Dorgommiin fiigichaa har’a geggeeffama

Charinnat Hundeessaatiin

Fiigichi kiiloo meetira shanii daandiirratti adeemsifamu kun ka’umsaafi deebiisaa Addababayii Diyaaspooraa godhachuun ganama sa’aatii 1:00 irraa qabee geggeeffama.

Dorgommii kanarratti kilaboonni atileetiksii kilaboota Finfinnee keessaa babahan, atileetonni hangafoonni, hojjettoonni Komishinii Ispoortii Federaalaafi Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa kan hirmaatan yoo ta’u, dorgommichaan ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 125fan kan yaadatamu waan ta’eef kutaaleen hawaasaa marti bakkichatti akka argaman Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa wamicha dhiyeesseera.

Gama biraatiin, dorgommiin ispoortiiwwan aadaa 18fafi festivaaliin ispoortiiwwan aadaa 14fan borurraa eegalee hanga Guraandhla 27 bara 2013tti agaalaa Dirre Dhawaatti geggeeffama.

Pirezidaantiin Federeeshinii Ispoortiiwwan Aadaa Itoophiyaa Obbo Solomoon Asfaawu akka ibsanitti Naannoo Tigraayiin ala naannoleefi bulchiinsonni magaalaa marti akka hirmaatan ibsaniiru.

Dorgommichi mataduree, “Ispoortiiwwan aadaa keenya tokkummaa keenyaaf” jedhuun akaakuuwwan 11n kan geggeeffamu yoo ta’u, dhiironni 576fi dubartoonni 253 ni hirmaatu.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 20 bara 2013

Recommended For You

4 Comments to “Dorgommiin fiigichaa har’a geggeeffama”

  1. Pingback: click reference
  2. Pingback: 라이브스코어

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *