Torban kana keessa kan hawaasummaa dabalatee miidiyaaleen biyya keenyaa oduuwwan ammeetiin (breaking news) dhiphatanii turan. Oduuwwan ijoon kunniinis dhimma qabamuufi barbadeeffamuu hoggantoota juuntaa murna ABUT.
Kanas keessumaa miidiyaaleen hawaasaa suuraadhaan deeggaranii hordoftootasaaniif dhiyeessaa turaniiru. Jaarsoliin har’a dukkana keessa asiifi achi dhokatan, qabamaniifi barbadeeffaman kunniin abbootii kaayyoo ifatti mul’atuufi ifaafi dhokataa uumuun biyya akka hintaane gochaa turaniidha.
Ittiin fulla’uu hindandeenye malee waan isaan waggoota aangoorra turan raawwatan sabaafi sablammiileen biyyattii hindagatan.
Dogoggorri jara kanaa tarsiimoosaanirraa madda. Ilaalcha isaan sabaafi sablammilee keessattuu saboota guguddaarraa qabanirraa ka’a. Asirratti fakkeenyuma tokko haa kaasuuf ABUT jalqabumarraa Oromoofi Amaaraarraa sodaafi jibba qaba. Baay’inniifi bal’inni lafa irra qubatanii isaan sodaachisa.
Kanaaf tarsiimoo saboota kanneen ofirraa ittiin fageessaniifi sablammiillee bicuu ammoo ofitti qabataniin qopheeffatanii hojiirra oolchaa turan.
Ta’us kaayyoon oftuulummaafi abbaa irrummaa yoomiyyuu hinmilkaa’u, milkaa’ees hinbeeku. Addunyaa kanarratti kan akka Adoolfi Hitlariifi jaarmiyaasaa Naazii Jarman goobee addunyaa sodaachise hinturre.
Xumurri nama kanaafi jaarmiyaasaa akkuma hoggantoota Wayyaaneefi ABUT qaanii ture. Kufaatii deebi’anii hinkaane kufe. Bineettoo Mosoloniin, inni abbaa jaarmiyaa Faashistii Xaaliyaanii, akkuma bookkiseetti hinhafne. Xumurasaa akkuma Hitlar kufaatii gadheedhaan golobame.
AbbootIin irree lamaanuu garaa garummaa guyyaa lamaa keessatti barbadaa’an. Jaarmiyaaleensaaniis isaanuma wajjin awwaalaman. Jaarmiyaalee kanneen deeggaruunis addunyaarratti yakka ta’e.
Egaa tarkaanfii ijibbaachisaa nageenya biyyaafi ummataa jidgugaleessa godhachuun raayyaan ittisaa keenya gootichi qaamolee nageenyaa biroo wajjin ta’uun fudhateen ABUT akkuma jara kanaa irreesaa agarsiisaa, biyya hunkuraa ture jilbeeffachiiseera, kanaanis kaan barbadeessee, kaan ammoo harka kennachiiseera.
Akkuma hima didduun du’a hindiddu jedhamu san humnoonni juuntichaa harka nagaaf diriireef rukuchuun ibidda ofii qabsiisaniin waxalamaniiru, akka hintaane ta’aniiru, salphataniirus.
Ulee murnoonni juuntaa ittiin rukutamanii, akka laastikii ibadda bu’ee ta’an kana nageenya waaraa ummatichaafi biyyaatiif jecha gara ergamtootasaa iddoowwan adda addaatti argamaniitti diriirsuun ilkee farreen nageenyaa buqqisuun nagaa hawwamaa jiru mirkaneessuuf yeroonsaa ammaafi ammaa.
Gaazexaa Bariisaa Amajjii 8/2013
7 Comments to “Nageenyi waaraan hawwamu akka mirkanaa’uuf…”