Walanciitii: Talaalliin Gifiraa marsaa 2fa guutummaa biyyattiitti kennamuu eegaluusaa Ministeerri Fayyaa beeksise. Ministir De’eetaan ministeerichaa Doktar Liyaa Taaddasaa kaleessa sirna eegaliinsa talaallii gifiraa magaalaa Walanciitiitti argamuun haasaa taasisaniin akka jedhanitti, dhukkubni gifiraa addunyaarrati dhukkuboota daa’imman qaamasaanii hubuun rakkoo fayyaaf saaxilan, naafessaniifi ajjeesan keessaa isa tokkodha.
Kunis, dhukkuba vaayirasii xixiqqoo ijaan hinargamneen namarraa namatti waan darbuuf keessumaa daa’imman waggaa lamaa gadii salphumatti kan miidhu ta’uusaa ibsaniiru. Dhukkubni kunis iddoowwan daa’imman heddummaatan kanneen akka manneen barnootaa, naannawaa mana jireenyaa, wiirtulee fayyaafi kkftti saffisaan tamsa’uu waan danda’uuf hawaasni eeggannoo barbaachisu gochuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Daa’imman dhukkuba gifiraan qabaman mallattoleen kanneen akka ho’ina qaamaa, qaama daa’immaniirratti hooqxoon shifshifoo mul’achuu, iji diimachuu, hancufniifi imimmaan ijaa baay’achuufi kkfdha ta’uus eerameera. Dhukkuba gifiraa ittisuuf talaalliin marsaa marsaan kennamu dirqama ta’uusaa ibsanii, Itoophiyaatti daa’imman ji’oota sagal guutaniif talaalliin marsaan jalqabaa itti fufiinsaan kan kennamu ta’uusaa addeessaniiru.
Dhukkuba kana al takkatti balleessuun rakkisaa waan ta’eef, umuriin daa’immanii wayita ji’oota 15fi 23 guutu walitti aansuun marsaa sadiif kennamaa tureera; ammas kennamuurratti argamaa jedhaniiru.
Baranas dhukkuba gifiraa kana guutummaa biyyattii keessaa balleessuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraa kan jedhan Doktar Liyaan, ji’a Guraandhala jalqabaarraa kaasee wiirtuleefi hospitaalota biyyattii hunda keessatti talaalliin gifiraa marsaa 2fa kan kennamu ta’uusaa himaniiru.
Qaamoleen dhimmi ilaallatuufi hawaasni bal’aanis tumsa barbaachisu maraa gochuu akka qabu gaafataniiru. Talaallii Gifiraa marsaa 2fa kaleessa Walaciitiitti eegalerratti Daariktarri olaanaa Gilobaal Fandii Mistar Piitar Sandis, ogeessotni olaanaa ‘GAVI’ Doktar Seet Barkaliifi Misis Titoo Rawamushaa, akkasumas hoggantootni olaanaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaafi godina Shawaa Bahaa irratti argamaniiru.
(Takkaalliny Gabayyootiin)
5 Comments to “Talaalliin Gifiraa marsaa 2fa kennamuu eegale”