Qajeelfama koree olompikiirratti mormiin ka’e

Hawaasaa: Koreen Olompikii Itoophiyaa walga’ii idilee 45fa isaa tibbana Hawaasaatti gaggeeffateera.

Walga’ii kanarratti sochiiwwan ispoortii bara 2012 taasifaman, rakkoolee mudataniifi haala ittiin furaman, akkasumas, karoora bara 2013 irratti gabaasni dhihaatee mariin gaggeeffameera. Kanaanis ciminaafi hanqina ture adda baasuun qaamni cimaan akka ittifufu hanqinni immoo akka fooyya’uuf kallattiin taa’eera. 

Keessumaa Koreen Olompikii Biyyaalessaa seenaa biyyattii keessatti Yaa’iin Koree Olompikii Afrikaa Finfinneetti akka adeemsifamuufi korichi Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiif badhaasa addaa badhaasuun isaa hojii olaanaa biyyaafi ummata Itoophiyaa gammachiise ta’uun dubbatameera.

Kana malees qophii Tapha Olompikii Dargaggoota Itoophiyaa yeroo jalqabaaf magaalaa Hawaasaatti gaggeessuuuf taasifamaa jiruufi Taphni Olompikii Dargaggoota Afrikaammoo magaalaa Finfinneetti akka gaggeeffamuuf murtaa’uunsaas jajameera.

Haata’u malee, gabaasa dhihaate kana keessaa koreen olompikii biyyaaleessaa aangoosaa dheereffachuuf jecha qajeelfama mataasaa kan qajeelfama koree olompikii biyyoolessaatiin faalessu baasuudhaan hojiirra akka oolu gochuuf dhiheessuunsaa seeraan ala jechuun mormiin irratti ka’eera.

Mormii kanas kan kaaste Pirezidaantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Atileet Daraartuu Tulluu yoo taatu, Koreen Olompikii Itoophiyaa bara darbe yaa’ii ariifachiisaa Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamerratti qajeelfamaan ala   murteef dhiheessuusaatiin falmiin irratti ka’ee turuusaa kaasteetti.

Kanaan dura qajeelfama kanarratti mormiin ka’uun miseensota korichaa gidduutti garaagarummaa uumuusaa eertee,  dhimma kana miseensonni walga’ichaa tasgabbiidhaan ilaaluu qabu jetteetti.

Yaa’ii ariifachisaa bara darbee Bishooftutti gaggeeffamerratti  akka ibsametti, qajeelfamni Koreen Olompikiin Biyyaalessaa dhihessee ture miseensonni yaa’ichaafi korichi akka irratti mari’ataniif kan bulee malee osoo irratti hinmari’atamin murteef dhihaachuun isaa  yaa’ii kana dogoggorsuuf yaadameeti jechuun yaadashee dhiheessiteetti.  

Kanaafuu yaa’iin kun dhimmicha qalbiidhaan ilaaluun murtee akka kennuufi ta’uu baannaan biyyattiin seera biyyoolessaa waan faalleessituuf taajjabbii keessa akka galtu himteetti.  Dhimmi qajeelfama  kanaa yaa’ii torban darbe Mana Maree Ispoortii Biyyaalessaa, Hoteela Sharaatan Addisitti, walitti qabummaa Ittaanaa Minstira Muummeefi Ministira Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnoniin gaggeeffamerratti ka’uun qooda fudhattoonniifi Komishiniin Ispoortii Federaalaa mari’atanii fala akka itti kennan ajajuunsaanii kan yaadatamuudha.

Ta’us manni marichaa yaadota kennaman dhiisuun qajeelfamichi akka ragga’uuf dhiheessuusaa hirmaattonni walga’ichaas mormaniiru.  

Gabaasa dimshaashaa yaa’ii kanarratti dhihaaterraa  ka’uun korichi gurmaa’insa, hojmaataafi qajeelfama humna namaa akka fooyyeessu kallattiin taa’eera.

Hojiiwwan dursee korichi hojjechuu qabu qajelfama ittiin bulmaataa fooyyessuu akka ta’es miseensonni walga’ichaa irratti waliigalaniiru. Qajeelfama sirrachuu qabu ilaalchisuunis korichi qaamolee seeraatiin qorachiisuun qajeelfama seera biyyoolessaa hinfaalleessine qopheessu qabas jedhu. Chaartarii biyyoota garagaraarraa muuxannoo fudhachuun qajeelfama haaraa akka qopheessuufis murtoon darbeera.

Pirezidantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Doktar Ashabbir W/Giyoorgis gaaffiiwwan ka’anIif deebii kennaniin, korichi yaadota Mana Maree Ispoortiirratti ka’an gabbisuuf malee raggaasisuuf aangoo akka hinqabne kaasanii, qajeelfamichis akka mariif dhihaatuuf malee raggaasisuuf waltajjicharratti akka hindhihaanne ibsu.

Kana malees, Koreen Olompikii biyyaaleessaa kun waggoota afuriif tajaajila kennuun yeroosaa waan xumureef filannoo haaraan akka adeemsifamu yaadni  dhihaateera.

Yaada kanarrattis, Komaandar Daraartuun korichi yeroosaa xumurus Olompikiin Tokiyoo gaggeeffamuuf ji’oonni ja’a qofti waan hafaniif olompikicha booda akka ta’uuf yaadni dhiheessite fudhatama argateera.  

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Amajjii 1 Bara 2013

Recommended For You

2 Comments to “Qajeelfama koree olompikiirratti mormiin ka’e”

  1. Pingback: fortnite hacks

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *