Finfinnee: Lakkaawwii ummataafi manaa barana si’a afraffaaf gaggeeffamurratti ragaaleen ummataa afaanota shaniin funaanamuun shakkii uumuu akka hinqabne Komishiniin Lakkaawwii Ummataa ibse.
Sekireeteriyaatiin komishinichaafi Darikterri Ejensii Istaatiksii Giddugaleessaa Obbo Birraatuu Yiggazuu ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, lakkaawwii ummataafi manaa akka biyyaalessaatti Bitootessa 29 hanga Ebla 20 bara 2011tti gaggeeffamurratti ragaaleen ummataa afaanota shaniin (Afaan Oromoo, Amaariffa, Tigiriffa, Somaaliffaafi Afaariffaan) funaanama.
Qaamoleen afaanota kanneeniin ragaaleen ummataa yoo funaaname baay’ina sabootaa hir’isuu ykn dabaluu danda’a jedhanii odeeffannoowwan afaramaa jiran sirrii akka hintaanes ibsaniiru. Ragaaleen afaanota hedduutiin funaanamuun qulqullina hojichaarrattis daran kan fayyadan ta’uus eeranii, hawaasniifi hoggantootni mootummaa xiyyeeffannoo olaanaatiin raawwachiisuu akka qaban hubachiisaniiru.
Ogeessotni lakkaawwii ummataafi manaarratti hirmaachuuf filamanis barsiisota, ogeessota qonnaafi ekisteenshinoota fayyaa hawaasa naannawasaanii waliin jiraatan waan ta’eef, rakkoon gama afaaniitiin uumamu jiru jedhan.
Lakkaawwiin barana gaggeeffamu teknolojii dijitaalaan kan qindeeffamuufi ragaaleenis taabileetiin kan funaanaman waan ta’eef, kanneen sadan darbanirra wabii qabeessaafi amansiisaa ta’a jedhamee akka abdatamus dubbataniiru. Sagantaa mootummaan baaseenis namni kamuu osoo hinlakkaawamiin akka hinhafneef hojiin hubannoo uumuu bal’inaan kennamaa jiraachuu ibsaniiru.
Lakkaawwichaaf bajatni waliigalaan qabamee hojjetamaa jiru qarshii biliyoona 3.5 ta’uus ibsameera. Mootummaan dhibbantaa 60 kan haguuge yoo ta’u, biyyootni dureeyyii kanneen akka Ameerikaa Kaabaa (USA), Xaaliyaaniifi Biritaaniyaas deggarsa godhaniiru. Baankiin Addunyaa hojichaaf maallaqa liqiidhaan kennuusaa ibsaniiru.
Takkaalliny Gabayyootiin
6 Comments to “Ragaaleen ummataa afaanota shaniin funaanamuun shakkii uumuu hinqabu jedhame”