Qophii paartiileen siyaasaa filannoo waliigalaatiif taasisaa jiran

Sinqinash Alamuutiin

Finfinnee: Boordiin Filannoo Biyyaalessaa filannoo waliigalaa marsaa 6faf qophii waliigalaa taasisaa kan jiru yoo ta’u, kanaanis haguuggii seerotaa qopheessuurraa kaasee saffisaan hojiilee hedduu hojjechuurratti argama.

Wayita ammaa ammoo galmeessa kaadhimamtootaa adeemsisaa waan jiruuf rakkoolee mudataniifi iyyannoo paartiilee siyaasaarraa dhihaatu hiikuuf qaamolee filannoo waliin hojjechaa jira.

Durataa’aan Paartii Addis Tiwildi Obbo Salamoon Taaffasaa filannoo waliigalaa marsaa jahaffaarratti qophii taasisaa jiran ilaalchisee dheengadda Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, paartichi sagantaa boordiin filannoo baaseen Naannoo Ummatoota Kibbaa, Sooddoofi Arbaa Mincitti Guraandhala 6rraa kaasee duula na filadhaa eegaleera.

Filannoo barana adeemsifamurratti miseensonni boordii filannoo Finfinnee jiraniifi naannoorraa waldubbisuun hojjechaa waan hinjirreef, kaka’umsi filannicharratti hirmaachuuf qabnu olaanaa ta’uus gufuu nutti ta’eera jedhan.

Akka Obbo Salamoon jedhanitti, kaadhimamtoota 300 ol qopheessuuf hojjetaa waan jiraniif miseensonnisaanii naannoo Amaaraa, Oromiyaa guutuu fi Ummatoota Kibbaattis sochii olaanaa taasisuurratti argamu. Magaalota Finfinnee, Dirre Dhawaafi Hararittis kadhimamtoota galmeesiisuu himaniiru.

Boordiin filannoo sagantaa ofumaa baase hordofee hojjechaa waan hinjirreef yeroon qisaasamaa ture bakka bu’uu akka qabus gaafataniiru.

Dargaggoonniifi hawaasni bal’aan hundi seera kabajuun nagaafi tasgabbiin mirga filachuufi falatamuusaa akka fayyadamuuf, akkasumas qaama isa hogganuuf sagalee kennuuf qophaa’uu akka qabus dhaamaniiru. Mootummaanis filannichi karaa nagaafi dimokratawaatiin akka adeemsifamuuf gaheesaa sirriitti bahachuu akka qabu dubbataniiru.

Durataa’aan Paartii Dimokraasummaa Qimaanti Obbo Abajjawu Warqinaa gamasaaniin akka jedhanitti, hojiin ummata kakaasuufi kaadhimamtoota galmeessisuu bal’inaan hojjetamaa jira. Ta’us, gochawwan karaa seeraan alaan miseensota keenya hidhuufi kanneen ummata kakaasuuf hojjetanitti gufuu ta’uutu mul’achaa jira.

Haata’u malee akka paartii keenyaatti filannoo naga qabeessaafi dimokratawaa ta’e gaggeessuuf gahee isaaniirraa eegamu bahachuurratti argamna jedhaniiru.

Paartiinsaanii sochii qonnaan bultootaafi dargaggoota Qimaantiin kan hundeeffame waan ta’eef ummanni yeroodhaa gara yerootti deggarsa barbaachisu taasisuun olitti naannawa itti dorgoman maratti haala ho’aa ta’een isaan simachaa jiraachuus beeksisaniiru.

Filannoon marsaa 6fa kun wayita rakkinni biyya keessaafi alaa nutti heddummaatetti kan gaggeeffamu waan ta’eef ummanni biyya keenyaa hundi rakkinicha mo’achuun mirga dimokraatawaa sirnaan shaakaluu akka qabu gaafataniiru. Paartiileen morkatootaas ta’e mootummaan filannichi sagantuma qabameen nagaan akka adeemsifamu gaheesaanii bahuu qabu jechuun dhaamaniiru.

Barreessaan Paartii ‘Natsaannatinnaa Ikulinnat’ Itoophiyaa Obbo Nuur Walalaa gamasaaniin qophiin filannoof taasisaa turre sababa vaayirasii koronaatiin adda cite malee bara 2012 kan eegaleedha. Paartiin keenya qajeelfamoota adda addaa qopheessee leenjii kennaafi guutummaa biyyaattiitti kaadhimamtoota filachiisuuf sochii taasisaa jira jedhan.

Paartichi hagas mara beekamaa waan hintaaneef hojii beeksisuu hojjetaa ture jedhanii, Finfinneetti Guraandhala 12fi13 hojii ummata geggeessuu ibsaniiru. Kanaanis hawaasni filannicha si’aayinaan akka eeggataa jiru hubachuu himaniiru.

Bariisaa guraandhala 27/2013

Recommended For You

One Comment to “Qophii paartiileen siyaasaa filannoo waliigalaatiif taasisaa jiran”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *