“Dhimmi gibiraa ajandaa hundaa ta’uu qaba” – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee: Ji’oota muraasaa as ministeeroota jijjiiramni itti mul’achaafi sammuu namootaa keessatti iddoo argataa dhufan keessaa Ministeerri Galiiwwanii isa tokko. Keessumaa gama kontiroobaandii to’achuutiin tattaaffii cimaatu taasifamaa jira. Hojii cimaa raawwatame anaanis hanga ammaatti bu’aa guddaan argameera.

Sochii waliigalaa ministeerichaa ilaalchisuun ministira ministeerichaa, Aadde Adaanach Abeebee gaafdeebii Wixata darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, hojii bal’aan hojjetamuu kan danda’eef karoora jijjiramaa qorannoorratti hundaa’e baafachuun hojiitti seenuusaaniin ta’uu dubbatu.

Akka isaan jedhanitti, erga muudamanii gara waajjirichaa deemanii qaamolee sadarkaa sadarkaan jiran waliin mari’achuun karoora guyyoota 100 baafatanii hojiitti seenan. Jalqaba rakkooolee waajjirichaa addaa baasanii tartiiba qabsiisuun maanaajaroota, daarektarootaafi gagageessitoota garee wajjin marii bal’aa taasisan.

Kanaanis rakkooleen adda baafaman jiraachuusaanii qaamni haale akka hinturre kaasanii, kanarraa ka’uun karoora ka’umsaa kan kurmaan tokkoffaa baafachuun kallattii raawwachuu ni dandeenya jedhuun hojiitti seenamusaa himu.

Ajandaalee guguddoo waajjirichi rakkoo gurmaa’inaa qabaa? Hojiifi hojjetaan bakka sirrii jiruu? Akkas taanaan maaliif bu’aqabeessa ta’uu dadhabne? Dhimmamtoonni hoo hundi duuchumatti nu jibban moo waan fooyyeffannu qabna? Kanneen jedhan addaa baasuusaanii ibsu.

Hojiileen fizikaalaa jedhaman kunneen hiikamuu baannaan karoorri galii keenyaa milkaa’uu waan hindandeenyeef hojii gibira sassaabuu cinaatti hojii caasaa qulqulleessanii deebisanii hundeessuus hojjetamuusaa kaasu Aadde Adaanach.

“Kana gaafa goonu sababoota lama qabna. Inni duraa komishiniin Gumuriikii ofiisaa waajjira ittiwaamamaa ta’ee akka ba’u, inni lammataammoo eeruu hojjettoonni kennaa turaniin wantoonni hojiifi bu’aqabeessummaaf mijatoo hintaane ni jiru. Kana qorannee irra deebiin sadarkaa godaarraa kaasnee hamma gubbaatti gurmeessine. Gitootni hojii tokko tokko ulaagaan hojii hinbarbaachisnee kan qaban, utuu muuxannoo yeroo giddugaleessaatiin hojjechuun danda’amuu waggoota dheeraa kan gaafatan, dargaggoota haaraa kan hinaffeerreefi kanneen biroo erga adda baafannee booda qajeelfamoota keenyas sakkattaaneerra” jedhu.

Erga caasaa haaraa raggaasisanii booda hojjetaa deebisanii bifa haaraadhaan seeraafi danbii isaa eegnii ramaduu kan ibsan ministirittiin, jijjiirama bu’uuraa fuulduratti yaadameef daran murteessaa ta’uu himu.

Akka waliigalaatti hojjettoonni kuma torbaafi 780 kan ramadaman yoo ta’u, seenaa birokraasii biyyattiittis hojjetaa hamma kana bifa haaraadhaan ramaduun isa jalqabaati jedhu. Ramaddii kanaan iddoowwan gammoojjii jedhamanitti nama erguu, achii as fiduu, naannooleerratti waljijjiiruufi hojii bu’uura godhachuun sadarkaalee jiranirraa ol butuufi gadi buusuu hojjetamuusaas ni kaasu.

“Kanas hojjettootaaf ifaan ibsinee, gabatee beeksisaa keenyarratti maxxansinee, namni komii qabus koree komii akka dhaga’uuf hundeessinetti akka dhiheeffatu goone. Haala kanaan deemnee hanga % 99 jedhamutti bu’aa qabeessa itti taaneerra” jedhu.

Akka Aadde Adaanach jedhanitti, hojii ijoon biraa hojii galii gibiraa sassaabuuti. Gama kanaanis maaliif akka barbaadamutti galii sassaabuu dadhabne? Maalirraa immoo sassaabuu qabna? Kurmaana lammaffaa kanatti yeroo muraasa qabnutti akkamiin kanfalaa amansiisnee waan barbaadamu arganna? Kanneen jedhan qoratamanii wantoonni harka mootummaa jiraniifi gara qarshiitti hinjijjiiramne hedduun argamaniiru. Fakkeenyaaf kuufamarraa qofa gara qarshii biliyoona sagalii ol sassaabameera.

Odiitii waliin walqabatees hunda odiit gochuun sirrii miti kan jedhan ministirittiin, odiit ta’uu kan qaban kanneen balaafamoo ‘risk based’ ta’an ta’uu kaasu. Fakkeenyaafis faayilasaanii keessa waliindhahuun kan jiru, sochii daldalaasaanii keessatti naga’ee kan hinkunne, guddummaa maallaqa qabataniiniifi kkf ilaaluun dhaabbileefi faayiloota kuma lamaafi 400 odiit gochuun waliindhahiinsa taaksiifi gibira dhoksuun addaan baafamuusaa himu.

Naga’een waliindha’ame hedduu waan mudateef achirraa ka’uun hojii biraa hojjechuusaanii eeranii, kunis naga’een kun eessaa dhufa? isa jedhu ta’uu ibsu. Qorannoon kanfalaan gibiraa harka mirgaatiin kanfalaa harka bitaatiin immoo maaliif deebisee fudhata jedhus taasifamuusaafi kanaanis dhaabbileen naga’ee seermaleessa maxxansiisan 124 argamuu dubbatu. Dhaabbileen kunneenis maqaa sobaatiin maashinii kaash reejistardii fudhatanii kan nagadaa turan ta’uufi hojii bal’aa hojjetameen amma daran hira’chuusaa addeessu.

Kana malees, dhaabbilee guguddoon 40 utuunaga’ee hinkennin hojii daldalaasaanii babal’iafachaa jiranii harkaafi harkatti kan qabaman ta’uu kan himan Aadde Adaanach, kanneenis hojiin gara seeraatti dhiheessuu hojjetameera; dabalaataanis eeruu ummataatiin dhaabbilee 55 irratti qorannoo addaa taasifamee, kana waliin walqabatees dhaabbileen, hojjettoonniifi hoggantoonni harkaafi harkatti qabaman 64 seeratti dhihaataniiru jedhu.

Akka isaan jedhanitti, hunda caalaa jijjiirama olaanaa kan ittidhufe kotiroobaandiirratti. Kunis ta’uu kan danda’eef yaaliisaaniitiin qofa osoo hintaane qaamoleen kotiroobaandii qabaniifi saaxilan baay’achaa waan dhufeefi. Hojjettoota gumurukii keessatti dadammaqiinsi guddaa uumameera.

Keessumaa kutaa biyyiittii gara bahaatti marii bal’aa taasifameen bu’aa gaariin argameera. Hanga yoonaa qarshiiwwan biyya alaafi meeshaalee garagaraa dabalatee kontirobaandiin to’atame qarshii miliyoona 600 qaqqabeera. Kun qabamanii warra dhabamsiifamaniifi gubaman hindabalatu.

Waajjisaanii qaamolee gama kanaan bu’aa gaarii galmeessisan badhaasaafi onnachiisaa jiraachuu kan kaasan ministirittiin, akka fakkeenyaatti hojjettoota gumuriikii wiirtuu bahaarra jiraniifi qaamolee seeraa dhiheenya kana warqee kiloogiraama torbaafi qarshiiwwan biyya garagaraa miliyoona 60 ol qaban badhaasuusaanii eeru.

“Waajjira keenya keessa hattummaan akka jiru ni dhagahama kan jedhan Aadde Adaanach, kana waliin walqabatee utuu seerri jiruu meeshaan ashuuraan alaa irra deddeebiidhaan akka galu taasisuu, taarifa gadi buusanii galchuu, akka waan hinagarreetti dabarsuufi kkfn jiraachuun adda baafamuusaa dubbatu.

Kanarratti hojjettoonni waajjircihaa, “Yoo iyyines namni nu dhaga’u hinjiru, numatu akka yakkamaatti ilaalama. Kanaaf arginee akka waan hinargineetti darbuuf dirqamneerra” kan jedhan yoo ta’u, rakkoo kan furuuf hojii hojjetameenis amma neetworkiin akkasii cicciiteera jedhu.

Akka waliigalaatti yommuu bifa haaraan hojiitti seenaan gufuun isaan mudate ture sochiin gibira kanfaluu gadaanaa ta’uu kaasu. Daldaltoota guguddoo biratti gibira kanfaluu dhiisuuf sochiin taasifamu bal’aa turuufi ogeessa bira deemuun “hinkanfallu maal fiddu?” ija jabummaan jedhu turuu eeru.

Erga hojiin dadammaqiinsaa sadarkaale hundatti hojjetameen as garuu jijjiiramni jajjabeessaan mul’ataa jira; kanaanis isa karoorafamerraa hanga %80 sassaabuu danda’amuusaa addeessu. Ammas garuu rakkoon qixa galiitiin gibira kanfaluu dhabuu, galii dhoksuufi baasii ol kaasuu jiraachuu himu.

“Ammayyuu dadammaqiinsa taasifame cimee gibirri ajandaa nama hundaa ta’uu qaba; gibira malee mootummaanis biyyis hinjiru. Ummannis morma ol qabatee deemuu hindanda’u. Bifa kanaan ummanni hubannoo walfakkaatu horachuu qaba. Yoo akkas ta’e kan naga’ee gaafatu ni baay’ata. Kunimmoo daldalaan seeraan alaa gara seeraatti akka seenu dirqamsiisa” jedhu.

Akka Aadde Adaanach jedhanitti, ummata waliigalaa gibira kanfaluu qabu keessaa rakkinumasaa waliin kanfalaa kan jiru % 60 qofa. Inni hafe kanfala hinjiru. Kun dingadeen dukkanaa (Informal shadow) jedhama. Sababnisaa sirna daldalaafi gibiraa keessatti galmaa’ee hinjiru. Kun ifatti haa ba’u gaafa jedhamu gara seeraqabeessummaatti haa dhufu jechuufi. Eeyyama baafatee gibira kan hinbeeksifnes isuma jalatti ramadama. Lakkoofsa tiinii (‘TIN number’) fudhatee odeeffannoowwan biroo balleessee hojjetaa kan jirus akkasuma.

Sosochiin taaksii akka biyyaatti labsame hojiilee akkanaa gara seeraqabeessummaatti fiduufi biyyattiin galii argachuu qabdu akka argattuuf ta’uu eeranii, kana cimsuufis waajjirri dhimma sirna taaksii qofa hordoofu hojii kan eegalu ta’uufi teknolojii akkasumas humni namaa barbaachisu guutameera jedhu.

Dhimmi gibiraa dhimma siyaasaa osoo hintaane ajandaa nama hundaa ta’uu qaba kan jedhan Aadde Adaanach, dhaloota gibira ajandaasaa godhatu yoo hinuumne Itoophiyaa hawwinu ijaaruu hindandeenyu; jireenyi ummataa bu’uuraa jijjiiramee godaansi kan hafu yoo gibirri seeraan kanfalame qofa waan ta’eef hunduu kan ga’eesaa akka ba’atu jechuun dhaamu.

Saamraawiit Girmaatiin
Suurri Gabaaboo Gabireetiin

Recommended For You

One Comment to ““Dhimmi gibiraa ajandaa hundaa ta’uu qaba” – Aadde Adaanach Abeebee”

  1. Pingback: naga356

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *