Itoophiyaafi ummatoonnishii baatii Caamsaa dhufu hojmanee guddaa tokko qabu, hojmanee egereesaanii murteessu, lammiileen abdiidhaan eeggatan, filannoo waliigalaa marsaa jahaffaa.
Filannichaaf Paartii Badhaadhinaa biyya bulchaa jiru dabalatee paartiileen morkattootaa danuun garanumaa qophii eegalaniiru. Keessumaa paartiin biyya bulchaa jiru karaa pirezidaantiisaa tibbana akka ibsetti, fedhiinsaa ijoon filannichaan Itoophiyaafi Itoophiyaanota mo’attoota taasisuudha.
Filannoo Itoophiyaafi Itoophiyaanota mo’attoota taasisu geggeessuu jechuun haala nagaa, dimokraasii, kan hunduu bilisummaan irratti hirmaatu, kan walabummaa yaadaatiin filatamu ykn kufu dhugoomsuudha.
Paartiileen siyaasaa morkattoota gamanumaa filannichaan mo’achuuf abdii hinqabu, filannicha keessaa bahuu wayya jedhanii yaadan yoo jiraatan filannicharratti hirmaachuun yaadasaanii gurgurachuuf of qopheessuu qabu.
Hanguma paartiileen yaadaafi abdii ummataaf kenninaniin ummanni isaan filatee sagaleewwan paarlaamaa, mootummaa keessattiifi iddoowwan addaddaatti akka dhaga’aman gochuun paartiilee hundarraa kan eegamuudha.
Yoo filannichi dimokraatawaa, nagaqabeessaafi bilisa ta’uu baate kisaaraadha. Yoo kanneen guuttate garuu mo’attuu kan taatu Itoophiyaa ta’uu hubatamee filannicharratti adeemsicha nagaqabeessafi haqaqabeessa gochuuf hunduu qoodasaa bachuu qaba.
Otoo Itoophiyaan hinmo’atiin kamuu waliin dhahee filannicha yoo mo’ate waan injifannoo waaraa hintaaneef hanga danda’ameen filannichi nagaqabeessa, dimokraatawaa, kan hunduu keessatti hirmaatu, walabummaa yaadaan qofa kan aangoon irraa argamu akka ta’uuf hirmaataan hundi gaheesaa gumaachuu qaba.
Adeemsa filanncihaa amansiisaa gochuufis namoonni qabeenya horachuun beekamaniifi ga’umsa qaban, hayyoonni, qonnaan bultoonni, dargaggoonni, dubartoonni hundi irratti hirmaachuu qabu.
Walumaagalatti filannoon hunda injifataa taasisu akka geggeeffamuufi biyya egere gama hundaan badhaate uumuun yoo barbaadame Oromoon, Amaarri, Tigreen, Sidaamaan, Somaaleen, Affaar, Walaayittaan, Silxeen, Guraageefi ummatoonni kaan kan qixxummaan irratti hirmaataniif fayyadaman taasisuun murteessaa ta’uun hubannaafi xiyyeeffannaa argachuu qaba.
Gaazexaa Bariisaa Guraandhala 13/2013
9 Comments to “Filannoon hunda injifataa taasisu akka geggeeffamuuf”