Abdiin dukkana nama marseen utuu hindaangeffamin ifa guyyaa borii arguu danda’uudha. Borii ofiif abdii dhabuun jiraachuuf fedha dhabuudha. Inni kun bara kam caalaa yeroo ammaa biyyoottan guddatan dabalatee kan mul’atuudha.
Fakkeenyaaf bara keessa jiru kanatti lammiileen Ameerikaa %48 ol jireenya abdii kutannaa cimaa keessa akka jiraatan qorannoon ni addeessa. Namootni %53 jireenyasaanii keessatti dhiphinattii hiikamuu namoota dadhaban, namootni %51 ta’an ammoo waan hojjetanitti gammachuu akka hinqabne agarra.
Namootni qabaatanis dhabanis, galiinsaanii guddates xiqqaates nidhiphatu; abdii kutatoodha. Inni kun ammoo namoota hedduu gara dhiphina sammuufi ofajjeesuutti akka geessuu danda’u dhaabbileen akka “National Centre for Health Statistics” jedhaman ibsu. Namoota of ajjeesan keessaa %60 namoota dhiphatoofi abdii kutannaa keessa jiran akka ta’e nidubbatu.
Abdii kutannaan korniyaan, umuriin, bakka jireenyaafi qabeenyaan kan daangeffamu miti. Balbala nama hundumaa rukutuu danda’a. Dargaggootaa hanga maanguddootaatti nimiidha. Hundumaa irra garuu namoota umuriin isaanii ol siqeef akka garggarsi gama xiinsammuun barbaachisu qorattootni ni akeekkachiisu.
Namootni abdii kutatoon haala keessa jiran garasitti, fuula duraatti waan gaarii utuu hinta’in alta’umsa (negative) qofa namoota eeganiidha. Alta’umsa isaan eeganiifi abdii kutannaa isaan keessa jiran walitti dabalamee akka isaan caalaatti dhiphatan taasisa.
Guyyaan borii namoota akkasiif isa har’aa irraa adda kan hintaane guyyaa nuffisiisaadha. Adeemsisaanii adeemsa asii gadi itti fakkaata. Bor waan gaariin nita’a, nijijjiirama, guyyaa addaati jedhanii hineegan.
Yeroo akkasii sammuusaanii keessa kan naanna’u yoo jiraate of ajjeesuu ta’u danda’a. Araada hamaaf of saaxiluu ta’uus nidanda’a. Sababiin isaa daandiin ittiin dhiphina keessa jiran keessaa ba’an du’a itti fakkaata. Inni kun kan namoota umuriin fagaatanii qofa utuu hinta’in dargaggootni sadarkaa mana barnootaa gadiitii eegalee hanga kolleejjiifi yuunivarsiitiitti nimul’ata.
Abdii kutannaan namoota hundumaa kan miidhu yoo ta’e illee dubartoota caalaa dhiirotatti akka hammaatus ni ibsama. Kanaaf dhiirotni dubartoota caalaa bara isaanii keessatti si’a afurii ol of ajjeesuuf akka yaalii taasisan qorattootni dubbatu.
Yaalii of ajjeesuuf taasisan kana keessattis dubartoota caalaa dhiiraotni akka milkaa’an qorannoon “Centre for Disease Control and Prevention” jedhamu ni agarsiisa. Kanaaf abdii kutannaan akka rakkoo guddaaf nama saaxiluu danda’u hubachuun cimsanii irratti hojjechuun, hanga dandaa’ametti keessaa ba’uun barbaachisaadha.
Egaa inni guddaan rakkoo kana beekuu yookaan dubbisuu utuu hinta’in attamitti haalota abdii nama kutachiisan keessaa baanee jireenya abdiin guute jiraachuu dandeenyaa? Tarii rakkoo akka abiddaa nama marsee boba’u, guyyaa borii shakkiin guute, dhukkuba hamaa akka itti hinfayyine mana yaalatti dhageenye, yaaddoofi dhiphina sammuu, yaadannoo rakkoolee jireenya keessatti numudatanii, nama daran jaal’anu yeroo of cinaa dhabnu miira nutti dhagaa’amu, egeree ifaa eegne yeroo dimismisaa’uu eegalu, haalli mijataa hintaane yeroo numarsu isaan kana injifannee atamitti jireenya abdiin guute jiraachuu dandeenya?
Akkuma beekamu jireenyi nuffisiisaan yeroo nama liqimsu salphaatti abdii kutachuun nidandaa’ama. Jireenya shakkiin guuteen akka sochoonu nutaasisuu nidandaa’a. Gammachuu nuti qabnu gara gaddaatti salphaatti geeddaruu danda’a.
Yeroo tokko tokko ammoo tarii akka qophaa taane, akka nama hinqabne yookaan akka namootni nugatan yeroo yaadnu, jireenyi humnaa ol yeroo nutti fakkaatu, kaayyoon jireenyaa yeroo nuwallaalchisu, gaddi yeroo yaada keenya dhuunfatu, waan barbaachisaa yeroo dhabnu, jireenya keenya keessatti dogoggora hamaa waan nutti fakkaatu yeroo raawwatnu, namoota kan biraan yeroo miidhamnu, jireenyi keenya waan mo’ame yeroo nutti fakkaatu, asiifi achi ilaallee deebi yeroo dhabnu, nama hacuucame yeroo fakkaannu, namoota daangeffamoo yeroo fakkaannu, addunyaa kana keessa jiraachuuf wanti nutti hir’ate akka jiru yeroo hubannu gara abdii kutannaatti nugeessuu danda’a.
Haa ta’u iyyuu malee isaan kana hundumaa injifachuun keessaa ba’uun nidandaa’ama. Fakkeenyaaf umuriin kee ganna 30 yookaan 40 yoo ta’ellee ammayyuu abdii qabda. Giddugalatti waggoota 78f biyya lafaa kanarra jiraatta yoo taate umuriin kee waggaa 40 yoo ta’e reef walakkaa bara keetii jiraatte. Kanaan booda of jijjiiruu nidandeessa.
Jijjiiramni garuu kan jireenya kee irratti dhufu bashannanaan, yookaan akka tasaan miti. Televiziyoona daaw’achuun, interneetiirra ooluunis hinargamu. Jireenya dabarsinetti teenyee gadduun, wantoota nubarbaachisan ariitiin argachuuf yaaluunis hindhufu, jireenyi namaa akka interneetaa si’a tokko qofa itti bu’uun waan hedduun hinjijjiiramu.
Utuu ta’ee ba’eessa ture. Haa ta’u iyyuu malee obsaan jabaatanii waan sirrii hojjechuu, isaan kun ammoo guyyaatii gara guyyaatti wal-irratti edaa’amuudhaan jijjiirama guddaa jireenya keenya irratti fiduu danda’u. Tarii isa kana keessatti kufaatiin hindhibu. Inni kun garuu abdii sikutachiisuu hinqabu.
Addunyaa kanarratti namni utuu kufaatii hinargin milkaa’ee baay’een hinjiru. Haa ta’uyyuu malee kufuuf hinhojjetin. Yoo utuu hojjettuu kufaatiin simudate garuu dhuma biyya lafaa waan hintaaneef abdii hinkutatin. Wantootni nuti hojjennu si’a tokko tokko yoo milkaa’anillee yeroo tokko tokko garuu kufaatiin hindhibu.
Kufaatiin numudachuu jechuun carraa dhabeeyyii ta’uu jechuu miti. Filannoo dogongoraarraa kan ka’e ta’uu garuu nidanda’a. Bu’aan filannoo dogoggoraa kun ammoo gara kufaatiitti nugeessuu nidanda’a. Haa ta’u malee addunyaan kun sababa nama wal caalchiftuuf milkaa’uu dadhabne miti.
Addunyaan kun waan nubarbaachisu hundumaan guutuudha. Ilaalcha sirriin ilaaluu danda’uun ga’ee keenya. Boriif dhiphachuu irra har’a jabaatanii hojjechuus barbaada. Sodaa mo’achuun waan hojjechuu qabnu eegaluu gaafata. Sababiin isaa sodaan namoota hedduu xaxee teessisa.
Jireenyis akka bubbeen darbutti kan taa’an eegan miti; kan bokkaa keessa illee hojjetaniidha. Hanga lubbuun jirutti abdiin nijira. Inni kun yoo heeyyamneef qofa. Gammachuu keenya, abdii keenya nama kan biraa, haala kan biraa irra yeroo keewwannu rakkoo kanaaf nisaaxilamna. Sababiinsaa namni ni jijjiirama.
Haalli nijijjiirama. Abdii nuti qabnus akkasuma haala jiruu wajjin jijjiirama. Bor gaariitu ta’a, jireenya gaariitu jira, haala gaariitu jira, addunyaa gaariitu jira jennee isa har’a arginu garasitti inni nuti ilaallu nidimsimsaa’a. Sababiinsaa haalota nuun alaatu abdii nuti qabnu boce. Inni kun ammoo dhumnisaa tarii abdii kutannaadha.
Yeroo tokko tokko abdiin keenya haala nuun alaarratti akka hundaa’uuf yaalii gochuu nidandeenya ta’a. Abdii nuti qabaannu ilaalcha namaa, haala naannawa keenyaa, taateewwan adda addaa qofarratti ijaarraan egereen keenya raafamaa ta’a. Duraan dursinee isa kana injifachuun murteessaadha.
Haalli numarse akka nu hinmoone, akka egeree keenya hinmurteessine gochuun ga’ee keenya. Guyyaan har’aas akka jijjiiramu beeki. Baay’een keenya waa’ee nama Liz Murray jedhamtuu rakkoo cimaa keessa attamitti akka isheen dabarsite dubbisneerra ta’a.
Haalli isheen keessa turte boriif nama abdii tokko illee qabdu hinfakkaattu. Maatii araadaan mancaa’an, qabeenya qaban gurguranii kan fixan, dhuma irratti dhukkuba ‘HIV’’n qabaman keessaa dhalatte. Liz mana mataashee jala qabattee bultu kan hinqabne jireenya dhiphisaa jiraachaa turte. Rakkina irraa kan ka’e nama injiraanni uffata ishee weerare, fooliin ishee kan namatti hintolle, barattoota wajjin barattu sababa qaanofteef mana barnootaa dhiiftee galte.
Waggoota muraasa booda murteeffachuun mana barnootaatti deebitee barattuu gosa barnoota hundumaan “A” fidan keessaa tokko taatee Yuunivarsiitii Harvardiin seente. Namni mana mataa jala qabattee bultu hinqabne barattuu Yunivarsiitii Harvaardi taate.
Ittifufuun kitaaba beekamaa nama barreessitu taate. Egereen ishee haala ishee marseen hinbooji’amne. Tarii baay’een keenya rakkoon akkasii numudachuu dhiisuu nidanda’a ta’a. Namootni haala mijataa qabnu ammoo hangam ishee caalaa hojjechuufi deemuu dandeenyaa? Inni kun itti yaaduu barbaada.
Waan hundumaa irra garuu jireenya keenya keessatti wantootni abdii nukutachiisan yeroo nuqunnaman waan gochuu qabnu keessaa tokko namoota itti dhiyaannutti haala keessa jirru hiruufiin murteessaadha. Fakkeenyaaf sababa tokko malee wanti nugaddisiisu yoo jiraate, sababa tokko malee qophumaan kan nutti dhagaa’amu yoo ta’e hiriyootaafi namoota nutti dhiyaataniif hiruun barbaachisaadha.
Akkasumas hanga dandaa’ametti hojii tola ooltummaa keessatti hirmaachuun hiriyoota haaraa fedhii nukeessatti quucare kakaasan horachuun, ilaalcha ofii sirreeffachuu, haala naannoo keenya jirutti gammaduu danda’uu, ajaa’ibsiifachuu, galgala utuu hinrafin dura wantoota guyyaa keessatti itti gammadneefi galateeffachuu qabnu barreessuufi kkf, gochuun barbaachisaadha.
Sababiin isaa yeroo rafnu yaadni nama aarsu yookaan alta’umsi mataa keenya keessa kan naanna’u yoo ta’e hirribni gaariin nuti qabaachuuf turre nu irraa sokka. Guyyaan har’aa ammoo lammata deebi’ee hindhufu.
Guyyoota jiraannu hundumaa keessatti namootaaf eebba malee sababa gaddaafi jeeqamuu akka hintaane, yeroo qabnutti fayyadamuun namoota gargaarsa barbaadan cina dhaabachuun murteessaadha. Gochaafi jechootni keenya illee kan namoota fayyisan ta’uu qabu. Yoo akkas ta’e ofii keenya qofaaf utuu hinta’in namoota kan biraa keessatti illee namoota abdii horan taana.
“Addunyaa kana irratti namni utuu kufaatii hinargin milkaa’ee hinjiru. Haa ta’u iyyuu malee kufuuf hinhojjetin. Yoo utuu hojjettuu kufaatiin simudate garuu dhuma biyyaa lafaa waan hintaaneef abdii hinkutatin”
Zarihun Gabree
Gaazexaa Bariisaa Amajjii 15/2013
7 Comments to “Egeree kee Abdiidhaan malee miidhama keetiin hinbocne”