidiyaa qabuun yoo deeggaru hojii inni hojjete ganamumarraa haqa qabeessa, ka ummata aanfate, kaayyoonsaa hawaasa deeggaramuu qabu deeggaruu qofa akka ta’e waan beekuufi.

Hariiroo qabnurraa ka’ee osoo akkas ta’uu baatee silaa sammuun kiyya harka kiyya ajajee qalama hinkaasu, hinbaasu waa hinkatabus ture sobee. Sammuu kiyyaafii naamusa ogummaa kiyya gaazexessummaatu haqa dabsuu nadhorga waan ta’eef.

Dhugaa dubbachuuf dhaabbileen maqaa mitmootummaatiin socho’an ykn hojjatan tokko tokko ummataan hinkomataman, takkaa kaayyoo hundeeffamaniif cinatti dhiisanii bu’aasaaniitiif carraaqan, takkaa ammoo dhimma isaan hingalchine keessa galanii ummata karaawwan adda addaatiin burjaajeessan.

Dhaabbanni kun garuu dhimma hojii misoomaa irratti bobba’een ala dhimmoota eeraman lameenirraayyuu walaba. Kaayyoon barnoota, barnoota damee waa maraafuu furtuu ta’e. Hawaasa carraa barnootaa hinarganeef carraa banuu, bakka kaaniitti ammoo deeggarsa taasisuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjachuu qofa.

Hundaa ol hawaasni fayyadamaa ta’e kanaaf ragaadha. Isaa ol qaamni dhiheenyaan beeku hinjiru. Haata’utii waan gaarii yoo hojjatan maqaan waan gaariin ka’a waan ta’eef beekamtiifi badhaasni akka mootummaatis ta’u qaamota adda addaatiin bakkaafi sirnoota adda addaarratti kennamuuf hojiisaanii mirkaneessuuf ragaa tokko.

Akka sirna guyyaa kanaafi irrattiifi yeroo adda addaa hariiroo gaarii dhaabbaticha waliin qaban eeraniifi hojii gaarii akka hojjateef galateeffachuun himanitti. Dabranii ammoo dabalee daddabalee caalaa akka hojjatuuf gaafataniitti. Waan duraan argan fuulduraan abdatan waan ta’eef.

Biiroon Barnootaa Oromiyaa qaamota barnootarratti hojii gaarii hojjataniif dhiyenyuma badhaasaafi beekamtii kenneera. Yoo gaaadhaan hojjatan hujiinuu ofhima. Qindoominni daayrektara biyyaalessaa Doktar Sa’iid Amaanii kaasee hanga qindeessaa naannoleefi aanaalee hamma gandaatti jiru milkaa’inichaaf gumaacha qabu.

Hojjatoonni dhaabbatichaa gumaacha kana dhamaan taasisan marti ulfinaafi galata qabu; bakka qindoominni hinjiretti milkiin hinjiru waan ta’eef.

Qindeessaan Imaajin Waan Deey Damee Oromiyaa gamasaaniitiin qaamota akka pirojektichi milkaa’u gumaachan, keessattuu bulchiinsa Godina Baalee, waajjira bulchinsa Barnootaa Godina Baalee, bulchiinsa Aanaa Harannaa Bulluq, Bulchiinsa Ganda Bakkaayee, barattoota, barsiisotaafi kontiraaktara ijaarsaan hirmaate galateeffatan.

Dhaamsa kunuunsuun ittifayyadamaa, barattoota mana barumsaatti erguu, oolmaasaanii hordofuu, hariiroo mana barumsa waliin jiru cimsu, Barattoonni carraa argatanitti fayyadamaa, barsiisonni ammoo barattoota dandeettii, ga’umsaafi naamusa qabu omisha jedhan dhaamsa waltajjiirratti dabarsanii.

Dhaamsi qindeessichaa sirriifi waan fudhatama qabuudha. Dhaabbannisaanii gaafa naannawicha filatee fagaatee dhamaatiifi ifaajee hedduun hojjatu kaayyoo kana milkeessuuf waan ta’eef hawaasniifi qaamni dhimmi ilaalu marti ittiyaaduun qabaan ammoo dhaamsa kiyya.

Jiraattota naannawichaas dhaabbaticha galateeffataniiru. Waan arganitti gammaduusaaniis ibsatanii, mana barumsichaas akka kunuunsafataniifi eegan, ilmaansaanii dammaqinaan ittibarsiifatan waadaa galaniiru. Ammallee hirmaannaasaanii akka cimsaniifi rakkoon bishaanii akka hiikamuuf gaafatan.

Dhaabbatichi waan danda’e hundaan dubatti hindeebi’u. Haata’u malee aanaaleen, gandoonni biroo carrama takkallee hinargatin heddutu isaan eeggata. Hawaasnillee kana ni hubata jedheen yaada.

Dhumarratti sirni eebba mana barumschaa kan raawwatame kennaawwan gara garaa aanichaan qophaa’eeni. Ee aadamatu akkasikaa, namni hojjate, keessummaan namatti dhufte kabaja qabdi.

Kennaan jalqabaa ka kennameef Dhaabbanni Imaajin Waan Deey gara Oromiyaa dhufee akka hojjatu carraaqiin olaanaan kataasise erga dhufee ammoo miilaan gadi dhaabatee dhamaan hojii muldhatu akka tattaafatu haqaan, beekkumsaan, qulqullummaan, namoomaan, biyyoomaan, quuqamaafi ga’umsaan dhaabbaticha akka biyyaatti daayrektarummaan hogganaa ka jiru Doktar Sa’id Amaaniif ture.

Walduraa duubaan kennaawwan garagaraa qindeessaa dhaabbatichaa damee Oromiyaa Obbo Umar Limmuu dhiyeenyaati hujii haawaasa waliin hojjataniifi milkaa’ina argameef badhaafamaniiiru. Bulchaa ittaanaa godinichaafii qaamoleen hoggansaa godinaa keessattuu waajjirri barnootaa godinaafi aanaa badhaafamanii jiru.

Waaree booda gara eebba mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa haaluma walfakkaatuun ganda baadiyyaa Bakkaayeerraa kiiloo meetira 43 fagaatee argamutti ijaarame, gara ganda Bulluqitti imalame.

Daandiin gara ganda Bulluq geessu daandii waggaa sagal dura Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itoophiyaatiin Godina Arsii Lixaa, Magaalaa Adaabbaa wajjin walqunnamsiisuuf jalqabame lama dhabee qoqotamee deemsaa hintolle ‘dhaabate moo ijaaramaa jira’ jechuuf haala nama rakkisuun komii hawaasa naannawichaa ta’ee jiruuti. Dhimma kanatti barreeffama biraatiin deebina.

Akkuma taanu taanee gandicha ga’uun manni barumsaa kun eebbicharratti hirmaanne.

Mana barumsaa Bulluq kana waanti adda taasisu tajaajila bishaanii akka argachuusaati. Sirni simannaa hanga eebbaatti ture akkuma Bakkaayee ho’aa ture.

Bulchaa ittaanaa Godina Baalee Obbo Dhidhaa Dirribaa dabalatee qaamonni eebba mana barumsaa Bakkaayeerratti argaman hirmaataniiru.

Ummanni Bulluq hawwii barnootaasaa dhugoomsuuf waggaa dheeraa, dura bara 1974 irraa eegalee akkuma humnasaatti muka walittifidee abbatu utubaa kaayataatii utubaa kaa’ee, marsee dhaabee, dhoqqee bukeessee, citaa irra buufatee yeroo jalqabaatiif bara eerame, waggaa 38 dura ka iijaarrate.

Asirratti qaamota sadeen jijjirama barnootaatiif dhamaan dhama’an ummata Aanaa Harannaa Bulluq, Bulchiinsasaafi Imaajin Waan Deey dinqisiifamuufi galateeffatamuu qabu.

Dhaabbilee barnootaa babaldhisuuf abbootii qabeennaa dhunfaatiin, mootummaafi dhaabbilee mitmootummaatiin hojjatamaa jirachuunis waltajjicharratti ibsameera.

Waltajjichi guddaa waan tureef sirnoonni adda addaa deemsifamuun walaloowwan adda addaa dhaabaticha galateeffataniifii dinqisifatan dhiyaataniiru. Mariin, gaaffiiwwan dhimma barnootaafi dhimmoota biroollee ilaallatan hawaasaafi qaama hoggansaa akkasumas Imaajiin Waan Deey waliin raawwatamaniiru.

Bulluq qe’ee gootaa Kadir Waaqoo Shaaqee ka diinaan “Kadiiriin jedhantu ana Bulluq jedhantu tana, wanni sii qopheessetu kana” jedhee meeshaa waraanaa harkaa qabuun bakakkaa ittigadiiseefi kkfati.

Dhugaadha, hawaasni kun carraaqqataafi morkataa harka hinkennineefi falmatataadha. Warra seenaa qabsoo Oromoo keessatti diina duradhaabachuun qabsaa’aa turan maqaa gaarii qabani. Kun seenaa biraa himamee dhalootaaf dabruu qabu. Kanas yeroo biraan itti deebi’a.

Bulluq lafa lolli diina ufirraa ittisuu sadii ittideemsifame. Lola A/Waaqoo, lola Muhaammad Gadaa Qaalluu, lola Dhoombir ka Waaqoo Guutuu, Weerara Mintoof jedhamee beekamuuti.

Akkuma sirna eebba mana barsa Bakkaayee dhumarra kennaawwan adda addaa qaamota gara garaa milkaa’ina mana barumsaa kanaaf gayee qabaniif kennameera.

Asirratti wanni xiinxale qaamonni hoggansa bulchiinsa Aanaa Harannaa Bulluqiifi ummanni afaan takkaan socho’usaaniiti. Keessattuu bulchaan aanichaa, Obbo Huseen Muhaammad dhiheenyaan ummata wajjin dhamaan akka hojjatan yeroo badhaasni kennameefitti waltajichatti haalli waa’eesaanii itti himame waan gaarii namatti agarsiisa. Isaanillee akkuma Imaajiin Waan Deey ummataaf hojjataa ka jirani.

Yeroo daaw’annaan taasifamullee qaama hoggansaa bulchiinsa aanichaa guutuuf deeggarsa gara maraan dhaabbatichaaf taasisaniif karaa qindeessaa dhaabbatichaa damee Oromiyaa, Obbo Umar Limmuutiin bulchaa ittaanaa godinichaa duratti galanni kabajaa dhiyaateeraaf.

Baga milkooftan of kolaa milkiin teessan addaan hin citiin jennaan!

Raawwadhe, gurri aaga haa dhageessu, ijji toltu haa argitu!

Suleymaan Ahmad

 BARIISAA SANBATAA Bitootessa 4/ 2013

Recommended For You

188 Comments to “Qaamota sadeen jijjiirama barnootaatiif dhamaan dhama’an”

  1. Pingback: sex ấu dâm
  2. Pingback: sites
  3. 1xbet официальный сайт [url=http://1winrussia.online/#]1хставка[/url] 1хставка

  4. Pingback: you can check here
  5. erectile dysfunction treatment [url=https://drugs1st.store/#]ed meds online without prescription or membership[/url] prescription drugs online

  6. mexican drugstore online [url=https://mexicanpharm1st.com/#]mexico drug stores pharmacies[/url] mexican mail order pharmacies

  7. пин ап зеркало [url=http://pinupzerkalo.fun/#]пин ап вход[/url] пин ап вход

  8. Пин Ап Казахстан [url=http://biznes-fabrika.kz/#]pin up kz[/url] пинап казино

  9. sweet bonanza nas?l oynan?r [url=http://sweetbonanzatr.pro/#]sweet bonanza[/url] sweet bonanza tr

  10. buying from online mexican pharmacy [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexican pharmacy[/url] mexico drug stores pharmacies

  11. purple pharmacy mexico price list [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]Mexican pharmacy ship US[/url] buying prescription drugs in mexico

  12. pharmacy website india [url=https://indianpharm24.pro/#]Indian pharmacy to USA[/url] indian pharmacy paypal

  13. mexico pharmacies prescription drugs [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]Mexican pharmacy ship US[/url] pharmacies in mexico that ship to usa

  14. buying prescription drugs in mexico online [url=https://mexicanpharm24.cheap/#]mexico pharmacy[/url] best online pharmacies in mexico

  15. medication from mexico pharmacy [url=http://mexicanpharm24.cheap/#]Legit online Mexican pharmacy[/url] mexico pharmacies prescription drugs

  16. anti fungal pills without prescription [url=https://pharm24.pro/#]cheap pharmacy[/url] pain medications without a prescription

  17. deneme bonusu veren siteler yerliarama.org [url=https://denemebonusuverensiteler.top/#]deneme bonusu veren siteler betturkey betturkey.com[/url] deneme bonusu veren siteler betturkey betturkey.com

  18. slot tr online [url=http://slot-tr.online/#]slot oyunlar? puf noktalar?[/url] slot oyunlar? puf noktalar?

  19. Deneme Bonusu Veren Siteler [url=http://casinositeleri.win/#]guvenilir casino siteleri[/url] Deneme Bonusu Veren Siteler

  20. rybpharm rybelsus [url=https://rybpharm.com/#]rybpharm cheap semaglutide[/url] buy rybelsus canada

  21. buy prescription drugs online without [url=http://canadiandrugsgate.com/#]Canadian pharmacy best prices[/url] errectile disfunction

  22. buy prescription drugs from india [url=https://indianpharmacyeasy.com/#]Indian pharmacy to USA[/url] world pharmacy india

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *