Dhaabanni tola ooltummaa ‘Galaana Magariisaa’ badhaasa beekamtii kenne

Finfinnee: Dhaabbanni tola ooltummaa atileetiksii,  “Galaana Magariisaa” jedhamu ALI bara 2004 magaalaa Finfinneetti hundeeffame. Kaayyoon dhaabbatichaa atileetota dorgommii dhaabuudhaan dagataman manasaaniitti rakkachaa jiran gargaaruuf akka ta’e dubbatama.

Dhaabbatichi waggaa saglaffaa itti hundeefametti namoota guddina atileetiksii biyyaaf gumaacha gochuudhaan soorama bahan lama ambaasaaddara dhaabbatichaa gochuudhaan moggaaseera.

Haaluma kanaan dhiiraan fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadiin Itoophiyaa olompikii Mooskoo kan ALA bara 1980 Ruusiyaarratti gaggeeffameerratti hirmaachuufi meedaaliyaa nahaasaa argamsiisuun kan duraa ta’uun beekamu  Irreessaa Isheetuu Turaan moggaafameera.

Isheetuu Turaa shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaa, taphawwan Guutuu Afrikaafi shaampiyoonaa atileetiksii Afrikaarratti hirmaachuudhaan meedaaliyaawwan warqii, meetiifi nahaasaa walumaagalatti meedaaliyaawwan 132 ol  hammaarrachuudhaan Itoophiyaa, Afrikaafi adduyaarratti goota beekamaa ta’uunsaa kan yaadatamuudha.

Seenaa fiigicha gufachiisaa meetira kuma sadii Itoophiyaaf meedaaliyaa nahaasaa argamsiisuudhaan  atileeta duraa ta’uun kan beekamu Irreessaa Isheetuu Turaa waggoota dheeraadhaaf atileetota garee biyyaalessaa kanneen akka Miliyoon Waldee, Silashii Sihiin, Asaffaa Mazgabuu, Geexee Waamiifi kkf horachuudhaan leenca seenaan hin irraaffanneedha.

Seenaa guddaa atileetichi qabu qorachuudhaan dhaabbanni tola ooltummaa atileetiksii kun ambaasaaddara ispoortichaa godhee moggaasuunsaa  atileetota dagatamuun manatti hafan  akka yaadataman gargaarsa guddaa godha jedhee waan itti amaneef jedhameera.

Dubaraan ammoo shaampiyoonaawwan atileetiksii Itoophiyaa, Afrikaafi addunyaarratti fiigicha meetira 800 hanga maaraatoonii fiiguudhaan biyyaa abbaashee Itoophiyaaf meedaaliyaawwan hedduu argamsiisuun addunyaarratti kan beekamtu Komaandar Quxuree Dullachaa  mogaafamuunshee beekameera.

Atileetii  Poolisii  Mana Sirreessaa Federaalaa kan taate Komaandar Quxuree Dullachaa, ambaasaadara atileetiksii ta’uun moggaafamuusheetti gammaduudhaan atileetota dullumaan dagatamuudhaan manatti hafan ibsaadhaan barbaaddee gargaarsa akka argatan gochuuf waadaa galteerti.

Dhaabbatichi  namoota ispoortii atileetiksiif gumaacha olaanaa godhan yaadachuudhaan badhaasa beekamtii badhaaseera. Haaluma kanaan hojii gaggeessaan Warshaa Lallaafaa Peepsii Obbo Geetaachoo Bilboo, garee biyyaalessaa Itoophiyaa yeroo dheeraadhaaf hakiimii ta’uun gargaarsa gochaa kan turan doktar Ayyaaloo Xilaahuniifi gaazexeesaa ispoortii hangafticha Salamoon G/ Igziyaabiheer badhaasa huccuu kabajaafi waraqaa beekamtii badhaaseera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Amajjii 1 Bara 2013

Recommended For You

3 Comments to “Dhaabanni tola ooltummaa ‘Galaana Magariisaa’ badhaasa beekamtii kenne”

  1. Pingback: 3SING

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *