Gahee dhaabbileen deggarsaa karoora misoomaa milkeessuuf qaban

Takkaalliny Gabayyootiin

Finfinnee: Karoora misoomaa waggaa 10 biyyattiin qabatte milkeessuuf gahee dhaabbileen deggarsaa qaban guddaa waan ta’eef, mootummaan karooricha Kamisa darbe isaaniif dhiyeessuu danda’eera.

Komishinarri Komishinii Karooraafi Misoomaa Itoophiyaa Doktar Fitsum Asaffaa akka jedhanitti, xiyyeeffannoon karoora misoomaa biyyattii jiruufi jireenya lammiilee bu’uurarraa fooyyessuu waan ta’eef biyya waan hundumaan badhaate ijaaruuf gargaara. Keessumaa ammoo dargaggootaaf carraa hojii uumuutiin egeree biyyattii qajeelchuuf kan fayyadudhas jedhan.

Kaayyoon waltajjii marii dhaabbilee deggarsaa waliin adeemsifamees karoora misoomaa waggaa 10 biyyattii qophaa’e dhaabbilee deggartootaafi hawaasa dippilomaatikiitti beeksisuudha. Kanaaf qabiyyeewwan, tarsiimoofi sirna faayinaansii karoorichaa bal’inaan maal akka fakkaatu dhiyeessuun danda’ameera.

Xiyyeeffannoon karoora misoomaa kun jiruufi jireenya lammiilee qabatamaatti kan fooyyessu yoo ta’u, yeroo addaddaatti qaamolee mootummaa sadarkaa sadarkaan jiraniifi waldaalee siivikiif akka dhiyaatu taasifamaa tureera jedhan.

Irra caalaatti gargaarsa mootummaan dhaabbilee deggartootaa irraa barbaadu maallaqa waan ta’eef, karoora dhuunfaasaanii baafachuuf kan gargaarudha. Dhaabbileen kunneenis akkuma karoorri kun qophaa’een akka dhiyaatuufiif irra deddeebiin gaafachaa turan kan jedhan Doktar Fitsum, tarsiimoo gargaarsa misoomaa dursanii akka qopheeffataniif isaan gargaara.

Keessumaa ammoo tarsiimoon misooma dinagdee dhaabbilee deggarsaan qophaa’u fedhii mootummaa, abbootii qabeenyaafi lammiilee biyyattii mara bu’uureffachuu qaba jedhanii, karoorichis ka’umsa kan ta’uudha.

Irra jireessaan gaheen dhaabbilee deggarsaa pirojektoota misoomaa addaddaa bocuutiin hojiirra akka oolu gochuufi hojiilee misoomaa waliigalaa mootummaan karooraan qabate raawwachiisuuf gargaarsa maallaqaa taasisuudha.

Keessumaa ammoo misooma barnootaa, fayyaa, qonnaa, inarjiifi kkf si’eessuuf gargaarsa taasisuu akka qaban kaka’umsa uumaa jedhan. Bajatni karoora misoomaa waggaa 10 ittiin raawwachiisuuf qabame gargaarsa dhaabbilee deggartootaa kan bu’uureffate yoo ta’u, kanaafis qabiyyeensaa karoora misoomaa waaraa akka ofkeessatti hammatu taasifamuusaa dubbataniiru.

Maniiwwan misooma waaraa ammoo kallattiidhaan dhaabbilee deggartootaa waliin walitti dhufnee akka hojjennuuf nu dirqisiisa kan jedhan Doktar Fitsum, mootummaanis waggoota darban keessa xiyyeeffannoo olaanaatiin milkeessuuf hojjechaa tureera; ittis jiraa jedhan.

Gaaffii, “Akka mootummaatti dhaabbilee deggarsaa irraa maaltu barbaadama?” jedhuufis deebii kennaniiru. Kanaanis, dhaabbileen deggarsaa hojiilee dhaabbileen dhuunfaa hojjetanirratti hinhirmaatan jedhanii, garuu ammoo hawaasni dippilomaatikii marti muuxannoo guddina misoomaa biyyasaanii mootummaa Itoophiyaaf akka qoodaniif karaa kan saaqudha. Kunimmoo ce’umsa beekumsaafi babal’ina teknoloojiif carraa guddaa kan uumu ta’uusaati.

Keessumaa ammoo invastaroota beekamoo biyya alaa hawwachuuf gahee olaanaa kan qabu yoo ta’u, kunimmoo hundarra dargaggootaaf carraa hojii kan uumu ta’uusaa eeraniiru. Maallaqni liqaatiinis ta’e deggarsaan isaanirraa argamu salphaatti kan ilaalamu mitii jedhaniiru.

Kanaaf mootummaan rakkoolee caasaa dhaabbilee mootummaa keessa jiran furuurratti xiyyeeffatee kan hojjetu ta’uus kaasaniiru. Oomishaalee waliigalaa biyyattiis kan biyyoota galii giddugaleessaa qaban waliin dorgomaa ta’anii akka dhiyaataniif ni hojjetamas jedhaniiru.

 Bariisaa Amajjii 22 Bara 2013

Recommended For You

3 Comments to “Gahee dhaabbileen deggarsaa karoora misoomaa milkeessuuf qaban”

  1. Pingback: sell drugs
  2. Pingback: https://vhnbio.com

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *