Itoophiyaan biyya qabeenya bishaaniitiin beekkamte taatus, lammiileeshee dheebuu baasuun garuu hanga har’aattis akkuma itti ulfaatetti jira.
Biyyi laggeeniifi haroowwan gurguddoo akkuma Ardii Afrikaattuu sadarkaawwan duraa irratti argaman osoo qabdu bishaan gidduu teessee bishaan dheebottu tun qabeenya kanatti fayyadamuu dhabuusheetiif ofiishee malee rabbiin komachuu hindandeessu.
Biyyootni Eeshiyaa hedduunsaanii laggeeniifi harroowwan gurguddaa qabaachuu miti kanneen waggatti yeroo lama caalaa rooba hinarganneyyuu har’a namaarra darbee beeyladaafu bishaan qulqqulluu dhiheessaa jiru.
Kan keenya garuu bishaan qulqulluun beeyladaaf hafee namaafuu dharraa ta’eera. Baadiyyaa mitii magaalattuu bishaan qulqulluu argachuun akka waan guddaatti ilaalamaa jira.
Hiyyummaan, boodatti hafummaafi doofummaan biyyattii keessatti yeroo dheeraaf ture qabeenya bishaanii uumamaan biyyattiin gonfatte kanatti sirnaan fayyadamuu dhabuusheetiif sababoota gurguddoo yemmuu ta’an, ammaan tana garuu hamma tokko xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jira.
Hojii maallaqaafi beekumsa barbaadu kanaaf immoo keessattuu magaalota keessatti tajaajila bishaan dhugaatii mirkaneessuudhaaf waajjirri mataasaa danda’ee hundaa’ee hojii keessa galeera.
Waajjirri Fandii Misooma Bishaanii kun erga hundaa’een boodatti maallaqa maddoota garaa garaa irraa funaanuudhaan magaalotaaf deebisee liqii dhala xiqqoofi yeroo dheeraa kennuudhaan sochii waliin ga’iinsa bishaan dhugaatii keessatti ga’ee dursummaasaa bahachaa akka jirutu himama.
Yeroo ammaatti maallaqa gama kanaan magaalotaaf kennamaa jiruun pirojaktootni bishaan dhugaatii hedduun ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, kunneenis sadarkaawwan ijaarsaa garagaraa irratti kan argamaniidha.
Dhiheenya kana haala liqiiwwan magaalotaaf kennamu kun yeroo qabameef keessatti sassaabamuu danda’uufi magaalotni carraa kana hinarganne immoo dafanii argachuu itti danda’amu irratti magaala Adaamaatti mariin gaggeeffamee ture.
Magaalotni biyyattii naannolee garaa garaa keessatti argaman 103 ta’an yeroo ammaatti kanneen ijaarsi pirojaktota bishaanii itti eegalan ta’uusaa kan himan Daarektarri Olaanaa Waajjira Fandii Misooma Bishaanii Obbo Waanaa Waakaa, kanaanis pirojaktootni bishaanii 114 ta’an magaalota eeraman kanneen keessatti ijaaramaa jiraachuu dubbatu.
Hojiiwwan kanneeniifis qarshiin biliyoona 9.7 ta’u liqii dhala xiqqaafi yeroo dheeraa keessatti kanfalamuun hojjatamaa jiraachuu ibsanii, maallaqichis dhaabbilee idil addunyaa garaa garaa irraa kan argame ta’uu himu.
Akka ibsa daarektarichaatti, pirojaktota liqii argameen hojjatamaa turan keessaa 27 kan ta’an xumuramanii tajaajila kennuu eegalaniiru. Liqii fudhatame keessaayyis qarshiin miiliyoona 529 ta’u deebi’uu danda’uu addeessu.
Magaalotni liqicha fudhatan hedduun garuu yeroo kaa’ameef keessatti deebisaa kan hinjirre ta’uusaaniitiin dhimmichi gara seeraatti geessuun dirqama ta’a jedhu. Kun garuu magaalota liqicha eeggachaa jiraniifis rakkoo biraa kan uumu waan ta’eef warreen liqichatti fayyadaman isaan eeggachaa jiraniif yaadanii yeroodhaan deebisuu akka qaban Obbo Waanaan ni hubachiisu.
Magaalotni ligicha fudhatan haaluma waliigaltee raawwatameetiin liqicha deebisuun dirqamasaanii ta’uu kan himan immoo Deetaan Ministera Bishaanii, Jallisiifi Inarjii Doktar Nagaash Wageeshoo, naannoleefi magaalotati kuufamni liqii kun garmalee kuufamee balaa birootiif osoo isaan hinsaaxilin yeroodhaan deebisuu akka qaban ibsu.
Maallaqa fayyadamtootarraa walitti qabamu kuusuudhaan deebisuun hojii salphaa ta’uus eeranii, kanas magaalota liqii fudhatan yeroodhaan deebisan irraa muuxannoo qoodachuu akka qaban dhaamu.
Magaalota liqicha fudhatan hanga ammaatti liqicha kanfaluu hineegaliin keessaa Naannoon Harariifi Beenishaangul Gumuuz kan eeraman yommuu ta’an, naannoowwan Amaaraafi Oromiyaa immoo liqii fudhatan keessaa harka caalu warroota hinkanfalleedha.
Biyya qabeenya bishaanii guddaa osoo qabdu bishaan dheebottu tana dheebuu baasuuf pirojaktootni bishaan dhugaatii magaalotaa kun tumsa olaanaa ta’us, maallaqa liqeeffatan yeroon deebisuu dhabuun immoo akka rakkoo bishaanii keessa turuuf murteeffachuutti ilaallama.
Waan ta’eefis sochiin waliin ga’iinsaa kun akka milkaa’uufi dabareen bishaanii magaalota giddutti taasifamu akka si’achiisutu feesisa.
Bayyanaa Ibraahimiin
6 Comments to “Liqii yeroon deebisuu dhabuu: Danqaa waliin ga’iinsa bishaanii”