Fiigichi olaanaa Itoophiyaatti borurratti ambaasaaddaroonni dubartii sadii ni hirmaatu

Finfinnee: Itoophiyaatti fiigichi olaanaa kan jalqabame bara 1993 yoo ta’u, osoo addaan hincitin waggaa waggaadhaan  Finfinneetti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, kan barnaa ammoo boru mabsaasaaddaroota dubartii biyyoota sadii hirmaachisuun yeroo 20faf adeemsifama.

Waajjirri Fiigicha Olaanaa Itoophiyaa barana namoota kuma 50 hirmaachisuuf karoorfatus sababa koviid-19 namoota kuma 12fi 500 qofti akka hirmaatu ibseera

Hirmaattota kanneen keessaa atileetotnni bebbeekamoon Keeniyaafi Eritiraa, akkasumas ambaasaadaroonni biyyoota adda addaafi qondaaltonni olaanaa Itoophiyaa ni hirmaatu.

Fiigicha olaanaa baranaarratti ambaasaadaroonni dubartootaa sadiifi hirmaachuun taatee addaa yoo ta’u, miidiyaaleerraas gulaalaa Gaazexaa Neeshin kan Keeniyaa dabalee gabaastonni danuun akka argaman waajjirichi ibsa kaleessa kenneen beeksiseera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Amajjii 1 Bara 2013

Recommended For You

3 Comments to “Fiigichi olaanaa Itoophiyaatti borurratti ambaasaaddaroonni dubartii sadii ni hirmaatu”

  1. Pingback: sex bao dam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *