“Qorichoonni humneessaniifi hanqinni wiirtuulee damee ispoortiitti hudha ta’aa jiru” -Obbo Duubee Jiloo

Waasihun Takileetiin

Adaamaa: Ispoortessitoonni bebbeekamoon dameewwan ispoortii garagaraatiin maqaa horatan cimanii hojjechuun ofiifi biyyasaanii maqaa waamsisu.

Faallaa kanaatiin ammoo miira ofitti amanamummaa dhabuu deemsa keessa mudatuun qoricha humneessu fudhatanii maqaasaaniifi biyyasaanii kan gadi buusanis jiru.

Gochi alseerummaa akkanaa hamilee ispoortessitootaa gadi buusuun ala dirree ispoortii keessaa ari’amuun amantaafi jaalala lammiileen isaanirraa qabanis hir’isaa deema.

Kun akka hintaaneef ispoortessitoonni Itoophiyaa cimanii hojjechuu akka qabaniidha Komishiniin Ispoortii Federaalaa kan beeksise.

Komishinarri ittaanaan komishinichaa Obbo Duubee Jiloo ibsa karoora waggaa 10 mana hojichaarratti ibsa har’a Adaamaatti miidiyaaf kennaniin  ispoortessitoota farra ispoortiirraa bilisa ta’an horachuuf akka hojjetan himaniiru.

Akka ibsasaaniitti, atileetonni qoricha humneessu fudhachuun yakka ta’uun ala miidhaa fayyaa, dinagdeefi  hawaasummaaf isaan saaxila.

Akka, qorannoon ibsutti ittifayydamamni qorichoota humna kennanii adeemsaan qorqalbii ispoortessitootaa kan hubuufi fayyaa saalaa akka miidhu mirkanaa’uullee kaasaniiru.

Dinagdeen kufanii, hawaasummaaniis dhiibamanii jiraachuu ol rakkoo fayyaa qorichichi fayyaa atileetotaarraan gahu hammaataadha jedhan.

Rakkoolee fayyaa finnisni fuularratti baay’achuu,rifeensi mataa bubuqqa’uu, dubartoonni amala dhiiraa akka agarsiisan taasisa jefhameera.

Amaloota dhiiraa shamarran agarsiisanis sagalee dhiiraa qabaachuu,areeda biqilchuu,marsaan laguu ciccituufi baduu,dhibee tiruufi gadameessaa itti hammeessuu danda’a jedhaniiru.

Dhiironnimmoo amala dubartootaa agarsiisuu,harma guddachuu,jijjiirama hormoonii agarsiisuufaati jedhaniiru.

Qoricha ispoortessitoota humneessu kana fudhachuun gama hawaasummaanis gudeeddaa hammeessuu,saalquunnamtii hin baratamne,amala dutuufi abdii kutannaa hanga of balleessuutti,hirkattummaafaa babal’isuu dandaha jedhameera.

Kanamalees hiriyyummaa kan sirrii dhabamsiisuun qofummaa,of dhoksuu akkasumas hawaasa biratti fudhatamummaa dhabuu qaqqabsiiuu danda’a.

Komishiniin Ispoortii Itoophiyaas hudhaalee kana fakkaatan dhabamsiisuun ispoortessitoota ga’umsa ogummaa qabani,miira ofitti amanamummaan dirreetti bobbahanii maqaasaaniif biyyasaanii ol kaasuuf hojjetan horachuuf kutannoon hojjeta jedhaniiru.

Manni hojiisaaniis hudhaalee kana furuuf teknolojii ammayyaa fayyadamuun alatti wiirtuulee ispoortii ammayyaa babal’isuun hudhaalee dargaggoota gara araada balaafamaatti oofan maqsuuf kutannoon hojjeta jedhaniiru.

Hudhaa biraan damee ispoortii Itoophiyaa sakaalaa jiru wiirtuuleen ispoortii ijaaramaniifi ijaaramaa jiran lakkoofsaan xiqqaachuufi sadarkaasaanii kan eeggatan ta’uu dhabuu akka ta’es kaasaniiru.

Ijaarsawwan wiirtuu ispoortii yeroo ammaa Itoopiyaa keessa jiran dhaba hinwayyuudha malee sadarkaasaanii kan eeggatan miti.

Kunimmoo damee ispoortichaa guddisuufis ta’e ispoortessitoota ciccimoo horachuu akka hindandeenye taasisuu yaadachiisaniiru.

Istaadiyoomonni tokko tokko ijaarsarra haa jiraatan malee sadarkaa ‘FIFA’ kan hinguunneedha.

Istaadiyoomiin akkanaammoo akkaataa barbaadameen ispoortessitoota gara garaa horachuu akka hindandeenye taasisaniiru.

Bakki oolmaa dargaggootaa akka babal’atuufis yaaliiwwan gara garaa taasifamanis sadarkaasaa kan eeggateedha jechuun akka hindandaamne himaniiru.

Kunimmoo dargaggoonni araadawwan gara garaatiif akka saaxilaman taasisuu himuun, damee ispoortii kanaaf xiyyeeffannoon addaa kennamuu akka qabu kallattii kaa’aniiru.

Dameen ispoortii kun hudhaalee gara garaatiin sakaalamee osoo jiruu tattaaffii ispoortessitoonniifi leenjistoonni taasisaniin qabxiilee jajjabeessaa maqaan Itoopiyaa itti waamamu galamaa’eera.

Haaluma kanaan  addunyaa ispoortii keessatti damee ispoortii hundaan Itoophiyaan caaltee akka argamtuuf sakaallaa damichaa sakatta’uun furuun dhimma murteessaa ta’uu himaniiru.

Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013

Recommended For You

2 Comments to ““Qorichoonni humneessaniifi hanqinni wiirtuulee damee ispoortiitti hudha ta’aa jiru” -Obbo Duubee Jiloo”

  1. Pingback: coinbet88

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *