Dhaabbileen ADWUI akka paartii biyyaalessaa tokkootti hundaa’uufi

Finfinnee: Dhaabbileen Adda Dimokraasummaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) arfan (ODP, ADP, WDUKfi ABUT) dhaabbilee deggartootaa dabalatee akka biyyaalessaatti hundeessuuf qorannoon gaggeeffamee qophiin xumuramuusaa Waajjirri ADWUI ibse.

Waajjirichatti Qindeessaan Damee Paartiilee Siyaasaafi Waldaalee Siivikii, Obbo Fiqaaduu Tasammaa gaafdeebii torban darbe Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, ADWUIn waggoota 27 darbaniif biyyattii gaggeessaa kan ture yoo ta’u, kanaanis jijjiiramoota hawaas-dinagdeefi siyaasaa lammiileen biyyattii irraa fayyadaman galmeessisuu danda’eera.

Kanaanis ijaarsa sirna dimokraasii babal’isuuf keessumaa dhaabbileen dimokrasii akka hundeeffaman gochuun, miidiyaaleen sagalee ummataa ta’anii akka tajaajilan taasisuun, hundarra ammoo sirni federaalizimii hojiirra akka oolu gochuun gahee guddaa bahachaa turuusaa ibsaniiru. Kunimmoo hojmaatni dhaabbilee ADWUI afranii ifa galeessa, ummata kan fayyaduufi heera biyyattiirratti kan bu’uureffate ta’uu mul’isaa jedhan.

Waggoota kudhanii as garuu hoggantootni dhaabbilee addichaa sadarkaa sadarkaan jiran rakkoo bulchiinsa gaarii  uumuun, akkasumas sassaabdummaa kiraa keessattis qooda fudhachaa turuusaaniirraa kan ka’e abdiifi amantaan ummatni mootummaarratti qabu akka hir’atu gochuusaa eeraniiru. Kunimmoo adeemsa keessa dheekkamsi ummataa kutaalee biyyattii addaddaarratti waan dhoweef rakkoo nageenyaa uumeera jedhan.

Kana furuufis ADWUIn riifoormii gadi fageenya qabu adeemsiseera kan jedhan Obbo Fiqaaduun, kanaanis humni haaraan dhaabbilee afran keessaa haala gara hoggansaatti akka dhufan taasifameera. Jijjiiramootni wayita ammaa akka biyyaattiifi Afrikaatti dhufaa jiranis bu’aa riifoormichaa ta’uus eeraniiru.

Waggoota kurna lamaan darban keessa hanguma eenyummaa sabootaa, sablammootaafi ummattoota kabajuufi kabachiisuurratti hojjetamaa ture tokkummaa Itoophiyaarratti garuu xiyyeeffannoodhaan hinhojjetamnes jedhaniiru. Kunimmoo martuu tokkummaa akka biyyaatti leellisuu qabu cinatti dhiisuun gara sabummaafi naannummaatiin akka walqoodu godheera jedhan.

Walqoqqoodiinsa aangoo mootummaa, bulchiinsa ummataafi waliin jireenya hawaasaaf kanneen sababa ta’an keessaa tokko dhaabbileen ADWUI arfan akka naannootti hundaa’uusaaniiti kan jedhan Obbo Fiqaaduun, dhaabbilee ADWUI  dhaabbilee deggartootaa dabalatee akka paartii biyyaalessaa tokkootti hundeessuuf hojjetamaa jiraachuu eeru.

Kaayyoon kanaas eenyummaa sabootaa, sablammootaafi ummattoota biyyattii ykn sirna federaalizimii Itoophiyaan ittiin bulaa jirtu diiguuf osoo hintaane hariiroo ummattootaafi bulchiinsa naannolee caalaatti cimsuuf kan akeekameedha jedhan. Kunis qaamuma riifoormii gaggeeffamaa jiru ta’uu eeraniiru.

ADWUIn akka paartii biyyaalessaa tokkootti hundaa’uunsaa ammoo keessumaa hariiroofi waliigaltee dhaabbilee ADWUI afranii, akkasumas dhaabbilee deggartootaa daran kan cimsu ta’uu himaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Recommended For You

2 Comments to “Dhaabbileen ADWUI akka paartii biyyaalessaa tokkootti hundaa’uufi”

  1. Pingback: ruay

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *