Finfinnee: Gabrummaatu itti hammaatee manaa isaan baase. Akkuma nama kamiittuu osoo hojjetanii jiraachuu danda’anuu jiruun bilisummaa hinqabne lafee foon hinqabne itti taanaan mana ho’aa irra bosona qorraa, bultii mijaawaa irra egeree mi’aawaa filatanii daggala mana godhatan.
Bilisummaa sabasaaniitiif jecha wareegama barbaachisu hunda kanfaluuf qabsoo hidhannoo waggoota dheeraa keessa kan ture WBOn, mallattoo qabsoo Oromoofi gaachana sabichaa isa kabajamaadha.
WBOn gaafa diinni humnaan Oromoo bulchaa ture qabsoo hidhannootiin diina sabichaatiin falmuuf bosonatti gale, har’a gaafa sabnisaa biiftuu bilisummaa ho’ifachuu eegaletti immoo wanti inni bosona qorraa sana keessatti hafuuf tokkollee hinjiru.
Qabsaa’ota roorroon manaa baafte biyya ormaatti baqachiifte hedduunis qabsoo Qeerroofi Qarreen biyya keessatti taasisaniin wayita galaniifi galaa jiranitti wanti gaachanni Oromoo WBOn bosonatti hafuufi tokkos jiraachuu hinqabu.
Erga ABOn Ertiraa ture gara biyyaatti galeen booda waldhabdeewwan xixiqqoo isaafi mootummaa gidduutti uumamee ture Oromoof salphina, diinaaf immoo jajjabina kennee ture.
Abbootiin Gadaafi hayyoonni Oromoo salphina kana keessaa sabicha baasuuf ABOfi mootummaan haalduree tokko malee araara buusanii ummata qabsoo waggoota hedduun miidhamaa ture miidhaa birootiif akka hinsaaxille kadhatan.
Kanaanis Ammajjii 14 bara 2011 giddugala qabsoo Oromoofi mallattoo diddaa gabrummaa kan taate, Ambotti kormi qalamee araarri bu’e.
Koreen teknikii araaraas guyyichaa eegalee guyyoota 20 keessatti WBO kabaja Oromootiif bosonatti gale kabaja guddaadhaan gara manaatti galchuuf waadaa galee hojittis gale.
Korichis sababoota hedduun guyyoota jedhametti hojicha xumuruun dadhabamuusaatiinis guyyoota 10 dabalachuusaa ibseera.
Guraandhala 6 bara 2011 irraa eegalee gara dirreetti kan bobba’ame ta’uusaatiif ummannis sochii araarichaaf taasifamu cinaa dhaabbachuu akka qabu korichi gaafateera.
Guraandhala 6 irraa kaasee guyyoota sadiif sirni simannaa WBO aanaalee itti dhihaatanitti kan taasifamu yemmuu ta’u, raayyaan ittisa biyyaas guyyoota jedhametti daandii saaquuf waadaa galuusaatu himame.
Hayyudureen ABO, Jaal Daawud Ibsaas kanaan booda itti waamamni WBO isaan osoo hintaane ummata Oromoofi abbootii Gadaa waan ta’aniif WBOnis kanuma hubatee ajaja abbootii Gadaa hunda fudhachuu akka qabu dhaamaniiru.
Sirni simmannaa kunis aanaalee 22fi godinoota 12 keessatti kan taasifamu ta’uu korichi ibsaa turuunsaa kan yaadatamuudha.
Bayyanaa Ibraahimiin
3 Comments to “WBO, Oromoof manaa bahe kabaja guddaadhaan manatti galchuun eegalame”