“Pirojektota eegalaman xumurree firaafis diinaafis ergaa dabarsina”

Adaamaa: Ijaarsi Hidha Haaromsa Itoophiyaa Guddichaa erga eegale waggaa 10 guuteera. Yeroo sana waggaa shan keessatti humnaafi dandeettii ilmaan biyyaatiif xumuruuf ture kan karoorfame. Ta’us ijaarsicha abbummaadhaan adeemsisaa kan ture Meetek, walitti qabama juuntootaa waan tureef qarshii haati hiyyeessaa sabbatashee keessaa baaftee ijaarsichaaf kennite nyaatameera.

Gareen qabeenya hiyyeessotaa qisaasessaa ture, ijaarsa hidhichaatti humnumaan abbaa itti ta’ee malee yaadrimeesaarraa kaasee hanga qorannoosaatti kan qopheesse ilmaan Oromoo kanneen akka Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo, Injinar Kiflee Horroofaa akka turan ragaan ni ibsa. Kanaaf pirojektichi xumuramuun quuqama Oromoos ta’uu mala.

Kanarraa ka’uun waggoota kurnan darban akka Oromiyaatti gurgurtaa boondiifi arjoomaan qarshii biliyoona 2.6 sassaabuuf karoorafamee qarshiin biliyoona 1.9 (%69) ol walitti qabamuusaati Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Bittaa Boondiifi Arjoomaa Obbo Kaasaahuun Taayyee tibbana wayita gabaasa waggoota kudhaniifi karoora ji’oota ja’aa Adaamaatti dhihaate ibsaniiru.

Akkasumas carraawwan galii argamsiisan kanneen akka gurgurtaa lootarii tombolaafi idilee, gurgurtaa ‘T-shirt’fi ergaa gabaabaa ‘8100 A’ qarshii miliyoona 77 ol walitti qabuuf karoorfamee qarshii miliyoona 47.5 (%61.6) sassaabuun danda’amuu kaasaniiru.

Akkasaan jedhanitti, waggoota 10n darbanitti hojiin gama kununsa qabeenya uumamaa, hoggansii naannichaa carraa argameen dhimma ijaarsa hidhichaa ajandaa taasifachuu, hojjettoota mootummaa boondii bitataniif yeroosaa eegee dhalasaa waliin kanfaltiin akka raawwatamu gochuufi kanneen biro akka ciminaatti ka’u. Danqaa ijoo kan ture garuu hojichi akkahojii dabalataatti Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa jalatti hogganamuun isaa ragaaleen garagaraa sirnaan akka walitti hinqabamne taasiseera.

Dabalataanis, humna ga’aan hojiicha raawwachuu, dameewwan baankii tokko tokko kenna boondiirratti xiyyeeffannaadhana hojjechuu dhabuu, caasaalee gajjallaarraa gabaasa, karooraafi ragaalee yeroofi qulqullinaan sassaabuu dhabuufi kanneen biro akka hanqinaatti kaasaniiru.

Waajjirichatti Ittigaafatamaan Karooraafi Bajataa Obbo Taammiruu Tolaa gamasaaniitiin, hanqinoota mudatan sirreessaa deemuun ji’oottan ja’aa dhufan qarshii miliyoona 35o sassaabuuf karoorafamuu eeranii, kanas godinaaleefi bulchiinsoonni magaalaa akkaataa sochii misoomaafi dinagdeesaaniitiin kan walittiqaban ta’uu ibsu.

Pirezdaantii Ittaantuun Oromiyaa Aadde Caaltuu pirojektoota eegalaman xumuruun diinaafisi firaafi ergaa dabarsuuf hojjechuu akka barbaachisu eeranii, hojiin ijaarsa hidhichaas akka hojii dabalataatti osoo hintaane akka hojii ijootti ilaalamee xiyyeeffannaadhaan irratti hojjetamuu qaba.

Galii walitti qabuuf yaadame kanas haala qabatamaa jireenya ummataa amma jiru ilaalcha keessa galchuun sagantaa arjoomaa yoo hafe duula dadammaqiinta bittaa boondii qopheessuudhaan hawaasni boondii bitachaa aadaa qusannaasaa akka gabbifatu taasisuu barbaachisu kaasanii ummanni Oromoos ittigaafatamummaa dacha seenaanis seeraani itti kenname ba’aachuuf waan irraa eegamu akka gumaachu waamicha dhiheessaniru.

 Bariisaa Amajjii 22 Bara 2013

Recommended For You

4 Comments to ““Pirojektota eegalaman xumurree firaafis diinaafis ergaa dabarsina””

  1. Pingback: Devops services

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *